Israa’eloota sanyii dhiiraa ilmaansaanii lolarratti du’an irraa akkoo arguu barbaadan

Israa'el keessatti baay’inni lakkoofsa maatiin ijoolleensaanii jalaa du’an dabalus, isparmiin qaama ilmaansaanii irra akka olkaa’amuuf gaafachaa jiru. Irra caalaan dhiirota du’an kanneenis loltootadha.
Haleellaa gareen Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwateen booda seeronni hojimaata kana ilaallatan tokko tokko laaffifamaniiru, garuu ammo maatiin adeemsa dheeraa seeraa akkaataa isparmiin kun itti fayyadamuu danda'amu hundeessuun danda’amurratti isaan mudatutti mufataniiru.
Avii Haarush guyyoota qondaaltonni waraanaa karrasaa rukutanii duratti “wanti hamaan” ta’uuf akka jiru itti dhaga’amu dubbata.
Waa’ee ilmisaa kan ganna 20 Reef Ebla 6, 2024’tti kibba Gaazaa keessatti lolarratti ajjeefamuu isaa bare yoo yaadatu sagalee isaa ni kirkira.
''Reef yeroo isparmii isaa itti fudhatamu danda’amu keessa jira jedhanii yoo fedhii qabaanneef nu gaafatan,'' jedha.
Aviis battalumatti deebii kene. ‘‘Reef ijoollee jaalata. Ijoollee mataasaas qabaachuu barbaada ture. Kanaafis gaaffiin kamuu hin jiraatu,’’ jedhe.

Madda suuraa, BBC
Reef haadha warraas ta’e hiriyyaa dubartii hin qabu ture. Garuu wayita baabsaa Avii waa’ee seenaa isaa qooduu eegaluutti dubartoonni mucaa isaa garaatti baachuuf fedhii akka qaban ibsuun maatii quunnamu eegalan.
Abbaan kunis yaadni isparmii ilmsaaniin argachuu kunis ‘‘waan itti obsinu nuuf kenna’’ jedhan. ‘‘Kunis ergama jireenyakooti’’ jedhan.
Maatiin kunis kanneen haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 Israa’el irratti raawwachuun namoonni gara 1,200 itti ajjeeffamuun, kanneen 251 biraa butamuun Gaazaatti fudhatamanii booda, akka isparmiin firoota ajjeefamanii olkaa’amuuf gaaffii dhiheessaa jiran keessaayi.
Israa’elis haaloo bahuuf oppareshinii cimaa Gaazaa keessatti isaan booda gaggeessiteen Filisxemoonni 39,000 ajjeeffamu Ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu himeera. Israa’eloonni 400 ta’an ammo waraana keessatti ajjeefamaniiru.
Erga Onkololeessa 7 irraa kaasee dhiiroota loltotaafi siiviloota ta’an gara 170 irraa isparmiin fudhatame olkaa’amu ministeerri fayyaa israa’el himeera. Kunis kan waggoota duraa irra yeroo 15n kan caaludha.
Adeemsi kun qaama saalaa cinaan (testicle) dhiiraa keessaa tishuu xiqqaa muruudhaan fudhachuu kan of keessaa qabu yoo ta'u, sana booda seelonni isparmii lubbuu qaban laaboraatorii keessatti adda baafamuun cabbeesssaa keessa olkaa’ama.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seelii kunis kan fudhatame yoo namtichi ajjeeffamee sa’aatiiwwan 24 keessatti raawwatme milkaa’inni seelii jiraataa argachu ol'aanaa yoo ta'u, seelonni namaa hanga sa'aatii 72 jiraachuu danda'u.
Firaansi, Jarmaniifi Siwidiin dabalatee biyyoonni tokko tokko guutummaatti kan dhorkan yoo ta’u, kaan ammoo du’a isaaniitiin dura ifatti hayyama nama du’e qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa irratti seera cimaa qabu.
Ji’a Onkololeessaa keessa garuu ministeerri fayyaa Israa’el maatiin adeemsa kanaaf ajaja mana murtii argachuun dirqama ta’usaa dhiisee ture. Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) waggoota dhiyoo asitti warra gadda irra jiraniif carraa kana dhiyeessurratti caalaatti akka saffiisaan hojjatu dubbate.
Isparmiin ilmaan dhiiraasaanii akka cabbeessaa keessa olkaa’amu gochuun salphaa ta'us, gaaffii naamusaa fi seeraa walxaxaa ta'e kaasa.
Dubartoonni abbaan manaa irraa du’e ykn maatiin ilama du’e, namni du’e sun isparmiisaa olkaa’ametti fayyadamuun ijoollee godhachuuf akka barbaade mana murtiitti mirkanneessuu qabu. Adeemsi kun keessumaa warra gadda guddaa qabaniif waggoota fudhachuu dandaʼa.
Israa’el keessatti warri jalqabaa isparmii ilma isaanii du’e olkaa’anii fi itti fayyadaman Raachel fi Yaakov Cohen yoo ta’an, ilmi isaanii Keevaan bara 2002tti isnaayiparii Filisxeemiin rukutamee Gaazaa keessatti ajjeeffame, akka IDF jedhutti.
Intalli ilma isaanii Osheer, kan isparmii ilmasaanii irraa dhalatte, amma mucaa umuriin waggaa 10’ti.
Raachel erga Keevaan du’ee booda yeroo waa’een isaatti dhagahamu waan raawwattu akkas jechuun ibsiteetti: “Gara isaatti dhiyaachuun barbaada. Urgaa isaa argachuun barbaade. Kophee isaa fa’in fuunfadha,'' jetti.
''Suuraa isaa keessan natti dubbate. Ijoollee akka inni qabaatu akkan mirkaneessu na gaafate.”
Raacheel mormii cimaan isaan mudachuufi ‘‘waan nuti raawwachu barbaadne namoonni hin hubannee ykn kan nu deeggarre hedduutu ture,’’ jetti.
Haata’u malee kutannoon ishee dhumarratti murtoo seeraa bu’uuraa ta’e irratti kan geesse yoo ta’u, sana booda dubartii haadha mucaa ilmasheetiif ta’uu dandeessu barbaaduuf beeksisa gaazexaa irratti baafte.

Iriit, kan icciiti maatiif jecha maqaa abbaa hin himnes, dubartoota fedhii agarsiisan hedduu keessaa tokko turte.
Isheenis hin heerumne turte. Ogeessa xiin-sammuu fi hojjetaa hawaasummaatiin madaalamtee, achiin booda hayyama mana murtiitiin wal'aansa dhala godhachuu akka jalqabde dubbatti.
''Tokko tokkos Waaqayyoon taphachaa jirtu jedhu. Akkas natti hin fakkaatu,'' jetti.
Itti dabaluunis, ''Mucaa abbaa isaa beekuu fi kan isparmii arjooma baankiitiin ulfooftu gidduu garaagarummaatu jira,'' jetti.
Osheer abbaanshee waraana keessatti akka ajjeefame beekti. Kutaan ciisichaashee fakkiiwwan doolfiiniin faayameeera. Abbaanshee akka isaan jaallatu akka beektu dubbatti.
“Isparmii abbaakoo fudhatanii haadha mudaa hin qabne fi kan gara addunyaatti na fidu akka barbaadan nan beeka” jettee Osheer.
Iriit akka jettutti, Osheer gama lachuunu akaakayyuu fi eessumootaafi adaadaawwan qabaachuun haala gaariidhaan guddifamaa jirti jette.
“Abbaanshee eenyu akka ta’e yeroo hunda ishee hin yaadachiifnu garuu isheen eessaa akka dhuftee fi warrishees eenyu akka ta’an beekti,” jetti Iriit.

“Ilma du’an keenya irraa isparmii lubbuu qabu qabaachuun hiika guddaa qaba,” jedhu Dr Itaayi Gaat, daayreektarri baankii isparmii, Giddugala Yaalaa Shamir. Oggeessi kunis wallaansa baqaqsanii hodhuu isparmii baasuuf kan raawwataniidha.
“Kunis filannoo walhormaataa fi dhala argachuu gara fuulduraa eegsiisuuf carraa isa dhumaati.”
Dhiheenya kana adeemsa kana fudhachurratti “jijjiiramni aadaa guddaan” taasifamulleen, garuu seerri amma jiru dhiirota qeenxee ta’an irratti ammas waan wal faalleessu qabaachu dubbatan.
Dr Gaat akka jedhanitti, isaaniif yeroo baayyee galmeen hayyama ifa ta'e hin jiru. Haalli kun ammo maatiin gadda irratti argamaniif isparmii ilmasaanii akka cabbeessa keessa oolkaawwatan garuu walhormaataaf itti fayyadamuu hin dandeenye goochuun “haala baay’ee rakkisaa” keessatti akka seenan taasiseera.

“Dhimmichi nama biraa baraaruuf onnee ykn tiruu kennuu miti,” jedha. “Walhormaata, mucaa ykn intala gara addunyaa tanaatti fiduudha... isaanis kan abbaa hin qabne akka ta’an beekna.”
Yeroo baayyee namni du'e haadha daa'imaa isparmii isaa fayyadamuun deessee hin beeku jechuun, murtoon barnootaafi egeree daa’ima sanaa ilaallatu hundi haadhatu murteessa ture jedha.
Dr Gaatiin kanaan dura hayyamni ifa ta'e nama du'e irraa yoo jiraate malee isparmiisaa kunuunsuu mormaa ture, garuu erga maatii waraana tibbana gaggeeffamaa jiru kanaan gaddi irra gahe waliin mari’ateen booda ilaalchasaa laafaa dhufuu dubbata.
“Kunis hangam isaaniif barbaachisaa akka ta’een arge. Hangam isaaniif jajabina akka kennuufan hubadhe’’ jedhan.

Raabii (dursaa amantaa) Yuuvaal Sheerlo, raabii walabaa beekamaa fi kan Giddugala Naamusa Yihudootaa Tzohar Teel Aviiv keessatti hoogganu yoo ta’an, dhimmichi walxaxaafi kan of eegganoo cimaa barbaaduudha jedhu.
''Akka naamusaatti, dhiirri tokko erga du'ee booda hayyama isaa malee akka abbaa ta'uuf dirqisiisuus kaayyeffachu hin qabnu,'' jedha.
Akkasumas seera Yihudootaa keessatti qajeeltoowwan barbaachisoo lama akka jiran ibsu. Isaanis, hidda dhaloota nama tokkoo itti fufsiisuu fi reeffa nama du’ee guutummaa awwaaluu kan jedhudha.
Raabiiwwan tokko tokkos hidda dhalootaa itti fufuun baay'ee barbaachisaa waan ta'eef yeroo isparmicha fudhatamuutti miidhaa tishuu qaamaa irra gahu kan malu ta'uu kan ibsan yoo ta'u, kaan ammoo adeemsi kun tasumaa raawwatamuu akka hin qabne mormu.
Dambiin amma dhimmicha ilaallatus qajeelfama Abbaan Alangaa Waliigalaa bara 2003tti baaseen yoo ta’u, garuu seera keessatti hin tumamne.
Miseensonni mana maree Israa’el seera ifa ta’eefi guutuu ta’e tumuuf wixinee wixineessuuf yaalan illeen, garuu carraaqqiichi dhaabateerra.

Madda suuraa, Reuters
Namoonni adeemsa kanatti dhiheenya qaban BBCtti akka himaniitti, sadarkaa hayyama ifatti nama du'erraa barbaadamu argamuu akkasumas daa'imni isaan booda dhalatu sun faayidaa ijoolleen loltoota tajaajila keessatti ajjeefamaniif akka idileetti kennamu argachuu fi dhiisuu irratti waldhabdeen umameera.
Akkasumas, miidiyaaleen Israa'eel akka gabaasaniitti, dubartiin abbaan manaa loltuu irraa du'e tokkoo isparmii isaatti fayyadamuun daa'ima godhachuu yoo hin barbaanne maaltu ta'uu akka qabu irrattis waliigalteerra gahamuun akka dadhabameera.
Kana malees, warri isaa isparmii ilamasaanii to'achuu fi dubartii ulfooftu kan biraa filachuu akka danda'an yaada dhihaaterratti mormanii jiraachu gabaasan.
Maatiiwwan kana dura isparmii ilmaansaanii cabbeessaa keessa olkaawwachiisan, yoo seerri haaraan baafame tarii dhimmoota hayyama gara fuula duraa qofa kan ilaalu waan ta’eef, falmii mana murtii dheeraa akka isaan hin mudanneef yaaddoo qabaachuu kaasu.
Aviin garuu gaddasaa keessatti kutannootu mul’ata. Saanduuqa kaartoonii yaadannoo guyyuu, albamiifi tartiiba yaadannoo ilmasaatiin guutame gaazexxeeessaa BBCtti agarsiisan.
Hanga Reefiif ilmoo argamsiisuutti akka hin boqonne dubbata: “Ni ta’a... ijoolleen isaas saanduqa kana ni fudhatu.”












