Dooniiwwan Yukireen karaa 'Galaana Gurraachaa' ba'an maal fe'an, garam imalu?

Midhaan nyaataa gosa garaagaraa karaa galaana guddicha addunyaa-Black sea jedhamuu kutaalee addunyaa garaagaraa qaqqabu, Raashiyaa fi Yukireen irraa fe'amu. Barii waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegaleerraa kaasee garuu daandiin kun waan gufateef addunyaa yaaddoo keessa buuse.

Kanneen walwaraanaa jiran Raashiyaa fi Yukireen ji'a darbe keessa ulaa kana banuuf (Midhaan akka gara biyyoota gargaarsa barbaadanii deemu ga'eesaanii ba'uuf) waliigaltee abdii namatti horu irra ga'anii turan.

Hoogganaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutaarez walii galtee kanaan ''kan addunyaa maraati,'' jedhan.

Antooniyoo Gutaarez Adoolessa darbe gaafa 22, 2022 waliiglatee Tarkii, Istaanbulitti taasifamerratti ''Sagantaan Midhaan karaa Black Sea fe'uu kun biyyoota beela'uuf qarqara irra jiraniif birmachuuf daandii kan saaquudha,'' jedhan.

Walta'iinsi Raashiyaa fi Yukireen kun, midhaanni Yukireen akkaan barbaadamu karaa buufata biyyattii 'Black sea' akka biyyoota biroof geejjibsiifamuuf haala mijeessa.

Kun erga waraanni eegalee tarkaanfii jajjabeessaa jalqabaati.

Sirni waliigaltee kun raawwatee ji'a tokko booda dooniiwwan 50 caalan midhaan toonii miiliyoona 1.2 fe'anii Yukireenii ba'an.

Dooniiwwan kunneen waraana deemaa jiru gidduu imaluuf itti gaafatamummaa fudhatanii kan ba'aniidha, waraanni isaan marsee jirus dhaabsisuu hin dandeenye.

Inumaa dooniiwwan biroon duubatti harkifataa turanillee isaan kunneen ilaalanii imaluu eegalaniiru.

Garuu dooniiwwan kunneen garam imalu?

Waliigalteen UN watwaataa tureef kun namoonni hedduun beelaaf akka hin saaxilamne gochuu kan kaayyeffateedha.

Dooniin jalqabaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) bakka bu'uun midhaan nyaataa iddoo barbaachisuun ga'uuf ture reefuu bakka itti imaluuf karoorfame qubata.

Dooniin 'Brave Commander' jedhamu Hagayya 16, buufata Yukireen-Pivdennyi irraa qamadii toonii 23,000 fe'ee ka'e amma Jibuutii ga'eera.

Dooniin kun midhaan fe'e kana lammiilee Itoophiyaa kanneen kibba biyyattiitti rakkoof saaxilamaniin ga'uuf kaayyeffate.

Dhaabbati Nyaataa Addunyaa doonii lammaffaa-MV Karteria-jedhamtu gara Yaman akka imaltuuf qamadii toonii 37,500 itti fe'ee karaa buuseera.

Lammiileen hedduun beelaaf saaxilamanii jiran midhaan kana akkaan barbaadu.

Qondaaltonni jaarmiyaa kanaa ammallee dooniiwwan hedduun akka imaluuf jiran ibsan.

Gargaarsa dhababati kun kennu keessaa wanti amma qaqqabe akkaan xiqqoodha, dhaabbati kun bara 2021 midhaan toonii miiliyoona 4.4 gargaarsa kennee ture.

Gargaarsa kana keessaa lama sadaffaan Yukireen irraa argame.

Midhaan nyaataa Yukireen irraa fe'amu biyyoota addunyaa hedduutti fe'ama, hanga ammaa dooniiwwan biyyattiirraa ka'an gara Neezarlaands, Ayarlaand, Jarmanii, Romaaniyaa, Firaansi, Itaalii, Ispeen, Giriis, Tarkii, Libaanan, Masrii, Israa'el, Iraan, Sudaan, Jibuutii, Indiyaa, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa imalaniiru.

Ji'ootaaf erga adda citee booda midhaan nyaataa Yukireen gabaa addunyaarratti deebi'ee mul'achuun addunyaaf hanga tokko aara galfii ta'eera.

Dooniin Yukireen boqqolloo toonii 33,000 feete tibbana buufata dhiha Ayarlaand qaqqabdeetti.

Dooniin kun Guraandhala 24, guyyaa waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegale fe'amtee turte.

Garuu amma reefuu Ayarlaand qaqqabde.

Dooniiwwan Yukireen irraa karaa Galaana Gurraachaa (Black sea) gara biyyoota addunyaa garaagaraatti imalan, gosoota midhaanii akka qamadii, boqqolloo, garbuu, suufii, midhaan zayitaa, boloqqee fi kan kana fakkaatan fe'u.

Dooniiwwan Yukireenii midhaan fe'anii akka imalaniif Ji'a Adoolessaa darbe waliigalamus, gatiin fe'umsa doonii garuu kan waraana dura ture caalaa dachaan dabaleera.

Kunis sodaa zooniiwwan waraanaa keessa imaluuf qaban irraa kan maddeedha.

Sodaa fi yaaddoon kun ammoo Yukireen diinagdeeshee akkaan daddaaqame dandamachiisuuf carraa argatte gufachiisa.

Warri Yukireen ji'atti midhaan toonii miiliyoona 5 erguuf karoora qabu, kun karoora akka malee hiixataadha.

Ammaaf kubbaaniyyaawwan doonii muraasatu midhaan fe'anii imaluuf onnatan (kutatan)- Isaanumtuu kan warra Tarkiiti.

Kubbaaniyyaawwan doonii gurguddoon addunyaa sodaa nageenyaaf jecha ammas duubatti jedhaniiru.

Waliigalteen jaarsummaa UN fi Tarkiin irra ga'ame kun guyyoota 120 qofaaf ture, guyyaan kun xumuramaa jira.

Hanga walakkaa Sadaasa dhufuutti dheereffamuu danda'a-Sunuu yoo Raashiyaa fi Yukireen waliigalan qofa ta'a.

UN waliigaltee kanaan waa hedduu milkeessuuf hawwa, waliigalteen kun ji'a afur booda obba'a taanaan jaarmiyaan kun kisaaraa keessa gala.

''Yoo gabaan kun dhaabbate addunyaan deebitee rakkoo keessa galti,'' jedhe qondaalli Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) Greg Barrow.

Yeroo hedduu waliigalteen gabaa midhaan nyaataa ji'a 18 hanga waggaa lamaa dursee xumurama.

Amma garuu bara 2023-2024 diinagdeen Yukireen maal ta'uuf akka jiru tilmaamuun waan nama dhibuuf waliigaltee akkanaarra ga'uun yeroo fudhata.

Dooniin jalqabaa boqqolloo toonii 26,000 feetee Hagayya gara jalqabaa Yukireenii baate iddoo hedattee kaate Liibiyaa magaalaa Tirippoolii hin geenye.

Dooniin Raanzoonii jedhamtu kun, abbaan boqqolloo bituuf ture rakkoo qulqullinaa kaasuun waan fudhachuu dideef, kara biraatti maqxee karaa dhiha galaana Mediteraaniyaanii imaluun dhumarratti Siiriyaa buufata Tartus qubatte.

Nyaata kana Siiriyaatti buusuun seeraan ala miti, yookiin ammoo dooniin bakka itti imaluuf kaaterraa kallattii jijjiiruun waan haaraa miti.

Imalli Raazoonii kan mul'isu, dooniin imalaaf kaate tokko eessa akka buufattu tilmaamuun nama dhibuu isaati.