Namicha tulluu guddicha addunyaa Evarast irra yeroo 29ffaaf bahuun rekardii cabse

Gaara guddicha addunyaa Evarast namoonni lama hamma fiixeetti bahuun Dilbata kalee rekardii cabsan. Rekardiin inni tokko nama lammii Biriitish'n, inni kaan lammii Nepaal naannoo Sherpaa jiraatuun cabe.

Kaamii Rittaa Sherpaan nama ganna 54 yoo tahu tulluu guddicha addnuyaa al 29ffaaf yaabuun rekardii yoo cabsu, lammiin Biriitan Keentoon Kuul immoo al 18ffaaf fiixeerra gahe.

Kaamiin rekardii ofii qabatee jiru fooyyeessuun sadarkaa morkii haaraa kaa'eera.

Waggaa 20 oliif namoota tulluu sana yaabaniif qajeelcha kennuun kan hojjechaa ture yoo tahu yeroo jalqabaaf fiixee tulluchi kan gahe bara 1994tti yoo tahu ergasii wagga waggaan haala jedhamuu danda'uun yaabaa ture.

Tulluu Evarastitti yeroon yeroo gaara yaabuuti waan taheef iddichi torbanoota dhufanitti namoota dhibbaan lakkaa'aman eega.

Sherpaan meetira 8,849 fiixee tullichaa kan gahe Dilbata darbe sa'atii 07:30 irratti dha.

Torban darbe miidiyaa hawaasaa Instaagiraamii isaarratti yeroo 29ffaaf ''fiixee addunyaarra bahuuf nan yaala,'' jedhee barreesse.

''Nama tokkoof hojii isa kaaniif abjuu dha,'' jechuun barreesse.

Sherpaan kanaan dura tulluu yaabuun hojii kooti jedhee ture- bara darbe garuu tulluu kana al lama yaabuun nama yeroo dheeraaf rekardii qabate Paasaang Dawaa Sherpaa mo'ateera.

Qondaaloti naannoo lammiin Biriiteen Kuul jedhamus Dilbatuma darbe gaara kana bahe jedhan.

Lammiin Biriiteen kunis namoonni naannoo sana baayyeen ni bahu waan taheef ''waan ajaa'ibaa miti,'' jechuun bara 2022tti AFPtti himeera.

Laakpaa Sharpaan dubartii yeroo 10f tulluu kana yaabuun bara 2022tti rekardii qabatte dha.

Mootummaan Neppaal bara kana Eblaaa hanga Waxabajjii namoota tulluu yaaban 400 tahaniif eeyyama kenneera. Namooti yaaban kunneen namoota naannoo sanaa birootiin qajeelfamaati gaaricha bahu.

Bara darbe namooti 600 fiixee gaara kanaa kan gahan yoo tahu, namoonni 18 tahanis tullucharratti lubbuun isaanii darbeera. Kunis kan namoonni baayyeen irratti du'an tahuun galmaa'eera, bara kana namoonni 800 tahan gaaricha akka yaabana eegama.