Taayilaanditti dubartiin balaliif qophoofte miillishee liiftii keessatti danqamnaan irraa murame

Madda suuraa, DON MUEANG INTERNATIONAL AIRPORT
Buufata xayyaaraa magaala guddoo Taayilaanditti keessatti dubartiin balaliif qophoofte tokko miillishee liiftii keessatti danqamnaan irraa murame.
Dubartiin kun imalaaf gara buufata xayyaarichaa kan imalte yoo ta'e korojoodhumasheen gufattee miillishee liiftii keessa galee danqame.
Taatee mudate kanaan maatin baay'ee nahuufi waa'ee fayyaa sammuusheellee yaadda'uusaanii barreesse ilmi dubartii kanaa.
Miidiyaalen biyya keessaa akka gabaasanitti dubartiin osoo imalarra jirtuu buufata xayyaaraa Baankookitti argamu Don Mueang jedhamutti miillishee liiftii keessatti kan danqame Kamisa Adoolessa 29, 2023 ture.
"Hamileen haadha kiyyaa yaaddessaadha," jechuun ilmishee Facebook irratti barreesse.
Itti dabaluunis, "Miillishee osoo irraa hin muraminiifi erga irraa muramee booda xiqqoo xiqqoo haasofsiisaa turre...mallattoofi sagaleen of jajjabbeessuu akka barbaaddu fuulasheerraa mul'atus, sababa battalumatti miillashee dhabdeef keessishee akka cabe hubanne" jedhe Kiit Kitirataanaan.
"Maatiin keenya miillashee akka duriitti deebisuu ykn jireenya isheen kana dura jiratte deebisuufii akka hin dandeenye ni beekna," jechuun barreesse.
Suuralee miidiyaalee hawaasaa gubbaatti mul'ataa turan irraa akka mul'atutti dubartiin kun miillishee bitaa liiftii keessatti cafaqamee ture. Haa ta'u garuu dubartii kana maqaanshee hin eeramne.
Haa ta'u garuu bulchiinsi buufata xayyaarichaa waan ishee mudatetti baay'ee gadduu ibsuun miillashee bitaa irraa cituuf beenyaa akka kaffalu waadaa gale. Akkasumas baasii waldhaansa taasifameefis uwwisuuf waadaa seene.
Daayireektarri buufata xayyaarichaa Karant Thanakuljeerapat miidiyaaletti akka himanitti sababa taaten kun itti mudate qoratamaa jira.
Liiftiwwan dulloomanis haaradhaan bakka buusuf karoorsanii akka jiranis dubbatan qondaalli kun.
Miidiyaalen biyya keessaa akka gabaasanitti liiftiin dubartiin kun miillishee keessatti danqame bara 1996 kaasee kan hojjataa tureedha.












