Dacheen 'Addeessa lammataa' yeroof turtu argachuuf - Saayintistoota

Birraa kana waan haaraa daawwachuuf qophaa'aa -akka saayintistoonni jedhanitti Dacheen Addeessa lammataa argachuuf.

Asterooyidiin harkisa Lafaan qabamtee yeroo muraasaaf addeessa xiqqoo tahuuf jirti.

Addeessi xiqqoo kuni harkisa lafaa jalaa miliquun dura Fulbaana 29 irraa qabee ji'oota muraasaaf turti.

Haa tahu malee addeessi lammataa kuni xiqqoo waan taateef teleskoopii sirnaa yoo qabaatan malee ijaan arguun hin danda'amu.

Addeessi kana yeroo jalqabaaf gaafa Adoolessa 7 kan arge NASA dha.

Saayintistoonni kunneen adeemsa addeessa kanaa marsariitii American Astronomical Society irratti baasaniiru.

Addeessi lammataa(asteeriyoodii) kana 2024PT5 jedhan kuni astirooyidii Arjuunaa jedhamu kan kattaa qaburraa kan madditu yoo tahu, orbiitii lafaan wal-fakkaatu hordofti.

Yeroo gariin astirooyidiin kunneen hamma km miiliyoona 4.5 lafatti siqu.

Akka saayintistoonni jedhanitti astirooyidiin gosa kanaa saffisa suutaa sa'aatii tokkotti km3,540 yoo socho'an humni harkisa lafaa yeroof isaan qabatee tursisuun harkifamu.

Haala kanatu mula'chuuf jira amma- Sanbattan kanarraa qabee atirooyidiin(addeessi lammataa) Lafatti naanna'uun turuuf jirti.

Dr Jeenefar Milaard astiroonomarii yoo tahan, addeessi kuni Fulbaana 29 orbiitii lafaa seenuun gaafa Sadaasa 25 gadhiisti jedhan.

''Pilaaneetii keenya guutummaan guutuutti hin marsitu, walakkaa maruun booda karaa dhufterra deebiti,'' jedhan.

Addeessi lammataa kuni meetira 10 kan dheerattu yoo ta'u, addeessa lafaa dagaleen km 3,474 bal'attuun wal-bira qabamtee yoo ilaalamtu akkaan xiqqoodha.

Kanaaf teleskooppii sasalphaafi baayinakulaariidhaan illee mul'achuu hin dandeessu.

Akka Dr Milaard jedhanitti teleskooppiin ogeessonni fayyadaman arguu waan danda'uuf suurraalee mimmidhagoo arguu malla.

Addeessi xiqqoon akkasii kana dura mula'tanii kan beekan yoo tahu kaan immoo otoo hin hubatamiin darbaniiru.

Kaan immoo Addeessi xiqqoo 2022 NX1 jedhamte bara 2022 lafa mil'achuun dura bara 1981ttis dhuftee turte.

Addeessa ishee ammaa 2024PT5 yoo arguu baattan homaa hin yaadda'iina bara 2055tti deebitee dhufti.

''Seenaan kuni kan nutti sirni soolaarii waan uumamaa akka baayyee qabaachuu agarsiisa, addeessi isheen kunis bara dha kan argamte.''