Dubartii Instagramiif 'Prank' erga hojjattee booda gowwoomsamuun gaa'ila dhugaa raawwachuushee barte

Dhimmisaa akkasi. Dubartiin kun hiriyaasheetiin akka sirni cidhaa sobaa (prank) miidiyaa hawaasaa irratti hirmaattu gaafatamti. Isheenis isaaf hordoftoota dabala jettee tole jechuun sirna gaa'ila 'sobaa' raawwatte.

Booda garuu cidhi raawwatte dhugaa ta'uusaa hubatte. Kanaanis dhimmicha gara mana murtiitti geessuun himannaa bante. Biyyi taateen kun itti mudate Awustiraaliyaadha.

Ofii kun osoo kan isin mudate ta'e maal gootu turtan? Waan dubartii tana mudateefi waan raawwattee kunooti:

Misirroon tun akka jettetti, hiriyaanshee kan miidiyaa hawaasaa irratti beekamaa yoo ta'u, osoo isheen hin beekiin akkaawuntii inistaagiraamii isaatiif "qoosuudhaaf" jechuun sirna kanarratti akka hirmaattuuf ishee amansiise.

Gaa'elli isheen qoosaadhaaf jettee raawwattee kun dhugaa ta'uusaa kan hubatte ammoo, yeroo inni Awustiraaliyaa keessatti hayyama jireenyaa dhaabbataa argachuuf itti fayyadamuuf yaale ture.

Abbaan murtii Melboorn, dubartiin kun gowwoomfamuun akka nama kanatti heerumte erga amanee boodadha kanan haqamuu gaa'ilichaa hayyame jechuun Kamisa darbe Amajjii 9, 2025 murtii maxxanse.

Dhimmi ajaa'ibaa kunis kan jalqabe Fulbaana bara 2023 yeroo dubartiin tun waltajjii jaalala toora interneetii (online dating plateform) irratti hiriyyaashee waliin wal barte ture.

Yeroo sanattis bakka lamaanu yeroos jiraatan Melboornitti yeroo yeroon wal arguu jalqaban.

Baruma sana Muddee keessa ammoo, namichi dubartii kanaaf gaaffii gaa'elaa dhiheessuun isheen fudhatte.

Guyyaa lamaan boodas dubartiin kun namicha waliin sagantaa Siidniitti qophaa'e irratti argamte. Isheenis "Affeerraa adii" kan namoonni hirmaatan hundi uffata halluu adii itti uffatanwaan ta'eef, isheenis uffata adii akka uffattuuf itti himame.

Haata'u malee, yeroo achi gahanittis hiriyyaa ishee, ogeessa suuraa, hiriyyaa ogeessa suuraa fi namtichaan alatti keessummoonni biroo akka hin argamne yoo hubateetti "rifachuu" fi "aarii guddaa" keessa seenuushee ragaan sanadoota mana murtii keessatti caqasame.

"Kanaaf yeroon achi ga'u, nama adii uffate tokkollee hin argine, 'Maaltu akka ta'aa jiraa?' jedheen gaafadha.

''Innis gara maddiitti na butuudhaan, sababni qabiyyee miidiyaa hawaasaa isaa guddisuu barbaadeef gaa'ila sobaa qopheessuudhaan karaa fuula Instagram isaan maallaqaan argachuu jalqabuu barbaadeetan jedhe," jette.

Isheenis silaa ''nama miidiyaa hawaasaa gubbaatti'' karaa inistaagiraamii irratti hordoftoota kuma 17 ol qaba jettee waan inni itti hime amantee fudhatte. Akkasumas gaa'elli siviilii seera qabeessa kan ta'u yoo mana murtiitti gaggeeffame qofa akka ta'e amanti turte.

Taʼus, yaaddoo keessa galte. Dubartiin tunis hiriyyaashee tokkotti bilbiltee yaaddoo ishee kana itti himte. Hiriyaanshee garuu "kolfuu" osoo dhugaa ta'ee, dursanii beeksisa gaa'elaaf yaadame galmeessuu qaba ture, amma sababii hin galmoofneef omaa miti jetteen.

Dubartiin tunis gaa'ila'sobaa' mirkaneessuuf hiriyyaanshee waliin kaameeraa fulduratti waadaa walii galuun wal dhugatanii xumuran. Yeroo sanatti ''dhugaa akka fakkaatuuf taphachuutti'' akka gammadde dubbatti.

Ji'a lamaan booda hiriyaanshee iyyata jireenyaa dhaabbataa Awustiraaliyaa keessatti akka nama ishee waliin jiraatuutti akka isa dabaltu shee gaafate. Lamaanuu lammii biyya biraa waan ta'aniif.

Sababii gaa'ila dhugaa hin dhaabbanneef akka hin dandeenye yeroo itti himtu, sana boodadha sirni cidhasaanii Siidnii dhugaa ta'uusaa kan isheef ibsuu himte dubartii tun.

Dubartiin kun booda ragaa gaa'elasaanii akkasumas beeksisa gaa'ela yaadame kanaas imala isaanii Siidniitiin dura ji'a tokko dura, osoo isaan kaadhimamuu illee hin qabaatin, kan hin mallatteessiin argatte.

Akka sanadoonni mana murtiitti, mallattoon beeksisa kanarratti barreeffame kan dubartii kanaa wajjin wal hin fakkaatu.

"Gaa'ela dhugaa ta'uusaa beekuu dhabuunkootti, akkasumas innillee jalqabarraatti na sobuusaatti, akkasumas iyyatakoo irratti akkan isa dabalu barbaaduu isaatiin baay'ee aaree," jetti .

Namichi garuu, ''lamaan isaanituu haalawwan kanneen irratti waliigalleerra'' jechuun, gaaffii dhiyeesseef hordofuun dubartiin tun ''sirna walitti dhiyeenyaa'' Siidniitti gaggeeffame irratti akka isatti heerumuuf waliigalteetti jedheera.

Abbaan murtii kun dubartiin tun, ''maalummaa sirna raawwatamee dogoggoraa akka raawwattee'' fi gaa'ela kanarratti ''hirmaachuuf hayyama dhugaa hin kennine'' jechuun murteesse.

"Taphachaa akka jirtu amante. Taatee kana 'qoosaadha' jettee waamte. Sirna falmisiisaa kanarratti waan hundaan nama misirroo fudhachuun isheef hiika guutuu qaba ture, kunis amanamummaa viidiyoo gaa'ila seeraan seera qabeessa ta'e agarsiisu guddisuuf." jechuun murtee irratti ibseera.

Gaa'elli kunis Onkoloolessa bara 2024 haqameera.