Pirezidaantiin jalqabaa Oromiyaa waggaa 27 booda biyyatti galan Obbo Hasan Alii maaliin yaadatamu?

Obbo Hasan Alii fi Shimallis Abdiisaa

Madda suuraa, Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa 'isa jalqabaati' kan jedhaman, obbo Hasan Alii waggoota 27 booda gara biyyaa deebi'uu miidiyaaleen biyyaa keessaa gabaasaniiru.

Obbo Hasan Alii sababa waldhibdee siyaasaan waggoota kurna saditti dhiyaatuuf biyya baqaa keessa jiraachaa turan.

Kamisa har'aa Mudde 25, 2025 gara Itoophiyaatti deebi'uun isaanii kan dhaga'ame.

Obbo Hasan Aliin walakkeessa bara 1980moota keessa akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 1984 hanga 1987 tti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun hojjataa turan.

Bara 1988 ammoo ,wayitaa obbo Kumaa Dammaqsaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii hojjataa turan, Obbo Hasan Alii Pirezidaantii itti aanaa ta'uun hojjataniiru.

Nannawa xumura bara 1990moota keessa biyyarraa baqachuun baqattummaan biyyaa Ameerikaa keessa jiraachaa turan.

Ergasii waa'een isaanii dhaga'amee hin beeku. Miidiyaa irrattis mul'atanii hin beekan.

Kamisa har'aas wayita gara biyyaa deebi'an Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi anga'oota biroon buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti simatamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantii Shimallis, ergaa gama miidiyaa hawasummaa isaanii irratti maxxansaniin ''Obbo Hasan Alii yeroo kurna saditti dhiyaatu booda maatii isaanii waliin gara biyya wayita deebi'an, simachuu kootti kabajatu natti dhaga'amaa'' jedhan.

''Obbo Hasan qabsoo ummata keenyaa keessatti gahee guddaa bahaa nama turaniidhas'' jedhan.

Pireezidaanti Shimalli, Obbo Hasan mootummaan naannoo Oromiyaa sadarkaa har'aa kana irra akka gahuuf namoota adda durummaan bu'uura kaa'aniidha jechuun jajan.

Itti dabaluunis, mootummaan isaan waa'iloota isaanii waliin bu'uuressan qabsoo ummataatin utubamee dhiibbaa hunda damdamatee cimee ummata isaan qabsaa'aniif tajaajilaa jiraa jechuuni ibsan obbo Shimallis.

Gahee obbo Hasan sadarkaa hundatti bahaaniif, akkasumas tajaajila isaanitiif Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka galateeffatus ibsan.

Gama biraatinis Mootummaan Oromiyaa, namoota oolmaa biyyaaf oolan sababoota adda addaatin biyyarraa fagaatan gara biyya isaanii akka deebi'aniif deggarsa barbaachisaa kan taasisan ta'uu eeran.

Obbo Hasan Alii

Madda suuraa, Shimallis Abdiisaa

Obbo Hasan maaliin yaadatamu?

Anga'aan duranoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa kun nama caaseffama mootummaa naannoo Oromiyaa bu'uuressan keessaa isaan tokko akka ta'anitti heeramu.

Waa'ee lafa babal'ifannaa Finfinnee fi lafa isaanirraa buqqaa'uu qonnaan bultootaa Oromoo ifatti nama mormaa turanidha.

''Finfinneen yoo feete samiitti ol haa gudduttu malee, abadan qonnaan bultoota Oromiyaa buqqiftee dalga akka babal'attu hin heeyyamnu'' dubbii jedhuun heddu yadatamu.

Kana malees 'Finfinneen lafti ishees samiin ishees kan Oromooti' jedhan jechuunis kan isaan yaadatan heeddudha.

Waa'ee Jijjiirraa Alaabaa Itiyoophiyaa irrattis nama gumaacha guddaa qabuudha.

Heerri Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa Sadaasa 29, 1987 wayita ragga'u, namoota ummata bakka bu'uun dhimmicha irratti mariisisaa turanii fi mootummaa naannoo Oromiyaa fi Uummata Oromoo bakka bu'uun mallatteessan keessaa Obbo Hasan isaan tokko.

Magaalaan guddoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinne akka ta'uu fi afaan hojii naannichaa Afan Oromoo akka ta'u labsii fi heera naannichaa keessatti akka hammatamuf kanneen qoda ba'an keessattis eeramu.

Haa ta'uu malee garagarummaa siyaasaa anga'oota mootummaa yeroo sana olantummaa qaban garee TPLF waliin wal dhabdee keessa galuun ALI bara 1989 biyya isaanii gadhiisanii baqachuuf dirqaman.