Xiyyaarri Ameerikaa goommaa fuulduraa malee foqoqee nagaan qubate

Madda suuraa, CBS
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Deltaa gommaa fulduraa malee nagaan qubachuu isaa daandiin qilleensaa kun ibseera.
Xiyyaarri kun kan qubate buufata xiyyaraa idil addunyaa Shaarleet -Dagilaas, Karoolaayinaa Kaabaa jiru keessadha.
Balalii kanarra balalistoota lama, hojjettoota xiyyarichaa fi imaltoota 96 turani.
Taatee kanaan namni miidhame akka hin jirre ibsameera.
Imaltoonni hundi xiyyaaricha keessaa akka baafaman godhamuus, xiyyaarri Boeing 717 garuu sababa rakkoo teknikaan ammallee daandii irraa gulufanii balali'an (runway) irra jira.
Xiyyaarri kun Roobii ganama achuma Ameerikaa bakka Atilaantaa jedhamurraa ka’e.
Daandiin Qilleensa Deltaa ibsa BBC’f ergeen, kun ‘taatee hin baramnedha’ jedheera.
Ta'ullee, hojjettonni Delta “taateewwan uumamuu danda’u hedduuf leenjii bal’aa waan qabaniif, balaliin 1092 jedhamuus midhama malee nagaan qubateera,” jedhe.
“Xiyyeeffannoon keenya amma korojoo isaanii sassaabuu fi bakka galma imala isaanii geessisuu dabalatee maamiltoota keenya balalii kanarra turan kununsuudha,” jedhe Deltaan.
Sagaleen kutaa to’annoo tiraafika qilleensaa waraabamee miidiyaa CBS 17’n gadhiifame irratti, balaliisaan ykn paayileetiin balalii 1092, yemmuu xiyyaarichi “goommaan fulduraa rakkoo agarsiisaa jira” jedhu ni dhaga’ama.
“Haala atattamaa keessa akka jiru beeksisuuf jirra,” jedha payileetiin kun.
“Lubbuu namoota 104 xiyyaara kanarra qabna... boba’aan keenya ammo daqiiqaa 50’f kan turudha.”
Buufati xiyyaaraa Shaarleet ibsa Tiwiitara gubbaatti maxxanseen, “rakkoo makaanikaal” balalii Deltaa hordofee daandiin qophii balalii tokko akka cufamee jiru ibseera.












