Godina Jimmaatti qeerransi lubbuu haadha warraafi abbaa warraa galaafatee, milishoota lama miidhe

Madda suuraa, Getty Images
Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti miidhaa qeerransi Kibxata ALI’tti gaafa Qaam’ee 1, 2014 geessiseen lubbuun haadha warraa fi abbaa warraa darbee, milishoota lama irraaan ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu aanichatti, qindeessaan qorataa balaa, Gargaaraan Inispektaraa Tarrafaa Hundeessaa BBC’tti himan.
Qondaalli kun akka jedhanitti, guyyicha naannoo sa'aatii 6:30 irratti abbaa warraa fi haati warraa, Aanaa Shabee Somboo, Magaalaa Shabee, Ganda Dirree Guddinaa bakka addaa Sabbaaqaa jedhamutti, hojii qonnaatii osoo galaa jiranii ture, qeerransi mooraa namaa keessa seenee ture itti bahuun miidhaa irraan geessiseen lubbuun isaanii kan darbe.
“Mucaan Fu’aad jedhamu sagalee saree duttuu dhaga’ee gadi yoo ba’u, qeerransi mooraa isaanii keessaa mukarra ququphanaa jira. Kanumaan mucaan na’ee gara manatti deebi’uun balbala cufate. Sana booda bineensichi abbaa manaafi haadha manaa mooraa sana jala darbanii gara mana isaanii deemaa turan irraan miidhaa qaqqabsiiseen, achumatti ajjeeseera,” jechuun taatee balaa kanaa himan qorataan kun.
Namni lubbuun isaanii balaa bineensa kanaatiin darbe Obbo Macheelloo Maammoo, nama ganna 65 yoo ta’an, haati warraasaanii Aaddee Abbabech Walda-Mikaa'el ammoo dubartii gannaa 50 tu’utu himame.
Abbaan manaa fi haati manaa kunneenis waliin ilmaan qabaachu baatan illeen, kanaan dura lamaan isaaniiyyuu nama biraa waliin ijoollee horatanii kan qaban ta’uu dubbatu Inspeektar Tarrafaan.
Taatee kana hordofee caasaan nageenyaa hawaasa waliin ta’uun bineensicharratti hordoffii taasisaa tureen, bineensichi milishoota gandichaa lama irraan miidhaa qaamaa akka geessise dubbatu Inspeektari kun.
Miidhaan kunis erga milishaan tokko itti dhukaaseen booda ta’uu fi milishoonni miidhaan qaamaa irra gahes Hospitaala Saqqaatti yaalamaa jiraachuu dabaluun himaniiru.
Qeerransi uumama isaatiin qoccollaa ykn tuttuqqii namaa irraa ka’ee malee callisee hubaatii hin geessisu kan jedhan Inspeektar Tarrafaan, amma yoonaatti sababni ittiin bineensichi miidhaa kana geessise akka hin baramne himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taateen raawwate kunis kan kana dura naannichatti hin baratamnee ta’uu kaasuun, bineensichi miidhaa dabalataa akka hin geessisneef caasaan nageenyaa aanichaa hordoffii taasisaa jiraachuu dabaluun himaniiru.
Aanaan Shabee Somboo magaalaa Jimmaa irraa kallattii Kibbaatti naannoo fageenya kiloometira 50 irratti kan argamu yoo ta'u, aanaalee Jimmaa bosona Ballaxaa Geeraa daangessan keessaa ishee tokkodha.
Qubusumni seeraan alaa bosonicha keessatti kallattii gara garaan taasifamu yaaddessaa dhufuufi kanaan dura qeerransi bosonicha keessaa bahuun darbee darbee loon irratti miidhaa geessisaa turuus BBC’n odeeffateera.
Gargaaraan Inspeektaraa Tarrafaan akka jedhaniitti, bosonichi bakka argama biqilootaa fi bineensota adda addaatti. Kanaafu, “Osoo mooraa qabaatee, eegumsi addaa bineensota kanneeniif taasifamee gaariidha,” jedhu.
Baatiidhuma tokkoon dura ji’a Hagayyaa keessaa naannoo Magaala Buraayyuutti waraabeessi miila dargaggeessaa tokko lama yoo irraa nyaatu, Magaala Finfinneetti ammoo daa’ima tokko irraan miidhaa qaqabsiisuu isaa BBC’n gabaasuun ni yaadatama.












