Raashiyaafi Iraan waltajjii badhaasa Noobeliitti affeeraman

Dubartii mana gubatu fuuldura dhaabbatu

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

Raashiyaa fi Beelaarus sirna badhaasa Noobelii Istookholmitti gaggeeffamu irratti akka hirmaataniif irra deebiin affeeraman.

Bara darbe Raashiyaan sababa Yuukireen irratti waraana banteef sirna badhaasa Noobelii irratti hin affeeramne ture.

Iraanis bara darbe dhorkamuun bara kana irra deebiin akka argamtuuf affeeramuu Faawundeeshiniin badhaasa Noobelii beeksiseera.

Faawundeeshinichi inumaayyuu warreen duudhaa badhaasa Noobelii hin qooddanneyyuu saganticha irratti affeerra jedhe.

Miseensi Paarlaamaa Swiidin tokko affeerraan noobelii baranaa kun "akka malee waanuma sirrii hin taanedha," jedhe.

Gaggeessaan paartii farra godaantotaa [godaantota kan balaaleffatu], ‘Sweden Democrats Party’ jedhamuu Jiimii Akeesan, sagantaa kana irratti yeroo jalqabaaf affeerame. Garuu hojii baay’ee waanan qabuuf nan ko’oommadha jedhee akka hin argamne ibse.

Badhaasa Noobelii jaha keessaa shan magaalaa Istookhoolmitti waggaa waggaan gaggeeffama. Badhaasni Noobelii Nagaa garuu magaalaa Oslootti kennama.

Faawundeeshiniin Badhaasa Noobelii bara darbe "sababa Raashiyaan Yuukireen weerarteef’’ ambaasaddaroonni Raashiyaa fi Beelaarus saganticha irratti hin affeeramne jedhe.

Beelaarus michuu Raashiyaati.

Gaggeessaan Beelaarus Aleeksaander Lukaasheenkoo "oppireeshinii waraanaa addaa’’ Raashiyaan Yuukireen irrattan gaggeessa jette deeggaru.

Iraan sarbama mirga namoomaa gaggeessuun waggoota dheeraaf qeeqamaa waan turteef, bara darbe saganticha irratti hin affeeramne.

UN, mootummaan Iraan fincila bara darbe biyyicha keessatti ka’e irratti tarkaanfii fudhateen "yakka sarbama mirga namoomaa" raawwachuu hinoolle jedhe.

Daarekterri Faawundeeshinii Badhaasa Noobelii Viidaar Heelgisan murtoo biyyoota kanneen deebisanii affeeruu ilaalchisee, kuni ifaadha.

Addunyaan akka malee gargar bahaa jirti. Mariin namoota yaada addaa qaban waliin godhamus gadi bu’eera. Haala kana dura dhaabbachuuf jecha warra ilaalcha adda tahe qabanis affeeruun waa’ee badhaasichaa, faayidaa saayinsii bilisaa, aadaa bilisaa fi hawaasa naga qabeessaa akka baratan goona,’’ jedhe.