Filannoo Keeniyaa: Sabni Kikuuyuu Ruutoo fi Odiingaa irratti wal qoodan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan ittaanaa isaa Wiiliyaam Ruutoo deeggaruu caalaa morkataa isaa durii Raayilaa Odiingaa wajjin waliigaluun isaa gosa Kikuyuu bakka lamatti hiree jira.
Uhuuru, gosti isaa warri Kikuyuu baay'een "ilma keenya" jedhuun ture- keessumaa jaarroleen.
BBC'n dhiyeenya Nyiyeerii- bakka warri Kikuuyuu itti heddummatan- deemun hubachuu akka danda'etti Uhuurun morkata isaa durii Odiingaa wajjin dhaabachuun isaa fudhatama akka dhabu isa taasisaa jira.
Ogeessa seera kan ta'e Wahoomee Gikooniyon Uhuuruu Keeniyaataa nama akka inni gara aangootti dhufu isa gargaare Ruutoo dhiisee morkataa isaa durii Odiingaa wajjin dhaabbachuun isaa gantummaa akka ta'etti fudhata.
"Ruutoo bara 2013 fi 2017'tti hojii harree- hojii galata hin qabne hojjate. Osoo yeroo sana Ruutoon gargaaruu baatee, Uhuurun pirezidaantii hin ta'u ture. Hiriyaan kan malu kanaa? jechuun dubbata Wahoomen.
Namoonni akka Paastar Haanaa Kaniyiter ammoo Uhuuruu Keeniyaataa waa'ee nama angoo isa irraa fudhatuu keessa galuu hin qabu ture jedha.
"Pirezidaantiin maalif filannoo keessa gala? Bakka bu'aan isaa osoo badaa ta'eeyyuu gara tokko goruu hin qabu ture," jechuun dubbata.
Konkolaachisaan taaksii Hasan Kahooroo ammoo Uhuurun gaarii godhe jedhee falmaaf. Akka inni jedhutti siyaasni Keeniyaa sabarratti kan hundaa'e waan ta'eef kana booda barri kan warra saba Lu'ooti- Odiingaan yoo pirezidaantii ta'ee filatame jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Sabni Lu'oo biyyattii akka gaggeessu carraa kennuufii qabna. Pirezidaantiin warra Kikkuyuu fi Kaleenjii irraa qofa ta'uu qaba eenyutu jedhe? jechuun namoota lafa gabaatti walitti qabamanitti dubbata Kahooron.
Keeniyaan erga kolonii jalaa baatee pirezidaantota afur turan keessaa sadi sabaan Kikuyuu yoo ta'an, waggoota 24 biyyattii bulchee kan ture Daani'eel Araap Mooyi ammoo Kaleenjiidha.
Ittaanaa Pirezidaantii Keeniyaa fi amma pirezidaantummaaf morkataa kan jiru Wiiliyaam Ruutoos Kaalenjidha.
Namoonni akka Welder Jaaksan Maayinaa jaarsi ganna 77 Raayilaa Odiingan pirezidaantii ta'uu qaba jedhu. Namoonni baay'en Odiingaa "Baabaa" jedhanii waamu- "Abbaa" jechuu isaaniti.
"Nuti pirezidaantii deeggara, sababa inni Baabaa deeggareef," jedha Jaaksan.
Magaalan Nyiyeerii barjaalee duula filannotin fayamtee jirti. Sirbi kaadhimamtoota farsu gamanaa fi gamasii lommoxama.
Sirbaa beekamaan Keeniyaa Been Giitee sirba haaraa, "Keeniyaan Odiingaa fi Maartaa Karuwa jalatti nagaa taati," jedhu akkaam dhagahama.
Maartaa Kaawuraa Ministeera Haqaa kan turtee fi gostishee Kikuyuudha. Amma immoo Odiingaa deeggartee dorgomaa jirti.
Sirbi biraa nama siyaasaa Beetii Maayinaatiin qophaa'e ammoo uummanni bahee Wiiliyaam Ruutoo akka filatu kadhata.
Wiiliyaam Ruutoo deeggaruun kan dorgomaa jiru Gaachaguwaan malaammaltummaadhaan himatamus warra Kikuyuu of duuka hiriirsuf dhageettii guddaa qaba.
Maartaa Kaaruwaa ammoo sabarraa dhufte Kikuyyuu dursuu caalaa nama sirna haqaa lafa qabsiisuf fedhii guddaa qabuudha. Malaammaltummaa caasaa mootummaa keessa jiru irrattis yeroo dheeraaf qabsaa'aa turte.
Qorannoon filannoo dhiyeenya dhaabbata 'Tifa' jedhamuun gaggeeffame dhugaa yoo ta'e, Uhuuruu Keeniyaatas ta'ee Maartaa Kaaruwaa sabni isaan irraa dhufan Kikuyuun Odiingaa akka filatan amasiisuu hin dandeenye.
Akka qorannichaatti naannoo sabni Kikuuyyuu itti heddummatuGaara keeniyaatti Ruutoon 66% yoo argatu Odiingan ammoo 27% argate.
Akka guutummaa biyyaatti ammoo ragaan qorannoo kun adda. Odiingan 46.7% yoo argatu Ruutoon 44.4% argate.
Keeniyaatti morkataan tokko pirezidaantii ta'uuf sagalee caalmaa 50% oli argachuu qaba.
Uhuuruu Keeniyaatan Raayilaa Odiingaa deeggaruuf murteessun isaa saba Kikuuyuu qofa gargar qoode osoo hin taane maatiisaas gargar qoodeera.
Eessumni isaa Kuungu Muyugayi miidiyaa biyya keessaa tokkotti akka himetti, Uhuurun waan jaarsoliin Kikuyyuu bara 2013 isaan jedhan cabseeti kan Odiingaa deeggare.
Yeroo sana gaafa bara aangoo isaa xumuru morkataa saba Kaalenjii deeggaruu akka qabu waadaa galee ture.
Sabni Kikuuyuu heddumminaan naannoo Gaara Keeniyaa kan jiraatanii fi qotee bultoota. Baala shaayii, bunaa fi hojii bu'aa aannanii fa'aa hojjachudhaan beekamu.












