Koroojoon 'ija xaafiirra xiqqaatu' dolaara kuma 63 oliin gurgurame

Madda suuraa, MSCHF
Korojoon kan “ija xaafiirra xiqqaatu” caalbaasii irratti doolara 63,750’n gurgurame.
Boca koroojoo kanaa arguuf maaykirooskoppiin barbaachisaadha. Korojoon kun guddinni isaa maaykiroomeetiri 657 x 22 x 700 qaba.
Madaalliin hubachuun seentimeetirri tokko maaykiroomeetirii 10,000 dha.
“Uraa lilmoo keessa darbuu waan danda’udha, kun korojoo baayyee xiqqoo sirritti arguuf maykirooskoppiin si barbaachisudha,” jedha kuusaan artii korojoo kana duuba jiru.
Kuusaan artii MSCHF, kan Biruuklan keessa buufateeru, dizaayinoota falmii uuman dhiyeessuun beekama.
Fakkeenyaaf kophee dhiiga namaa qabu, kophee ‘bishaan qulqullaa’aa’ soolii kophee keessaa qabu, urgooftuu foolii WD-40 (keemikaala) qabu fi boottii goommaa diimaa guddaa hojjechuun dhiyeesseera.
Amma ammoo kuusaan kun faashinii korojoo xixxiqoo beekamaa dhufan as baase.
“Koroojoon gurguddoo, gidduu galeessa fi xixiqqoo ta’an jiru. Kun garuu oomisha koroojoo xiqqeessuun danda'amu keessaa dhumarra argama,” jechuun MSCHF waa’ee korojoo kanaa barreesseera.
Koroojoo kanarra mallattoo daldalaa dizaayinera Louis Vuitton kan kaa’amee jiru ta’us, dhaabbaticha waliin hidhata hin qabu.
Kompaawundii photopolymer resin jedhamu irraa kan hojjetame koroojoon kun, teknolojii 3D pirintii kan yeroo hedduu mi’oota makaanikaalaa xixxiqoo oomishuuf fayyaduun uumame.

Madda suuraa, MSCHF
Yeroo omishaatti, korojoowwan akka fakkeenyaatti uumamanii gulaalaaf ergaman tokko tokko baay'ee xixxiqqoo waan turaniif gartuu MSCHF jalaa akka badan, barreessaan Smithsonian gabaaseera.
Namni korojoo kana bite garuu mi’i kun na jalaa bada jedhee badaa yaadda’uu hin qabu.
Sababiin isaas koroojoon kun maaykirooskoppii iskiriinii dijitaalaa qabu waliin waan gurgurameefi.
Maaykirooskoppiin iskiriinii dijitaalaa kamuu gabaa interneetaa adda addaa irraa gatii dolaara 60 hanga dolaara kumaa ol ta'een gurgurama.
Koroojoo kana bituuf caalbaasiin kan jalqabe dolaara 15,000 irraadha.
Waayee mallatoo daldalaa Louis Vuitton korojoo isaanii irratti fayyadamuu irrattti hogganaan kalaqaa MSCHF, Keevin Waayisner, jalqaba ji’a kanaatti akka New York Times’tti himetti, mallattoo daldalaa kana fayyadamuuf eeyyama hin gaafanne.
“Nuti ilaalcha ‘dhiifama malee eeyyama hin gaafatin’ jedhuuf iddoo guddaa qabna,” jedheera.
Bara 2021’tti MSCHF kophee Nike jijjiiruun kophee dhiiga namaa qabu godhee gurguruu isaan dhaabaticha waliin himatarra ture.
Yeroo ammaatti himata dhaabbata Vans jedhamuun irratti dhiyaate ol iyyatee jira.












