Raashiyaafi Iraan Badhaasa Nobeelirratti akka hirmaataniif affeeramanii mormiin mudannaan hafe

Madda suuraa, AFP
Faawundeeshiniin Noobelii sirna badhaasa Nobeelii bara kana Istookolmitti taasifamu irratti Raashiyaa, Iraan fi Belaarus affeeruusaatif mormiin cimaan mudannaan affeerraa biyyoota kanaa hambiseera.
"Siwiidin keessatti mormiin cimaan akka jiru hubanneerra," jedhe faawundeeshinichi.
Sababa weerara Yukireen irratti gaggeeffameen bara darbe Raashiyaafi Belaarus sagantaa Badhaasa Nobeelii irratti hin affeeramin hafan. Iraan ammoo sarbama mirga namaa raawwattuuf hin affeeramin hafte.
Bara kana Raashiyaan fa'aa affeeramuu isaanif Yukireen komii guddaa dhiyeessitee turte.
Sanbata, Fulbaana 2, 2023 Faawundeeshiniin Nobeelii affeerraa taasise haquu hordofee Yukireen murtee kana baay'ee leelliste.
Sirni Badhaasa Nobeelii yaadannoo Alfireed Noebeelif jecha waggaa waggaan gaaf Mudde 10 Siwidiin, Istookolmitti gaggeeffama.
Sagantaa kanarratti mootin Siwiidin namoota gama fayyaa, fiiziksii, og-barruufi ikonomiksii fa'iin milkaa'ina guddaa argamsiisaniif beekamtii kenna.
Guyyaadhuma wal-fakkaatatti sirni Badhaasa Nobeelii Nagaa ammoo Noorweeyitti gaggeeffama.
Faawundeeshiniin Noobeelii murtee gaafa Sanbataa fudhate sirrii ta'uusaa ibsuun, "Kaayyoofi ergaa Badhaasi Noobeelii dhaabatuuf bal'inaan beeksisuun barbaachisaafi sirriidha.
"Fakkeenyaaf, bara darbe badhaasni Raashiyaafi Belaarus keessatti kanneen mirga namaaf falman, akkasumas Yukireenitti kanneen yakka waraanaa Raashiyaan raawwatte galmeessanii kaa'aniif kenname," jedhe.
Garuummoo, mormiin jiru "ergaa kana haguugeera" jedhe faawundeeshinichi.
"Kanaaf, nuyi waanuma bara darbe ture gochuu barbaanne - innis sagantaa Istookolmiti gaggeeffamurratti ambaasaaddaroota Raashiyaa, Iraanifi Beelaarus affeeruu dhiisudha," jechuun kan biyyoota kanaan alatti ambasaaddaroonni biyyoota kaanii akkuma yeroo kaanii akka affeeraman Faawundeeshiniin Noobeelii hime.
Duraan faawundeeshinichi biyyoota akka Raashiyaafi Iraan yeroo affeeru, miseensi mana maree Siwidin tokko "murtee baay'ee dogoggora ta'e" jechuun falmanii turan.
Boodarra mormiin itti heddummannaan faawundeeshinicha murteesaa haqe.












