MM Kaanaadaa dhimma taarifaa Tiraamp kaa’uuf doorsiserratti dubbisuuf manasaatti argame

Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo Doonaald Tiraamp waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo Doonaald Tiraampiin wal arguuf Filooriidaa jira.

Kunis erga Tiraamp meeshalee Kaanaadaarra dhufanirratti taarifa dhibbeentaa %25 kaa’uuf doorsiseeti. Imala kanaan tarkaanfii kana ofirraa ittisuuf akka barbaadu maddeen BBC’f mirkaneessaniiru.

Akka miidiyaaleen Kaanaadaa gabaasanitti, Tiruudoon Jimaata galgala buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Paam Biich bu’uun Tiraamp bakka mana isaanii Mar-a-Lago jedhamutti daawwachuu isaanii ibsaniiru.

Tiraamp baatii Amajjii keessa erga aangoo qabatanii booda omishaalee Meksikoo fi Kaanaadaarraa gara US seenan hunda irratti taarifa akka kaa’u erga beeksisaniin booda lamaan isaanii jalqaba torban kanaa bilbilaan dubbatan.

Waajjirri muummicha ministeeraas ta'e gareen Tiraamp daawwannaa kanarratti yaada akka kennan gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.

Tiraamp manasaa Mar-a-Lagootti garee ce’umsaa waliin walgahii geggesaa jira. Erga Tiraamp filatamee Tiruudoon hogganaa G7 isa jalqabaa isaan daawwatan ta’uun gabaafameera.

Tiruudoo yeroo baayyee hariiroon hoggantoota lamaan gidduu jiru darbee darbee walxaxaa ta’us, biyyoonni lamaan akkuma bara hojii jalqabaa Tiraamp waliigaltee daldalaa guddaa irra deebi’anii mari’achuu akka danda’an hubachiisaniiru.

Jimaata darbe sagantaa Odoola Prinsi Edwaarditti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, Tiruudoo biyyoonni lamaan ''cimsanii hojjechuun daangaa gama lamaanin carraa hojii uumuu danda'aniiru'' jedhan.

Tiraamp waliin haasawa ''gaarii'' hedduu taasisuuf hawwii guddaan eeggachuu dubbataniiru.

Daawwannaan isaan Filooriidaatti taasisan kun, taarifa guddaa dhiibbaa dinagdee bal’aa Kaanaadaa irratti fiduu danda’u hambisuu waan barbaaduuf.

Bulchiinsi Tiraamp fuulduratti dhuguma taarifa kana kaa’uuf fi dhiisuu isaa ammallee ifa miti.

Sababiin isaas xiinxaltoonni pirezidaantiin kun kanaan dura doorsisa akkanaa akka tooftaa mariitti fayyadamuun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf akka beekamu himu.

Tiraamp Meksikoo irrattis gibira walfakkaatu doorsisan hanga biyyoonni lamaan daangaa US waliin qaban eeguuf hojjetanitti.

Tiruudoo Jimaata darbe akka jedhanitti ''Tiraamp ibsa akkasii yeroo kennan raawwachuuf karoorfata'' jedhan.

Kaayyoon isaanii taarifaan kun lammiilee Kaanaadaa qofa kan miidhuu osoo hin taane lammiilee Ameerikaaf gatii ol kaasuun dinagdee biyya sanaa akka miidhu akeekuu akka dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaadaan michoota daldalaa Ameerikaa gurguddoo keessaa tokko yoo taatu, al-ergii waliigalaa keessaa gara dhibbeentaa 75 gara US ergiti.

Tiraamp waliin bilbilaan erga haasa'aniin booda, Tiruudoo Roobii darbe hoggantoota bulchiinsa naannoo fi naannolee Kaanaadaa waliin hariiroo Ameerikaa fi Kaanaadaa akkamitti akka cimsan irratti walga’ii hatattamaa geggeessaniiru.

Dhimma gibira kana mormuuf US waliin hojjechuuf mala tokkummaa "Team Canada" jedhu dhiyeessuuf waadaa galaniiru.

Hoggantoonni bulchiinsa Kaanaadaa hedduun karoora Tiraamp qeequun, industirii boba’aa fi gaazii fi konkolaataa dabalatee dinagdee biyyattii irratti gaaga’ama guddaa fida jedhan.

Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaum torban kana keessas Tiraamp waliin bilbilaan haasa'aniiru.

Lakkoofsi qaxxaamuraa daangaa Ameerikaa fi Kaanaadaa kan daangaa kibbaa irraa haalaan gadi aanaa ta’uu ragaan Paatroolii Daangaa Ameerikaa ni mul’isa

Bara 2024 daangaa kaabaa irratti namoonni gara 23,700 kan to’ataman yoo ta’u, daangaa kibbaatti ammoo namoonni miiliyoona 1.53 ol qabamaniiru.

Garuu qondaaltonni Kaanaadaa guyyoota darban keessa nageenya daangaa fooyyessuuf ammallee hojiin waloo hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.