Ameerikaa fi Kanaadaan koolu -galtoota simachuu dhiisuuf waliigalan

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa fi Kanaadaan namoota seeraan ala daangaasaaniitti seenuun koolugaltummaa gaafatan akka hin simanne waliigaluu qondaaltonni biyyoota lameenuu ibsan.
Pireezidantiin Ameerikaa wayita Kanaadaa, Otaawa daawwatanitti Ministira Muummee Kanaadaa Jastin Tiruudoo waliin ta'uun waliigaltee kana labsuuf jedhu.
Waliigalteen kun qondaaltonni daangaa biyyoota lameenii namoota seeraan ala seenuun koolugaltummaa gaafatan akka of duuba deebisan aangoo kennaaf.
Godaantonni hedduun Kanaadaa irraa ba'uun daangaa qaxxaamuranii US wayita seenan ni mul'atu.
Tarkaanfiin kun godaantota baay'inaan karaa daandii Roxham jedhamuun giddugala Kiyuubeek irraaa ka'uun magaalaa Niw Yoork seenan kan ittisuudha.
Akkaataa waliigaltee kanaan Kanaadaan godaantota dararaa fi walitti bu'iinsa baqachuun Kibbaa fi giddugala Ameerikaa irraa dhufan kuma 15 ta'aniif sagantaa addaa simannaa baqattootaa akka qopheessitu qondaalli maqaan isaanii hin eeramne tokko miidiyaa waahila BBC ta'e CBS'tti himaniiru.
Pirezidanti Baayidan magaalaa Otaawaatti dhimmoota diinagdee, daldalaa fi godaansaa irratti Aab Tiruudoo waliin mari'ataa jiru.
Waliigalteen dhimma godaantotaa haaraa kun osoo pirezidantichi gara Ameerikaa hin deebi'in beeksifama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee haaraan biyyoonni lamaan irra gahan kun waliigaltee bara 2004 irra gahan irratti fooyya’iinsa kan taasiseedha.
Waliigalteen kun godaantotni [Ameerikaas ta'e Kanaadaa], biyya sadaffaa "nageenya qabu" keessatti koolu galtummaa akka gaafatan kan hayyamudha.
Waliigalteen haaraan kun kan duraa irraa haala adda ta'een, Kaanaadaan godaantota seeraan ala daangaa qaxxaamuran duubatti akka deebistu kan taasisudha.
Waliigalteen kanaan duraa godaantotni gara Kaanaadaa akka seenan kan hayyamu ture.
Akka gabaasaaleen mul’isanitti biyyoonni kunneen waliigaltee kana irra ga’uuf ji’ootaaf mari’achaa turaniiru.
Bulchiinsi pirezidant Baayidan namoota daangaa kibba Ameerikaa, Meksikoo irraa qaxxaamuranii koolugaltummaa gaafachuuf gara biyyasaanii seenaniif karoora caalaatti rakkisaa ta'e qopheesseera.
Quuqamtoonni mirga namoomaa karoora kana baay'ee qeeqan.
Waliigalteen Ameerikaa fi Kanaadaa gidduutti taasifame kun Kongiresii Ameerikaatiin raggaasisuun osoo hin barbaachisin hatattamaan hojiirra oola.












