Dubartoonni dirqamaan akka ulfa ittisan taasifaman beenyaa gaafatan

Mana jireenyaa garrreen Girinlaand

Gareen dubartoota 67 ta'anii, Giriinlaandi keessatti mootummaan Deenmaark duula bara 1960mota keessa fedhasaanii malee dhala akka dhaaban taasifaman beenyaan akka kanfalamuuf gaafataa jiru.

Yeroo sanatti sagantaa baay’ina ummata ganamaa daangeessuuf fudhatameen, yoo xinnaate dubartoonni 4,500 ta’an, kan muraasni isaanii ganaa umurii dahumsaa keessatti argaman hundi malli ulfa ittisuu luuppiin (IUD) jedhamu gadaameessa keessa galfameefiidha.

Himannaan kunis bara 2025tti kan xumuramu ta‘ulleen dubartoonni muraasni umuriinsaanii wagga 70 keessatti waan argamaniif, beenyaan ammuma akka kanfalamuuf gaafatan.

Dubartoonni kunneenis, tokko tokkoo isaaniitiif beenyaan doolaara 42,150 akka kanfalamuuf gaafatan. Giriinlaandi hanga bara 1953tti kolonii Denmaark jala kan turte yoo ta’u, amma garuu hanga tokko biyya walabaati (semi-sovereign)dha..

Bara 1966 fi 1970 keessatti qofa, shamarran umuriinsaanii wagga 13 turee kaasee, fedhii ykn beekkamtii isaaniin ala qaamaa dubartoota keessa malli ulfa dhorku (IUD) kun galfamuu ragaan galmee man-kusaa biyyaalessaa ni agarsiisa.

Mootummaan Giriinlaand’s dhuma bara 1939tti naannichatti dubartoota silaa daa’iama godhachu danda’an keessaa %35 kan ta’an mala ulfa dhorku kanaan akka dhaabsiifaman hima.

Komishiniin mootummaa Giriinlaandii fi mootummaa Denmaark saganticha akka qoratuuf hundeeffame hanga Caamsaa bara 2025tti bu’aa qorannoo kan dhiyeessu miti.

‘‘Bu’aan qorannoo hanga qaqabuutti eeguu hin barbaannu,’’ jetti oggeettiin xin-sammuu Naajaa Liiberti, kan duula beenyaa kana eegalte.

"Nuti dulloomaa jirra. Warri dulloomne, kan bara 1960mota keessa malli ulfa ittisuu nuuf kenname, kan 1940mota keessa dhalanneedha. Amma wagga 80tti siqaa jirra. Ammumma akka raawwatamu barbaadna.’’

Aadde Liiberti akka jedhaniitti, darbee darbee malli qaama keessa kaa’ame shamarraniif guddaa ture. Kanaanis rakkoo fayyaa cimaa ykn dhala dhabiinsa irraan qaqabsiiseera.

Dubartoonni kaan ammoo meeshichi qaama isaanii keessa jiraachuyyuu hin beekan ture hanga dhiheenya hakiima gadaameessaatiin adda baafamuutti, jedhan.

Dabalataanis maallaqa fayyaaf baasuu qusachuuf jecha lakkoofsa ummataa Giriinlaand ta’achuuf barbaade jechuun mootummaa Denmaark yeroo sanaa himatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Mootummaan seera cabsuudhaan mirga namoomaa keenya sarbuunsaa fi miidhaa cimaa nurraan gahunsaa %100 ifa ta’eera,’’ jetti.

Oggeessi seeraa dubartoota kanneen bakka bu’e, Maadsi Piraaming, Wiixata kaleessaa gaaffii dubartoota kanneenii Waajjira Ministira Mummee Meete Firederiksan’tti ergite.

Aadde Liiberti akka jedhaniitti, mootummaan bu’aa qorannoo komishinichaan eega jechuun gaaffiisaanii diduu akka malu eegu. Haa ta’u malee, mootummaan yoo dide garichi dhimmicha mana murtiitti akka geessan himti.

Bara darbe Deenmaarki dhiifama gaafachuudhaan saba 'Inuit' jaha kan 1950mota keessa Giriinlaandi keessatti hayyoota afaan Daanish dubbatan ijaaruuf yaalii taasifameetiin maatii isaanii irraa fudhatamaniif beenyaa kanfalee ture.

Giriinlaandi odoola bakka jireenya ummata 57,000 fi kan alaabaafi ministira mummee mataashee qabduudha. Haata’u malee, maallaqni, sirni haqaa fi dhimmoonni alaafi nageenyaa ishee ammalleen Deenmaarkiin to’atama.