Kaabineen Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa raggaasise

Kaabineen Nageenyaa Israa'el kanaan dura waliigaltee kana raggaasisuun ''kaayyoo waraanichaa xumuruu galmaan ga'uu ni deeggara'' jedhan

Madda suuraa, IGPO

Mootummaan Israa'el waliigaltee haaraa Gaazaa dhukaasa dhaabuu fi namoota booji'aman hiikuu taasifame raggaasisuun Dilbata boru irraa kaasee akka hojirra oolu murtee dabarseera.

Murteen kunis marii sa'aatii dheeraaf itti fufe booda kan irratti wal;ii galame yoo ta'u, Ministiroonni lama garuu waliigaltee kana mormaniiru.

Kaabineen nageenyaa kanaan dura waliigaltee kana raggaasisuuf yaada dhiyeessee ture, ''kaayyoo waraana kanaan galma ga'uu ni deeggara'' jechuun waajjirri Ministeera muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu ibseera.

Waajjirri Ministeera muummee fi Hamaas lamaan isaanii iyyuu bal'ina waliigaltee kanaa xumurre jedhanii erga dubbatanii sa'aatii muraasa booda yoo ta'u, kunis giddu-galeessummaa Kuwata, Ameerikaa fi Masriin erga labsamee guyyaa lama booda ture.

Waliigaltee marsaa jalqabaa torban ja'aaf turu kanaan lammileen Israa'el 33 kan Hamaas wayita walitti bu'iinsi ji'oota 15 dura jalqabu butee hidha kan gadi dhiifaman ta'u. Israa'elis namoota fi loltoota Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman mana hidhaa Israa'el keessatti hidhaman gadidhiisti.

Humnoonni Israa'eel naannoo Gaazaa uummatni baay'inaan jiraatu keessaas ni ba'u, Filisxeemonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti akka deebi'an ni hayyamamaaf, konkolaattonni gargaarsaa dhibbaan lakkaa'aman ammoo guyyaa guyyaan naannoo sanatti akka seenan ni hayyamamaaf.

Mariin marsaa lammaffaa - kan namoota butamanii hafan gadhiisuu, humnoota Israa'el guutummaatti ofirraa baasuu fi "tasgabbii waaraa deebisuuf" kaayyeffate guyyaa 16ffaatti ni jalqaba.

Marsaan sadaffaa fi dhumaa Gaazaa deebisanii ijaaruu - waan waggoota fudhachuu danda'u fi booji'amtoota hafan deebisuu of keessaa qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kuwatar namootni butaman marsaa jalqabaatiin gadhiifaman ''dubartoota siiviilii, loltoota dubartootaa, daa'imman, maanguddoota, namoota nagaa, dhukkubsataa fi kanneen madaa'an'' kan hammatu ta'uu ibsiteetti.

Israa'el akka jetteetti guyyaa jalqabaa walii galteen hojirra ooluu jalqabutti namoonni butaman sadii akka gadhiifaman kan eegamu yoo ta'u, torban ja'an dhufan keessatti gareewwan xixiqqoo dabalataa yeroo yeroon akka gadhiifamantu eegama.

Onkoloolessa 7, 2023, haleellaa daangaa qaxxaamuraa kanaan dura hin argamne gareen hidhattoota hamaas Israa'el irratti baneen namoota gara 1,200 ajjeefamuufi namoota 251 butamanii fudhataman.

Waraanni Israa'el haaloo kana ba'uuf Hamaas kan Israa'el, Ameerikaa fi kanneen birootiin shororkeessummaan farrajame irratti duula jalqabe.

Ergasii as Gaazaatti namoonni 46,870 ol ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu.

Namoonni miliyoona 2.3 ta'an ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru, irra caalaan isaanii qe'ee isaanii waan manca'eef carraaqqii namoota balaaf saaxilamani gargaaruu keessatti hanqinni nyaataa, boba'aa, qoricha, fi bakka jireenyaa cimaan muudataa jira.

Israa'el namoota butaman keessaa 94 ammallee Hamaasiin qabamaniiru kan jettu yoo ta'u, isaan keessaa 34 du'aniiru jedhamee amanama. Kana malees, lammiileen Israa'el afur waraana dura butamanii kan turan yoo ta'u, isaan keessaa lama du'aniiru.

Mootummaan Israa’el walii galtee kana guutummaatti hojiirra oolchuun namoonni butaman hundi gara biyyaatti akka fidaman gaafataniiru

Madda suuraa, EPA

Mootummaan Israa'el waliigaltee kana irratti sagalee kennuu isaa dura, Ministirri Aadaa Paartii Likud Miikii Zohaar akka jedhanitti; "Kun murtee baayyee rakkisaadha, garuu ijoolleen keenya dhiiraa fi dubartiin hundi gara biyyaatti deebi'uu isaanii arguun baay'ee barbaachisaa waan ta'eef deeggaruuf murteessineerra."

Fuulduratti hojii Gaazaatti hojjetamaa jiru xumuruu akka dandeenyu abdii qabna jedhan.

Garuu Ministirri Nageenya Biyyaalessaa warra mirgaa fagoo Itamar Ben-Gavir, ''shororkeessitoota umurii guutuu itti murtaa'e'' namoota booji'amaniif jijjiirraa gadhiisuu dabalatee, bal'inni waliigaltee kanaa ''suukanneessaa'' ta'uu ibsuun, ministeerotni biroos akka isaanitti makaman gaafatan

Kamisa darbe Ben-Gvir paartiin isaanii Jewish Power yoo walii galteen kun ragga'e tumsa paartii biyya bulchu waliin qabu keessaa akka bahu beeksisaniiru. Garuu mootummaa paarlaamaa keessatti hin kuffisu, ''waraanni Hamaas irratti humna guutuun yoo itti fufe'' garuu akka deebi'an dubbataniiru.

Namni siyaasaa biraa waliigaltee kana morme Ministirri Maallaqaa Bezalel Smotrich, marsaan jalqabaa erga xumuramee booda waraanni kun yoo itti fufuu baate paartii isaanii Religious Zionist gadhiisu jedhan.

Haalli marsaa sadii kun maatii namoota ugguramanii tokko tokko birattis qoqqoodinsaa fi yaaddoo uumeera. Marsaan jalqabaa erga xumuramee booda firoottan isaanii Gaazaatti akka gataman sodaa qabaachuun marsaa lammaffaafi sadaffaas hojiirra akka oolu mootummaan gaafachaa jiru.

"Guyyoota 469f namoota jaalannu irraa adda baane, amma ammoo dhumarratti abdiin jira," jedha Enav Zangawuker kan ilmi isaa ganna 25 Matan Kibbutz Nir Oz irraa butame.

"Waliigalteen kun hanga dhumaatti hordofamuu qaba, nama hunda gara manaatti fiduu fi waraana xumuruuf. Waraana xumuruun, nama hunda deebisuu fi gara idileetti deebi'uu qaba."

Erga walii galteen kun Roobii darbe labsamee as lammiileen Filisxeem 100 ol haleellaa Israa’el raawwateen ajjeefamuun gabaafameera

Madda suuraa, Reuters

Sagaleen mootummaa Kamisa darbe ni kennama jedhamee eegamaa ture, garuu Netaaniyaahuun Hamaas kutaalee waliigaltee kanaa irraa diiguu erga himatee booda walgahiin kun harkifate. Himannaa kanas Hamaas haale.

Jimaata ganama waajjirri muummicha ministeeraa gareen marii Israa'el Dohaatti argamu waliigaltee kana xumuruu isaanii beeksise.

Hamaas ibsa baaseen ''gufuuwwan'' haala waliigaltee kanaan walqabatee mul'atan barii furmaata argataniiru jedhe

Maddi Hamaasitti dhihoo ta'e tokko dhaabbata oduu AFP'tti akka himanitti, namoonni sadan ugguraman jalqabaa gadhiifaman dubartoota ta'u.

Jimaata darbe ministeerri haqaa Israa'el tarree hidhamtoota Filisxeem 95 kan maxxansee ture yoo ta'u isaanis qaama garee jalqabaa gadi dhiifaman keessaa tokko ta'uu jedheera. Isaanis dubartoota 69, dhiirota 16 fi daa'imman umuriin isaanii hin geenye 10 kan of keessaa qaban ta'uu AFP gabaaseera.

Jimaata darbes walgahiin Kaayirootti gaggeeffamee mala waliigaltichi hojiirra oolchuuf oolan irratti mari'achuu isaa qondaalli olaanaa Masrii BBCtti himaniiru.

Qophiin barbaachisaa ta'e hundi waliigaltee irra ga'ameera, kunis kutaa hojii waloo ijaaruun seera kabajuu mirkaneessuu dabalatee, kan bakka bu'oota Masrii, Kuwater, Ameerikaa, Filisxeem fi Israa'el kan hammatu ta'uu qondaalli kun himaniiru.

Yeroo dhukaasa dhaabuu kanatti konkolaattonni gargaarsaa 600 akka Gaazaa seenan haala mijeessuu irratti waliigaluu isaanii ibseera.

Sunis giddu galeessaan guyyaa guyyaan konkolaattota fe'umsaa 43 kan UN'n gabaase irraa dachaa 14 ol dabaluu gaafata. Garuu bakka bu'aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Gaazaa Rik Peeperkorn yoo ulaan Raafaa gama Masrii fi ulaan biroo baname ''carraan jiru baay'eedha'' jedhan.

WHOn damee eegumsa fayyaa barbadaa'e deeggaruuf hospitaalota dursanii hojjetaman hedduu dhiyeessuufis karoorfateera. Hospitaalota Gaazaa 36 keessaa walakkaan isaanii hojii kan hin hojjenne yoo ta'u, kaan ammoo gartokkoon qofa kan hojjetan ta'uu ibsameera.

Erga walii galteen dhukaasa dhaabuu Roobii galgala labsamee as illee haleellaan hedduun Filisxeemota irratti raawwatameera.

Dhaabbanni Ittisa Siivilii Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, ergasii haleellaa Israa'el raawwateen dubartoota 32 fi daa'imman 30 dabalatee walumaa galatti lammiileen Filisxeem 117 ajjeefamaniiru.