Haleellaa US mooraa baqattoota Afrikaa Yaman jiru irratti raawwatteen 68 du'an

Miidiyaan warra Huutiin hoogganamu mooraan baqattootaa Saadaa keessatti argamu bakka baqattoonni Afrikaa tursiifamanidha jedhe

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaan warra Huutiin hoogganamu mooraan baqattootaa Saadaa keessatti argamu bakka baqattoonni Afrikaa tursiifamanidha jedhe

Haleellaa US qilleensarraan Yaman irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 68 ajjeefaman.

Haleellaan kun giddugala baqattoonni Afrikaarraa godaanan keessa tursiifaman ta'uu TVn garee Huutiin hoogganamu gabaaseera.

Bakki mooraan kun itti argamu Saada kan jedhamu yoo ta'u, kaaba-lixa Yaman kutaa hidhattoonni Huutii to'atan keessatti argama.

TVn Huutii Al Masirah jedhamu kanneen du'aniin alatti namoonni 47 madaa'uu gabaaseera.

Giddugalli Saada erga haleellaa qilleensaa Ameerikaan barbadaa'ee booda reeffi namoota hedduu caccabaa gamoo jalaa argamuu gabaase miidiyaan kun.

Haleellaa kana ilaalchisee gama humna waraanaa Ameerikaatii hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Haleellaan kun erga ajaji giddugaleessaa US iddoowwan hidhattoonni Huutii jiran 800 caalan irratti qiyyaafatee haleellaa raawwachuu ibsee dhagahame.

Qiyyaafannaan kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Bitootessaa 15 irraa eegaluun haleellaan qilleensaa cimaan garee Huutii irratti akka raawwatamu ajajanii isa guddaadha.

Ibsi ajaja giddugaleessaa US irraa ba'e akka jedhutti haleellaa qilleensaa kanaan ''loltoonni fi ajajoonni Huutii dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru,'' jedha.

Qondaalli gameessi sagantaa misaa'elaa fi diroonii Huutii deeggaru kanneen ajjeefaman keessaati akka ibsa kanaatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanga'oonni Huutii ammoo haleellaan kun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafate jedhan.

Miseensota isaanii keessaa muraasni ajjeefamuus ibsaniiru.

Ji'a kana gara jalqabaa ministeerri fayyaa Huutii haleellaa qilleensaa US walitti fufiinsaan raawwatteen namoonni 74 ajjeefamuu fi 171 madaa'uu ibsee ture.

Ji'a darbe Pirezidant Doonaald Tiraamp haleellaa qilleensaa guddaa iddoowwan to'annoo Huutii jala jiranirratti labsaniiru.

Tiraamp gareen kun akka hafuura baafachuu dadhabu goona jechuun dhaadatan. Akkasumas Iraan garee kana hidhachiisuu akka dhaabu akeekkachiisan.

Iraan gamasheen garee kana tumsiti himata jedhu irra deddeebiin haalteetti.

Ajaji giddugaleessaa US ibsa isaa keessatti hanga galma hedame bira ga'anitti haleellaan akka itti fufu akeeke.

Huutiin erga Sadaasa 2023 as dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaarra qaxxaamuran haleelaa jira.

Gareen kun dooniiwwan US fi biyyoota lixaa kaanii Israa'eliif gargaarsa geessu jechuun akka irratti xiyyeeffatee fi tarkaanfii kanas lammiilee Filisxeem tumsuuf akka fudhatu hime.