Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yugaandaan dhukkubi Iboolaa deebi'ee eegaluu mirkaneessite
Dargaggeessi ganna 24 Iboolaan qabame giddugala Yugaandaatti du’uu qondaaltonni fayyaa biyyattii mirkaneessan.
Ministeerri Fayyaa biyyattii miidiyaaleetti akka himetti dhukkubsataan kuni osoo hin du’in dura mallattoon irratti mul’atee ture.
Nami kuni aanaa Mubendee, ganda Nigabaano jedhamuufi magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaa irraa 147km fagaattee argamtutti jiraataa ture.
Dhimma dhukkubsataa kanaa Jaarmiyaan Qorannoo Vaayirasii Yugaandaa mirkaneessuu, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibsa baasen himeera.
Akka ibsa kanaatti namoonni saddeet dhibee kanaan shakkaman gargaarsa fayyaa argataa jiru.
Bakka dhukkubi kuni mul’atetti hojjettoota medikaalaa ergaa akka jiruus dhaabbatichi ibseera.
Biyyi Afrikaa Bahaa Yugaandaan tatamsa'ina Iboolaa jiraachuu yeroo xumuraaf kan gabaaste bara 2012 ture.
‘’Ekispartoota [Yugaandaatiif] galanni haa gahu, vaayirasicha saffisaan irra gahaniiru.
‘’Beekumsa kanatti fayyadamuun tatamsa’ina vaayirasichaa dhaabuuf hojjenna,’’ jechuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri Afrikaa Dr Matshidiso Moeti himaniiru.
Dhukkubi Iboolaa dhukkuboota lubbuu namoota hedduu galaafachuun beekaman keessaa tokkodha. Biyyoota Lixa Afrikaa akkasumas Kongoo keessatti kana dura mul'ateera.
Mallattoon gara jalqabaa dhukkuba kanaa gubaa qaamaa, qoonqoo kan madeessuudha jedhu ogeessi fayyaa.
Namni tokko dhukkuba kanaan qabamee osoo irratti hin beekamiin ykn mallattoo hin argisiisiin torban sadii turuu danda'a.