Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp 'Iraan mari'achuu barbaaddi, garuu dursa tarkaanfii fudhanna' jedhe, Iraan haaloo ba'uuf dhaadatte
Iraan yoo US haleellaa raawwatte akka haaloo baatu ibsiteetti, maddeen BBC fi rogeeyyiin hiriirtonni dhibbaan lakkaa'aman humnoota mootummaan ajjeefamuu ibsan.
''Haalli as jiru baayyee hamaadha,'' jedha maddi Tehraan irraa haala jiru BBC'f ibse.
''Hiriyyoonni keenya hedduun ajjeefamaniiru. Rasaasa kallattiin nutti dhukaasu. Dirree waraanaa fakkaata. Daandiiwwan dhiigaan uwwifamaniiru. Reenfi namootaa konkolaataa fe'umsaan guuramaa jira.''
BBCn iddoo awwaalchaa handaara magaalaa Tehraanitti reenfa huccuudhaan marame 180 lakkaa'eera.
Maddi Oduu rogeeyyii mirga namoomaa US jiru hiriirtonni 495 ajjeefamuu gabaase.
Akkasumas guutummaatti biyyattiitti humnoonni nageenyaa 48 du'uu ibse.
Erga hiriirri mormii eegalee torbanoota lamaan darban keessatti namoonni kuma 10 fi 600 ta'an hidhamaniiru jedha maddi oduu kun.
US ajjeechaa mootummaan Iraan hiriirtota irratti raawwachuu eegale hordofuun akka giddu seenuu dandeessu doorsisaa jirti.
Dilbata, Amajjii 11, 2026 garuu Tiraamp aanga'oonni Iraan itti bilbiluun ''mariif taa'uu akka barbaadan'' itti himuu ibse.
Haata'u malee US ''walga'ii kana dura tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabdi,'' jedhe.
Tiraamp US tarkaanfii akkamii fudhachuuf akka deemtu bal'inaan hin ibsine, garuu dubbii isaa Dilbataa keessatti ''tarkaanfii jabaatti deemaa jirra,'' jedheera.
Qondaalli US tokko miidiyaa michuu BBC ta'e CBStti akka himetti Tiraamp humna waraanaan haleellaa Iraan irratti raawwachuu ilaalchisee haala jiru irratti ibsi kennameeraaf.
Qondaalonni US biroon Gaazexaa Wall Street jedhamutti akka himanitti haleellaa humna waraanaan alatti filannoon Tiraamp fayyadamuu danda'u yaada faallaa mootummaa Iraan kan onlaayinii jiru cimsuu, haleellaa saayibarii waraana Iraan irratti raawwachuu ykn qoqqobbii dabalataa irra kaa'uudha.
Dubbi himaan paarlaamaa Iraan yoo mootummaan haleellaa raawwatte giddugalli waraanaa fi doonii Israa'el fi US kanneen naannawa sana keessa jiran xiyyeeffannaa haleellaa isaanii akka ta'e akeekkachiisaniiru.
Iraanitti hiriirri qaala'iinsa jireenyaa mormuun eegalame yeroo ammaa bulchiinsi hoogganaa olaanaa biyyattii Ayaatollaa Kameenii akka aangoo gadhiisu gaafachuutti ce'eera.
Abbaan alangaa waliigalaa biyyattii qaamni hiriira kana keessatti hirmaatu hunduu ''diina Waaqaatti ilaalama,'' jedhe.
Hiriira mormii ba'uun yakka du'aan nama adabsiisudha jedhe.
Hoogganaa olaanaan biyyattii Ayaatollaa Alii Kameenii gamasaaniin hiriirtotaan ''gurmuu saamtotaa Tiraampiin gammachiisuuf socho'anidha'' jechuun hiriirtota bittimsan.
Dilbata kaleessaa, Amajjii 11, 2026, biyyattiin ''wareegamtoota Iraan waraana biyyaalessaa humnoota US fi Israa'el irratti gaggeeffameen du'an,'' jetteef gadda biyyaalessaa guyyaa sadii labsiteetti.
BBCn Afaan Peerzhiyaa Jimaata galgala reenfi namoota 70 hospitaala magaalaa Rasht geeffamuu mirkaneeffateera.
Ogeeyyiin fayyaa magaalaa Tehraan ammoo ''namoonni 38 ajjeefamaniiru, hedduunsaanii akkuma hospitaala seenaniin lubbuun keessaa ba'e. Dargaggoonni rasaasaan mataarra, onneerra rukutamanii dhufan hedduudha. Baayyeensaanii osoo hospitaala hin ga'in karaatti du'an,'' jechuun BBCtti himan.
BBC dabalatee miidiyaaleen idiladdunyaa waan Iraan keessatti mudataa jiru kana kallattiin gabaasuu hin dandeenye.
Mootummaan biyyattii Kamisa darberraa eegalee guutummaa biyyattiitti interneetii cufeera. Kun ammoo akka odeeffannoo qulqulluu fi mirkanaa'aa ta'e hin baane gufuu ta'eera.
Viidiyoowwan BBCn dhugaa ta'uusaanii mirkaneesse hedduun hiriirtonni fi qaamoleen nageenyaa biyyattii walitti bu'uu agarsiisu.
Keessattuu biyyattii keessatti guddinaan lammaffaarra kan jirtu magaalaa Mashhad keessatti walitti bu'iinsa hamaatu ture.
Magaalattii keessatti dhukaasi akka waan dirree waraanaa ta'eetti dhagahama. Hiriirtonni gamoowwanii fi dallaawwan manaa jala dhokachuuf wayita yaalan, kallattii tokkorraa dhukaasi akka abiddaa boba'u ni mul'ata.
Magaalaa Tehraan keessatti Sambata galgala, Amajjii 10, 2026, wayita hiriirtonni bulchiinsa Gisha keessatti daandiiwwan weeraran viidiyoon ni mul'isa.
Adda babayiin Punak hiriirtotaan dhuunfatamee ture. Hiriira kanarratti dhaadannoon bulchiinsa amma aangoorra jiru mormu guddatee dhagahama.
Qaamoleen nageenyaa ammoo dhukaasa hamaa dhukaasaa turan.
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan hookkara mudateef US fi Israa'el himate.
''Biyya keessaa fi biyya alaatti namoota dhuunfaa leenjifatanii bobbaasaniiru. Shororkeessitoota biyya alaatii galchaniiru. Hojiinsaanii Masjiidota gubuu, giddugala gabaa mancaasuu, fi yuniyeeniiwwan barbadeessuudha. Abidda qabsiisuun biyyattii gooluudha,'' jedhe.
Haata'u malee ragaawwan suuraa fi viidiyoo BBCn argatee fi mirkaneesse qaamoleen nageenyaa Iraan wayita iddoowwan adda addaatti hiriirtota irratti dhukaasan agarsiisu.
Akka fakkeenyaatti magaalaa Tehraan, lixa bulchiinsa Kermanshah fi kibba bulchiinsa Beshehr keessatti hiriirtota irratti dhukaasaniiru.
Humnoonni nageenyaa Iraan Hospitaala Imaam Komeyinii irratti wayita dhukaasanis viidiyoon mul'iseera.
Hiriirtonni hedduun hospitaala kanatti humnoota nageenyaa jalaa dheessaa turan.
Iraan keessatti mootummaan durumaanuu interneetii ugguree waan tureef ummanni biyyattii addunyaarraa adda ba'eera. Interneetiin kan hojjetu biyya keessatti qofa ture.
Amma garuu mootummaan uggura isa kanaan duraa caalu interneetiirra kaa'eera. Kan duraan biyya keessa qofatti hojjetus uggureera.
Ogeeyyiin akka BBC Afaan Perzhiyaatti himanitti uggurri amma interneetiirra kaa'ame kan bara 2022 kaa'amee ture caalaa hammaataadha.
Yeroo sana dubartii mana hidhaatti duuteef sagalee ta'uuf hiriirri Women, Life, Freedom jedhamu gaggeeffamee ture.
Qorataan dhimma interneetii Alireezaa Manaafii karaan ittiin addunyaa biraan quunamuu danda'an karaa saataalaayitii Starlink satellite qofa jedhe.
Garuu mootummaan waan hordofuuf fayyadamtoonni of eeggannoo cimaa gochuu qabu jedhe.
Ilmi mootii Iraan US jiru- Jabaadhaa, dhihoottin isin biratti argama
Ilma mootii dhumaa Iraan kan ta'ee fi yeroo ammaa US kan jiraatu Reezaa Pehlaavii hiriirtota Iraaniin ''isin cinaan jira,'' jechuun akka jabaatanii itti fufan dhaame.
Dilbata kaleessaa Ameerikaarraa wayita dubbatu: ''Pirezidant Tiraamp gootummaa isin mul'istan xiyyeeffannaan ilaalee hubateera,'' jedhe.
''Jaallan keessan addunyaa mara irra jiran maqaa keessa olkaasaa jiru, sagalee isiniif ta'aa jiru, jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse.
''Yeroo dhihootti akkan cinaa keessatti argamu nan beeka.''
Reezaa Pahlaavii Rippaabilik Islaamaa Iraan ''loltoota qacaramanii hojjetaniif'' dhabuu kaase.
Akkasumas hidhattoonni hedduun hojii gadhiisuu fi kaan ammoo uummata humnaan cabsuuf ajaja darbe fudhachuu didee dubbate.
Lammiileen Iraan mormiisaanii akka itti fufan kan jajjabeesse Reezaa Pahlaavii garuu gareen akka socho'an ykn of eeggannoo cimaa akka taasisan gorseera.
UK keessatti ammoo hiriirtonni imbasii Iraan Landan jirutti seenuun alaabaa Iraan wayita buusan viidiyoon mul'ataniiru.
Taatee kana booda Iraan Uktti ambaasaaddara ishee waamteetti jedha gabaasi miidiyaa Iraan.
Hiriirri Iraan kun erga bara 2022 as isa guddaadha. Bara 2022 dubartiin Mahsaa Amini jedhamtu hijaaba qixa sirrii ta'een hin uffanne jedhamuun poolisootaan erga to'atamtee booda mana hidhaatti duute.
Duuti dubartii gosa Kurd taatee kun dheekkamsa guddaa kaasee ture.
Ergasii ji'oota garaagaraatti tarkaanfii qaamoleen nageenyaa biyyattii fudhataniin lubbuun namoota 550 caalanii darbeera.
Kuma 20 kan ta'an hidhamaniiru akka gabaasa garee mirga namoomaatti.