Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree gaara Evarast biratti nyaataa fi aadaa Itoophiyaa beeksisaa jirtu
Biyyi kibba Esiyaa Neppaal gaarreen Himaaliyaan marfamtee jirti. Tulluun guddichi addunyaa keenyaa Evarast illee iddoo Chaayinaa wajjin wal-daangessitu irratti argama.
Tulluu guddicha cabbii uffate kana yaabuuf namoonni gaara yaabbachuu jaalatan hedduun gara Neppaalitti yaa’u. Yeroo kanatti magaalaan guddoo Neppaal Kaatmaanduun tuuristootaan dhiphatti.
Magaalaan Kaatmaanduu Evarst irraa kiloomeetira 200 qofa fagaatti. Yoo duumessi hin jirre tulluun gamatti mul’ata.
Tulluu kana bahuuf ji’a shaniifi isaa ol fudhachuu mala. Akkasumaan ka’anii waan yaaban miti. Kaampii naannoo tulluu kanaa yeroo murtaa’eef turanii qaama ofii shaakalchiisuun barbaachisaa dha.
Imala gara gaara kanaa boodas namni nagaadhaan qe'eetti deebi’u carraa qabeessa dha. Hanqina oksijiinii, qorra lafee namaa cabsu, cabbiin tulluurraa diigamu fa’iin namoonni reeffi isaanii hin argamne illee jiru.
Karaa Neppaaliin tulluu kana yaabanii reeffi isaanii kara Chaayinaa kan argaman jiru.
Neppaal keessa tulluun baayyeen waan jiruuf, namoonni Evarstiin yaabuu isaaniin dura garreen Himaaliyaa biroo yaabun shaakalu. Kunis garuu salphaa miti.
Kaatmaanduun haala qilleensaa badda-daree waan qabduuf kanneen tulluu bahaniif iddoo haara galfiiti.
Turistoonni Evarastiin bahuuf qajeeluun dura mana nyaataa ‘Top of the World Restaurant’ jedhamutti nyaata Itoophiyaa argatu.
Ittoo handaaqqoo dhandhama gaarii qabu, biddeena waliin maaltu tulluu Evarstiin jala geesse jechuun gaafachuu maltu.
Namni achi geessite Betliheem Baayyee jedhamti.
Hiriyyaashee waliin tahuun nyaata Itoophiyaa kan dhiyeessu ishee dha. Ittoo handaaqqoo, kan foonii, kuduraa gosa gosaa, areeraa fi dhugaatii immoo daadhii fa’i keessummootasheef dhiyeessiti.
‘’Turistoonnis, namoonni biyya kanaas nyaata keenya ni jaalatu,’’ jetti.
Beteliheem akkamiin naannoo gaara Evarast dhaqxe?
Betaliheem Itoophiyaatti dhalattee guddatte, kan barattes biyyumatti.
Yunivarsitii Addiis Ababaa irraas, Afaan Ingiliziidhaan digrii jalqabaa argattee jirti. Kooleejii Hojii Daldalaa Finfinneettis barannoowwan gaggabaaboo fudhatteetti.
Finfinnee keessattis waajiraalee mootummaa fi miti-mootummaa keessatti tajaajilteetti.
Deemsi jireenyaa Neeppaal ishee dhaqates yeroo kanatti jalqabame.
Abbaa warraa ishee lammii UK waliin sababa hojii kanaan wal barte.
Ingilaand deemuudhaan qorannoo koorniyaa, aadaa fi hawaasaan digrii lammataa argatte. Jaalalleeshee yeroo Itoophiyaa turte wal baran waliin gaa’ela dhaabbatan.
Hojiin abbaa warraashee garuu biyya tokkoo gara biyyaa biraa deemuu gaafata.
Naayijeeriyaa, Taanzaaniyaa, Zimbaabuwee, Veetinaam, Kaamboodiyaa, Ingiliiz keessa jiraataniiru.
Amma immoo Neppaal keessa qubataniiru. Betaliheem Atfiild maatii ishee waliin Neeppaal jiraachuu erga jalqabdee amma waggaa afur taheera.
‘’Biyyaa baayyee fagaachaa fi yeroo dheeraa iddoo tokko jiraadhu, jaalalli biyya koof qabu dabalaa dhufa,’’ Jetti.
Biyyoota deemte hundatti waan Itoophiyaa beeksisu hojjechuu filatti.
Yeroo Veetnaam turte korojoo dubartootaa kal’eerraa tolchiti ture. Akka aadaafi seenaa Itoophiyaa beeksisuttis hojjetti ture.
Hojii tola ooltummaas tahe, qorannoo gaafa hojjettu dhimma Itoophiyaa wajjin akka wal-qabatu barbaaddi.
‘’Itoophiyaa beeksisuun fedha. Kennaa baayyee addunyaan kaan baruu qabu qabna,’’ kan jettu Beetaliheem, amma Kaatmaanduutti nyaata Itoophiyaa qopheessuun dhiyeessiti.
Neeppaal Itoophiyaa waliin waan wal ishee fakkeessu baayyeetu jira jechuun dubbatti.
‘’Neeppaal akkuma Itoophiyaa karra galaanaa hin qabdu. Gaarreen gurguddoon kan marfamte dha. Uummatni ishee kolonii jala bulanii hin beekan. Amantii jabeessu, kan Budizimiifi Hinduu. Sanyii moototaas qabu.
Lasoo, ofiin kan boonan, garaagarummaa qabaatanillee wal-danda’uun jiraatu,’’ jetti Beetaliheem.
Nyaata isaaniitti mi’eessituu dabaluu jaalachuun isaaniis Itoophiyaa waliin wal-isaan fakkeessa.
Xaafii fi mi’eessituu kosorata jedhamu qofa dha kan biyya kanatti hin argamne.
Akka Beetaliheem jettutti, Kaatmaanduu keessa kan jiraatan maatii Itoophiyaa saddeet qofa dha. Hunduu wal beeku gatii taheef buna wal waamu.
Nyaata Itoophiyaa dhiyeessuu kan barbaadde namoota biyya sanaafi tuuristootaafi.
Betaliheem yeroo ammaa digrii sadaffaa barachuu jirti. Qorannoon ishee og-barruu Itoophiyaa irratti xiyyeefata.
‘’Og-barruu Itoophiyaa Afrikaa keessatti afaan namoonni baayyee dubbataniin ijaa hin barreeffamneef biyyoota baayyee biratti hin dubbifamu,’’ jetti.
Og-barruun Itoophiyaa afaan biyyaan barreeffamuu irratti mormii qabaachuu baattus afaanota kanneen biroon hiikamuu qabu jetti.
Yaada kana immoo hojiin agarsiisuuf karaa jalqabdee jirti.
Kitaaba barreessaa Addaam Rattaa ‘Alangaa innaa Missir’ jedhu, ‘Wareegama Mosee’ jechuun hiikteetti. Barreessicha eeyyamsiisuun kitaabni hiikte kuni Amaazoon irratti gabaaf dhiyaateera.
‘’Kitaaba Yismaa’ak Warquu,’Kibuur Dingaay’ jedhus hiikeen biyya Ingiliizitti maxxanfamaa jira,'' jette.
Kanaan alatti seenaa kitaabota Afaan Amaaraa garaa garaa irraa fudhatte sagaleessuun Yuutiyuubii irratti qooddi.
Gama kanaan og-barruun Itoophiyaa biyyoota addunyaa kaan akka qaqqabu barbaaddi.