Ajajaan waraanaa US MM Abiy fi F/Maarshal Biraanuu waliin maal mariyatan?

Madda suuraa, FDRE Defence Forces
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) fi Itaamaajor Shuumiin Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Sadaasa 25, 2025 Ajajaa Waraanaa Ameerikaa Koomaandii Afrikaa, Jeneraal Dagvin R.M. Anderson waliin wal arguun haasaa taasisaniiru.
Qondaalli waraanaa olaanaa US kun dhimma Galaana Diimaa fi fedhii Itoophiyaan qabdurratti dubbachuuf akka Finfinnee daawwatan miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
"Har'a ganama Ajajaa Koomaandii Afrikaa Yunaayitid Isteetsi, Jeneraal Dagvin R.M. Anderson waliin dhimmoota nageenyaa naannawaafi haalota itti walta'insa caalaatti cimsuun danda'amu irratti marii'anneerra," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessan MM Abiy.
Jilli Ajajaa Waraanaa US Komaandii Afrikaa Jeneraal Dagvin R.M. Andersoniin durfame kun Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa waliin Gaanfa Afrikaatti akkaataa nagaafi tasgabbiin jiraachuu danda'urratti akkamiin akka biyyoonni qaxanaa sana keessa jiran wal tumsuu qabanirratti mariiyataniiru.
Akka Humni Ittisaa Itoophiyaa himetti, biyyoonni lamaan loltummaa dabalatee dhimmoota gara garaa irratti waggoota baayyeetiif wal tumsuun hojjetaa turuu kan kaasan fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itoophiyaan shrorkeessummaa loluurratti gahee guddaa taphachaa jirti jedhan.
Fedhiin ulaa galaanaa Itoophiyaa kan nagaafi diinagdeeshee ittiin ijaarrachuuf kan jedhan Itamaajor Shuumiin kun, hariiroon loltummaa ilaalchisuun Ameerikaa waliin qaban cimee akka itti fufu jila kanaaf ibsaniiru.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa akka ibsanitti, Itoophiyaan al-Shabaab dadhabsiisuufi shira shororkeessummaa isaa fashaleessuuf tarkaanfii humnaa fudhattu cimistee itti fufti jedhan.
Gahee Itoophiyaan qaxanaa kana keessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf bahachaa jiru kan dinqisiifatan Ajajaa Koomaandii Afrikaa, Ameerikaa Jeneraal Dagvin R.M. Anderson, hojii shororkeessummaa waliin loluu cimsinee itti fufna jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Adeemsa Itoophiyaan ulaa galaanaa karaa nagaa argachuu qabdurratti deeggarsa akka taasisan kan ibsan Ajajaa Koomaandii Afrikaa Yunaayitid Isteetis kun, Itoophiyaan Galaana Diimaatti baatee jennaan nageenya qaxanaa kanaaf caalaa hojjetti jedhanii akka amanan dubbatan.
Fedhiiwwan gama Itoophiyaatiin jiraniifi qaxanaa sana keessatti nageenya mirkaneessuuf karoora qabatanirrati aanga'oota Waashigiten DC waliin akka mariyatan eeraniiru Jeneraal Dagvin R.M. Anderson.
Itoophiyaan karaa itti ulaa Galaana Diimaa argatturratti hojii dippilomaasii cimaa hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama.
Itoophiyaan hanga ammaa humna galaanaa ijaarachuurratti biyyoota akka Raashiyaa fi Faransaay irraa deeggarsa argachuu dubbatti.
Oduu wal fakkaatuun humni waraanaa Itoophiyaa akkaataa humni galaanaa Itoophiyaa leenjiifi muuxannoo wal jijjiiruun danda'amurratti marii gam-lamaa humna waraanaa Xaaliyaan waliin taasisuu ibseera.
Jilli humna galaanaa Xaaliyaanii ajajaa humna galaanaa Itoophiyaa Adimiiraalii Itti-aanaa Kinduu Gazzuu waliin wal arganiiru.
Dhimma kanarratti gama Xaaliyaaniin ykn humna galaanaasheetiin yaadni kenname hin jiru.
Gama kaaniin Ertiraan erga Pirezidant Doonaald Tiraamp gara aangootti dhufanii hariiroo Waashigiten waliin qabdu fooyyeeffachuuf dhama'aa turteetti. Haata'u malee, yaaliin maalirra akka gahe wanti ifa ta'e hin jiru.
Ertiraan ejjennoo akkaataa Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuu qabdurratti MM Itoophiyaa Abiy Ahmad dabalatee aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa miidyaaleerratti dubbatanirratti aarii akka qabdu ibsaa turteetti.
Keessumaa ammoo dubbiiwwan dhiyeenya kana Itoophiyaa keessaa dhaga'aman walabummaa Ertiraa bara 1993 gaaffii keessa kan galchanidha.
Ertiraan ibsa bal'aa Sambata darbe baasteen, seera idil-addunyaa karaa biyyi akka Itoophiyaa ulaa galaanaa hin qabne tokko ittiin argachuu dandeessu kaasuun dubbii aanga'oota Itoophiyaatiif deebii kan kennite yoo ta'u, karaan kunis bifa mariifi waliigaltee biyyoota lamaanii gidduutti taasifamuun jetteetti.
Ibsi Ertiraa kun seerri idil-addunyaa biyyoonni ulaa gaalaanaa hin qabne akka buufata doonii biyyoota ollaarraa akka argatan akka hayyamu yaadachiisuun, kun garuu marii fi waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti taasifamuun hojiirra kan oolu ta'a jedha.
Haata'u malee, mirgoonni kunneen ulaa galaanaa biyya walabaa biraarratti abbummaa qabaachuu ykn dhaabbataan to'achuu akka hin taane ibsa.
"Qajeeltoowwan walabummaa daangaa kabajuu mariif kan dhiyaatu miti," kan jedhe ibsichi, qajeeltoowwan kanneen akka hin taanetti fudhachuufi jallisuuf yaaliin godhamu kamiyyuu kallattiin tokkummaa daangaa cabsuu ta'a jedheera.





![Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos [bitaa] fi Yemaanee G/Masqal, Ministira Odeeffannoo Eertiraa](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/97fa/live/520df6b0-c2a3-11f0-ae46-bd64331f0fd4.jpg.webp)









