Baallii Gadaa dabarsuun yeroo dhihaatu kan jilatamu sirni ‘Maqa Baasaa’ maali?

Madda suuraa, Komunikeeshinii Gujii
Gadaan Gujii baallii Gadaa Harmuufarraa gara Roobaleetti dabarsuuf qophiitti jira.
Jila guddaa Me’ee Bokkootti adeemsifamu kanaafis Gadaan Gujii sadan (Uraaga, Maattiifi Hokkuu) ardaa isaaniitti waan jila guddaan dura jiru xumurachuurratti argamu.
Gadaan Maattii tibbana Ardaa Jilaa Damboobii Roobaleetti Sirna Maqa Baasiifi jila adda addaa gaggeesseera.
Maqa Baasi Maali?
Abbaan Gadaa Maattii Miidhagaa Netee, Maqa Baasii kun gulantaa namni gadoomu keessa darbu keessaa tokko jedhu.
“Namni Gadaa fudhatu ulaagaa baayyee keessa deema. Qarree qorata, maqaa baha, achii gara Kuusaa, Raaba, Doorii dhufa. Achiin booda Gadaa fudhata. Yoo kana keessa hin bahin Gadaa fudhachuu hin danda’u,” jedhan.
Maqa Baasa kana Gadaa baallii dabarsuuf deemutu ilmaan isaaniif maqaa baasa. Ammoo ilmaan jedhamee walitti yaa ibsamu malee namni maqaan bahuuf daa’imaa hanga ga’eessaa of keessaa qaba.
Warri Gadaan Maattii tibbana maqaa baaseef kuni ulaagaa guuttatanii kan dhufan yoo ta’u, waggaa 32 har’aa isaan keessaa namni tokko Abbaa Gadaa ta’ee, waggaa 40 har’aa ammoo baallii dabarsa.
Waggoota saddeettan darban Gadaan isaanii Gadoomarra waan tureef Gadaan ammoo waggaa 40’n marsa.
Jilli Maqa Baasaa kuni sirnoota adda addaa ofkeessaa qaba “Mijuu obaasuun jira, korma qaluun jira, ‘Korma kuffisa’ jedhama. Inni biraa rifeensa buufachuudha” jedhan Abbaan Gadaa Miidhagaan.
Warri ulaagaa guutanii Maqaa Baasa kanatti hirmaatan hundi guyyaa kana rifeensa ni buufatu (ni haaddatu). Kunis Godaansa Gadaatti seenuu kan akeekudha.
Maqaan gaafa dhalootaa bahe maqaa hin jedhamu…

Madda suuraa, Komunikeeshinii Gujii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Gadaa Gujiitti maqaan ulfinaafi kabaja qabu maqaa sirna Maqa Baasaa kanarratti namaaf mogga’e malee kan dhalootaa miti jedhu Abbaa Gadaa Miidhagaan.
“Maqaan gaafa dhalootaa maqaa hin jennu akka Oromoo Gujiitti. Gaafa Maqa Baasaa maqaan namaaf mogga’a.
Nama maqaan osoo hin bahin du’ellee mana taa’anii boo’aniif, nama maqaa bahee du’e ammoo diida taa’anii boo’aniif,” jechuun kabaja Maqa Baasii qabu himu.
Namoonni jila kanarratti maqaan baheef hawaaasni maquma dhalootaatiin haa waamu malee maqaan kabajaa maquma jila maqa baasaa irratti baheef sana jedhu Abbaan Gadaa.
Sagaantaa Maqa Baasaa kana caasaa Gadaa gaafa Baallii fudhatan hirmaatan (Abbaa Kallachaa, itti anaan isaa, Fagi, Makkalli, Hayyuun, Hayyuun Fooqaa) hundi maatii isaanii cufa itti hirmaachisanii maqaan baheef.
Jila kanarratti Abbaan Gadaa “Ilma maqaa baafadhaa naa dhagahi” jedhee lallaba. Hayyoonni achi jiran ammoo, “ Ilmi sii dhagahu, loon guddoo tiffadhu,
Haadhaa abbaakee tiffadhu,” jedhee jalaa qaba.
Sirni walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Gujii Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti Gurraandhala A L I 13, bara 2016 adeemsifama.















