Chaayinaan damee garaa garaan akkamiin addunyaa jijjiiruu dandeesse?

Daa'ima alaabaa Chaayinaa qabattee jirtu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Gaggeessitoonni Chaayinaa torbee kana magaalaa Beejingitti wal-gahuun galmawwaniifi fedhiiwwan ijoo biyyattii kan waggaa kurnan ittaanuu irratti mariyachuun murtee dabarsu.

Siyaasa Chaayinaa keessatti qaama siyaasaa olaanaa kan ta'e Koreen Giddu Galeessaa Paartii Komunistii Chaayinaa waggaa waggaan wal-gahuun dhimmoota biyyattii garaa garaa irratti mariyata.

Korichi yaa'ii torbee kana taa'u irratti galma diinagdee bara 2026 hanga 2030 biyyattiin hordoftu ni kaa'a.

Dhaabbata Asian Policy Inistitute jedhamutti qorataa siyaasa Chaayinaa kan ta'e Niil Toomaas, "Tarsiimoon biyyoota Lixaa marsaawwan filannoorratti kan hojjatan yoo ta'u, tarsiimoon Chaayinaa garuu marsaawwan karooraa irratti hojjata," jedha.

Dabaluunis, "Karoorri waggaa shanii Chaayinaan maal milkeessuu akka barbaaddu ibsa; gaggeessaan garam deemuu akka qabu agarsiisa, akkasumas leeccalloo biyyattii kallattii barbaadametti sochoosu" jedha Niil.

Gaggeessitoonni Paartii Komunistii al-gahanii karoorri isaan lafa kaa'an guutummaa addunyaarratti dhiibbaa akka uumu seenaa irraa hubachuun ni danda'ama.

Chaayinaan karoora waggaa shanii baasuun waktiiwwan sadi isheen itti diinagdee addunyaa jijjiirte mee haa ilaallu.

Haaromsa bara 1981-1984

Chaayinaan biyya diinagdee jabduu addunyaa ta'uuf yeroo isheen deemsa itti eegalte bara akkasiiti jedhanii ibsuuf rakkisaa ta'ullee, miseensoonni Paartii Komunistii biyyattii heddu Sadaasa 18, 1978 akka ta'e ibsu.

Diinagdeen Chaayinaa waggoota 30 ta'aniif to'annaa mootummaa jala ture. Haa ta'u garuu guddina barbaadamu fiduu hin dandeenye. Lammiileen biyyattii heddus hiyyummaa keessa jiraachuu ittuma fufanii ture.

Yeroo sana biyyattiin bulchiinsa Maa'oo Zeeduung irraa bayyanataa turte. Gaggeessummaa Maa'oo Ziiduung jalatti diinagdeefi hawaasa biyyattii ijaaruuf jecha duulli gaggeeffame lammiilee biyyattii miliyeenan lakkaa'aman du'aaf saaxileera.

Yaa'ii 11ffaa paartichaa irratti gaggeessaan duraanii Deeng Zhiwaa Piing haasaa taasisaniin Chaayinaan qajeeltowwan gabaa bilisaa tokko tokko fudhachuun akka ishee barbaachisu himan.

Imaammanni "Haaromsaafi Balbala Banuu" bara 1981tti hojiirra oole qaama karoora waggaa shanii seenaa biyyattii keessatti murteessaa ture.

Zoonii diinagdee gabaa bilisaa hundeessuufi investimentiin alaa inni gara biyyattii akka dhufu godhe, jireenya lammiilee biyyattii qabatamaan jijjiirera.

Deeng Zhi'oo Piing fi Jiimii Kaartaar yeroo waliin waliigaltee mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeessan duraanii Chaayinaa Deeng Zhi'oo Piing diinagdee Chaayinaa yeroo banaa godhan pirezidaantii US Jiimii Kaartaar waliin waliigaltee mallatteessanii ture

Niil Toomaas akka jedhutti, Chaayinaan sababa imaammata waggaa shanii hojiirra oolchituuf har'a biyya diingadee jabduu addunyaa taatetti.

"Chaayinaan har'a waan namoonni bara 1970oota keessa abjootaniin olitti guddattee mul'attetti," jechuun ibsa.

Jireenya lammiileeshee jijjiiruu qofa osoo hin taane, diinagdee addunyaarratti dhiibbaa guddaa argisiistetti.

Jaarraa 21ffaa keessa hojiiwwan maanufaakcharingii biyyoota lixaa heddu warshaalee gurguddoo Chaayinaatiin qabamaniiru.

Beektonni diinagdee kana "guddina saffisaa Chaayinaa (China shock) jechuun ibsu. Awurooppaafi Amerikaan dur industiriin beekaman amma Chaayinaan irraa fudhatteetti.

Doonald Tiraamp imaammata diinagdee taarifaafi waraana diinagdee jechuun ifa godhe, hojiiwwan maanufaakcharingii waggootaf Chaayinaadhan irraa fudhatame iddootti deebisuuf kan kaayyeffateedha.

Industiriiwwan haaraa bara 2011-2015

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chaayinaan bara 2001tti Dhaabbata Daldala Addunyaatti erga dabalamtee guddina diinagdeefi wiirtuu damee maanufaakcharingii ta'uun guddina diinagdeen Ameerikaatti aanuun addunyaarraa lammaffaa ta'uu dandeessetti.

Chaayinaan "kiyyoo galii giddu galeessaa" jedhamuun kan beekamu keessatti akka hin kufneef jecha karoora imaammata waggaa shanii qopheessuun dirqama ture.

Kanaaf Chaayinaan maanufaakcharingii gatii gadi aanaa qofa osoo hin taane, industriiwwan guddatoofi qulqullina biyyoonni lixaa ittiin omishaniin omishanii gabaaf dhiyeessanis uumuun isheerra ture. Kana ammoo bara 2010tti hojiirra oolchuu jalqabde.

Siyaasa biyyoota lixaa keessatti jijjiiramni qilleensaa iddoo guddaa argataa dhufuurraa kan ka'e, Chaayinaan omishaalee diinadee magariisaa kanneen akka konkolaataa elektirikaafi meeshaalee aduu gara anniisaa elektirikaatti jijjiiran fa'aarratti xiyyeeffachuun gabaa Awurooppaa to'achuu eegalte.

Har'a Chaayinaan omishaalee anniisaa magariisaa kanneen akka konkolaattota elektirikaa omishuun gabaa addunyaaf dhiyeessuun addunyaarraa adda duree ta'uu qofa osoo hin taane, galteewwan akka albuudaa kanaaf oolan to'achuun ijji addunyaa garashee akka ilaalu ta'ee jira.

Chaayinaan galteewwan albuudaa bakka baay'etti hin argamneefi qaalii ta'an kan omishaalee akka chiippifi hubannoo nam-tolchee hojjachuuf gargaaran to'achuunshee addunyarratti biyya dhiibbaa cimaa uumtu wantoota ishee taasisan keessayi.

Bulchiinsa Pirezidaant Shii Jiin Piing jalatti imaammanni waggaa shan shaniin hojiirra oolu "misooma qulqullina olaanaa qabu" irratti kan xiyyeeffateedha

Madda suuraa, Grigory Sysoev/RIA Novosti/Pool/Anadolu Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsa Pirezidaant Shii Jiin Piing jalatti imaammanni waggaa shan shaniin hojiirra oolu "misooma qulqullina olaanaa qabu" irratti kan xiyyeeffateedha

"Misooma qulqullina olaanaa qabu" bara 2021 - 2025

Imaammanni Chaayinaa karoora waggaa shan shaniin hojiirra oolu yeroo dhiyoo as "misooma qulqullina olaanaa qabu" irratti kan xiyyeeffateedha. Keessumaa bulchiinsa Pirezidaant Shii jalatti.

Kana jechuun olaantummaa omisha teeknolojii Ameerikaan qabdu dura dhaabbachuufi kan ofiishee addunyaatti beeksisuus kan of keessaa qabuudha.

Dhaabbileen akka TikTok, kaampaaniin HUWAE fi hubannoo nam-tolchee dhiyeenya hojirra oole "DeepSeek" jedhamuu fa'aa addunyaatti beeksisuun dhiibbaa Chaayinaan yeroo gabaabaa keessatti addunyaarratti fiddeef agarsiistudha.

Biyyoonni lixaa garuu kana yaaddoo biyyaalessaa isaanii godhanii fudhatu.