Negelleetti loltuun duraanii haadhasaa haala sukaneessaan 'ajjeesuun' qoratamaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa qalbii isin jeequu mala.
Godina Arsii Lixaa aanaa Negellee Arsiitti taateen tibbana mudate dhageettiif kan hin tollee fi hawaasa biratti rifaatuu guddaa uumedha.
Aanicha Ganda Bombaasoo Reejjii jedhamtutti shakkamaan maqaan isaa Amaanaa Nabii Daaluu jedhamu haadha isaa fi obbolaasaa saddeet deesse halkan haala sukaneessaan ajjeesuun shakkame.
Ittigaafatamaan abbaa alangaa aanaa fi Magaalaa Negellee Arsii kan ta'an Obbo Waaqoo Kutii BBCtti akka himanitti, gochi kuni ALI gaafa Muddee 16, bara 2018 raawwatame.
"Halkan keessaa naannoo sa'aatii 10tti raawwatame. Shakkamaan kuni haadhasaa albeedhaan haala sukaneessaan waraanee ajjeesse" jedhan.
Shakkamaan kuni ammaan dura raayyaa ittisaa deemee kan deebi'eefi eegasii haadhumasaa kana waliin mana keessa lama taa'anii jiraachaa turuus eeran.
"Yakka raawwatame kana suukaneessaa kan godhe shakkamaan kuni haadhasaa albeedhaan waraanee erga ajjeeseen booda balbala itti cufee deeme.
''Isaanuma qofatu mana keessa jiraachaa ture waan ta'eef reeffisheeyyuu guyyaa shan booda argame" jedhan.
Foolii badaa manicha keessaa bahuu jalqabeen hawaasni naannoo shakkiidhaan manichi akka sakatta'amu erga godhaniin booda reeffi harmee kanaa akka argames himan angaa'aan kuni.
Akka carraa naannoo yakki kuni itti raawwatame sana rakkoon nageenyaa wayii waan tureef shakkamaan kuni namoota biroo waliin to'atamee ture.
"Shakkamaan kuni yakka kana erga raawwateen booda bakkichaa hin miliqne.
''Booda waajjira poolisii dhufee yakka kana raawwachuu isaa amanuun harka kennate" jedhan Obbo Waaqoon.
Aayyoon mucaa ofii dahaniin haala sukaneessaan akka ajjeefaman himame kuni waliigala ilmaan sagal kan qaban yoo ta'u isaan keessaa sadii biyya alaa kan jiranidha.
Loltuun duraanii haadhasaa haala sukaneessaan ajjeesuun shakkame kunis yakkicha raawwachuu akka amaneefi abbaan alangaa himata banuuf ragaalee walitti qabachaa jiraachuun himameera.
Itoophiyaa keessatti yakkoota suukaneessoo dhagahuun yeroo yeroon waan baratamaa dhufe ta'aa jira.
Keessumaa ajjeechaan dubartoota irratti raawwatamu ammoo irra deddeebii kan qabu.
Ji'uma kana keessa hojjettuun baankii daldala Itoophiyaa damee Alaltuu kan taate Aadde Adaanech Kumsaa rasaasaan ajjeefamtee reeffishee bineensaan nyaatamuun ni yaadatama.
Ajjeechaan suukaneessaa ...
Erga yeroo dhihooti ajjeechaa suukaneessaa maatiin dhala ofiirratti raawwatu, ilmi abbaarratti yookiin haadharratti raawwatu ibsan irra-deddeebiin dhagahuutti jirra.
Ajjeechaan gurratti ulfaatan kunneen hammi isaa dabalaa jiraachuufi dhabuu hubachuuf qorannoo bal'aa barbaada.
Ammoo gabaasa miidiyaalee nama hordofuuf garuu hammachuu mul'isa. Ajjeechaan gurrattuu dhagahuuf nama sururan kuni hawaasa bir'achiisa.
''Bara akkamiitu dhufe,?'' namoonni akka jedhan taasisa. Safuun Waaqaafi ummata gidduu ture eessa dhaqee kan jedhan jiru.
Taateen duudhaa hawaasarraa maqe kuni hawaasa 'Abbaakoo gaaddisakoo, hadhakoo dandeessuukee' jechuun ibsu keessa maaliif mudate?
Keessumaa hawaasa amantii jabeeffatu keessa akkamin ta'e?
Ogeeyyiin BBC'n dubbise ajjeechaan suukaneessaa dhagahamu dhimma fayyaa ijoo xiyyeeffannoo dhowwamerraa kan ka'edha amantaa jedhu qabu.












