Netaaniyaahuun misaa'ela Huutii naannoo buufata xiyyaara Israa'el rukuteef deebii kennuuf dhaadatan

Erga misaa’ela Yaman irraa dhukaafame naanawa buufata xiyyaaraa Ben Guriyon haleelee boodaa wayita hojjattootni daandiicha sirreesan

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun erga misaa'elli gareen Huutii dhukaafame mooraa buufata xiyyaaraa guddicha Israa'el rukutee booda garicha irratti haaloo ba'uuf dhaadatan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee tokko, Netaaniyaahuun garee kana irratti haleellaa akka raawwatu doorsisuudhaan ''kanaan dura haleelleerra, gara fuulduraattis ni haleella'' jedhan.

Misaa'elli garee Yaman kan Iraaniin deeggaramuu irraa dhukaafame kun Dilbata ganama naannoo buufata xiyyaaraa guddicha Israa'el 'Ben Gurion' jedhamutti akka bu'e aanga'oonni Israa'el beeksisanii ture.

Dhohinsa dhukaasichaan wal qabatee mudateen namoonni afur kan madaa'an yoo ta'u, namoonni lama kan biraa ammoo osoo gara dahanaatti deemaa jiranii madaa'uu isaanii miidiyaaleen Israa'el tajaajilawwan balaa tasaa wabeeffachuun gabaasan.

Dubbi himaan waraana Huutii Yaahyaa Saaree ibsa televijiiniin kennaniin buufanni xiyyaaraa Israa'el ''kana booda imala qilleensaatiif nageenya hin qabu'' jedhan.

Ministirri ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz ibsa kennaniin ammoo, ''namni nu rukute kamiiyyuu nutis dachaa torba cimsinee rukunna'' jedhan.

Mul'atni hin mirkanoofne toora interneetii irratti maxxanfame konkolaachiftoonni daandii naannoo sana jiru irratti yeroo pirojektiilii lafa bu'u haguuggii fudhachuuf harkifamuu isaanii agarsiisu fakkaata, kunis naannoo buufata xiyyaaraa qarqara Tel Aviv jirutti aarri gurraacha uume.

Viidiyoon BBC'n hin mirkaneeffannee toora interneetii irratti maxxanfame akka agarsiisutti, wayita haleellaan sun raawwatu konkolaachiftoonni dawoo jalatti baqachuuf oliifi gadi yoo fiigan agarsiisa.

Misaa'elli kun naannoo buufata xiyyaaraa qarqara magaalaa Teel Aviiv jedhamutti kan bu'e yoo ta'u, naannoo sana aarri gurraachaan uwwise ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Buufanni xiyyaaraa kun yeroo gabaabaaf erga balalii dhaabeen booda, amma deebiisee hojii isaa eegaleera.

Xiyyaaroonni daanidii qilleensaa akka Lufthanzaa, Air France fi Deltaa dabalatee daandiiwwan xiyyaaraa gurguddoon hedduun balalii Dilbataa gara buufata xiyyaaraatti taasisanii fi deebi'uu haqaniiru.

Misaa'elli yeroo dhiyaatutti kutaalee biyyattii hedduu keessatti saayireenni ykn sagaleen akeekkachiiftuu dhageeffamee ture. Humni Qilleensaa Israa'el ammoo maaliif addaan kutuu akka dadhabamee qorachaa akka jiru ibseera.

Ajajaan olaanaa poolisii Israa'el. Yaa'ir Hetzrooni lafa dhooqaa haleellaa miisaa'elichaatiin umamee gaazexeessitootatti agarsiisan. Aanga'oonni buufata xiyyaaraa kun daandii naannoo bakka konkolaataan dhaabbatuu Tarminaala sadiitti argamu cinatti bu'e jedhan.

"Asitti nu duubaan kan mul'atu arguu dandeessu, boolla daayameetira meetira kudhanii ta'u banamee fi akkasumas gadi fageenya meetira kudhanii lakkaa'amu qabudha," kan jedhan Hetzroni, miidhaa guddaan akka hin mudanne dubbatan.

Netaaniyaahuun Dilbata kana ministeerotaa fi qondaaltota ittisaa waliin wal arguun deebii kennamu irratti mari'achuuf akka jiran miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Gareen finciltootaa Huutii Yaman keessatti Iraaniin deeggaraman yeroo hunda Hamaas Gaazaa keessatti argamu waliin dhaabbachuu agarsiisuuf Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa kan raawwatan yoo ta'u, ittisa qilleensaa Israa'el baayyee hammayya'aa ta'e jala darbuun garuu baay'ee hin baramne.

Gareen kun dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irrattis haleellaa raawwachaa kan ture yoo ta'u, Ameerikaan duula haleellaa garee kanarratti raawwatame hoogganuudhaan deebii kenniteetti. UKnis haleellicha gargaartee turte.