Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galgala baayyee gaafa quufame, bariitu maaf beelli jabaan namatti dhagahama?
Namootni tokko tokko galgala akkaa ol quufanii bariituusaa yoo irribaa dammaqan miira beelaa jabaa waliin akka dammaqan dubbatu.
Mirrii beelaa kun guyyaa haala gahaa ykn sadarkaa quufa jedhamee hin ibsamneen sooratan itti dhagaahamu ni caala.
Miirichi namaa namatti gargar waan ta'eef namootni miirri akkasii itti dhagaahamee hin beekne hedduun ni jiraatu.
Namootni baayyeen hanga soorataa nyaatan irraa kan ka'e dhiyootti maaddiitti waan deebi'anii itti hin fakkaatu. Kaan ammoo sababa hanga soorataa hedduu nyaataniif dafanii beela'u, inumaa yeroo kaan caala.
Sababnisaa qorannoo soorataafi xiinsammuun ibsamuu danda'aa?
Namootni quuftanii bultanii ganama beela'aa kaatan hin yaaddahiinaa. Isin qofa miti.
Qorannoon damee soorataan walqabatan irratti godhamu ammallee sadarkaa waa hunda ibsee xumurerra gahuu baatus, ogeeyyiin sababoota ijoo miira akkasii duuba jiran ibsuuf yaalaniiru.
Akka ogeeyyiin jedhanitti soorata hangaan baayyee nyaachuun wantoota hedduu jijjiiruu akka danda'u, sana keessaa tokkommoo miirri beelaa akka nutti dhagaahamu gochuu ta'uu dubbatu.
Ammoo sababnisaa waan garaan keenya guddaa sooratee bal'atuufi yaadni jedhu kan ka'u ta'us ogeeyyiin kaan kuni gonkumaa sirrii ta'uu hin danda'uu jedhu.
Dhugaadha wayita hanga guddaan soorannu garaan keenya ni bal'ata yoo beelofne ammoo ni xiqqaata.
Yunivarsiitii Diillaatti barsiisaa kan ta'an Dr. Yihunee Ayyele ogeessa saayinsii soorataa fi sirna sorataati. Yaada BBCf kennaniin, sooratni gaaraa keenya keessa jiru sa'aa afur keessatti daakamee raawwataa jedhu.
Kana booda ''miirri beelaa nutti dhagaahamu dhaamsa sammuun keenya qaama keenya biroorraa fudhatee deebisee dhaamuun beekamaa'' jedhu.
Galgala akka malee quufnee bullee ganama miirri beelaa ciman maaliif nutti dhagaahama kan jedhurratti garuu qo'annoo addatti godhame quba akka hin qabnes kaasu. Garuu ammoo gosti soorataa baayyinaan fudhannee garaa nu qabee dafee daakamu jiraachuus dubbatan.
Gama kanaaniin ammoo ''sammuun keenya sababoota garaagaraan dhaamsa hormoonotarraa argatuun miira beelaa dhugaa hin taane yeroon itti dabarsus jira jedhu Dr. Yihuneen.
Garaan dhala namaa leetira 1-2 qabatu haala soorataa argaturratti hundaa'uun bal'achuus dhiphachuus danda'a. Garuu ammoo hangisaa dheerina ykn ulfaatina qaama qabnurratti hundaa'uun gargar miti.
Dhaamsa garaacharraa ka'uun hormooniiwwan lamaa hanga sadii ta'an sammuun keenya ergaa miirri beelaa akka nutti dhagaahamu godhu maddisiisu. Hormooniiwwan NYP fi AgRP jedhaman miira beelaa nutti dhagaahamuuf sababa ijoodha. Miira quufaa hormooniiwwan omishan ari'achuun beelli akka nutti dhagaahamu godhu.
Hormooniiwwan miira beelaa namatti dhageessisan ammoo kaan caala namoota hanga baayyee nyaatan keessa baayyinaan waan jiran fakkata. kunis sirni Indookraayinii hammam walxaxaa akka ta'e agarsiisa.
Yunivarsiitii Maastricht keessatti qorattuu kan turte Kaaroliin Vaan den Akker miirota beelaafii quufaa sammuun keenya dhaamuun cinaatti amalli soorannaa yeroo murtaa'e tokkotti goonu amala ta'aa adeemee miirri beelaa ykn fedhiin waa soorachuu akka dhufu gochuu dand'aa jedhu.
Akka isaan jedhanitti maatiifi fira waliin akkaa ol erga nyaattanii booda takka jettanii beelli guddoon isinitti dhagaahamuun badaa waan raaju mitii jedhu.
Deebitanii waan nyaattan haala hin fakkaanneen erga quuftanii booda boriituusaa ykn guyyuma sana sa'aa muraasa booda beelli kan isinitti dhagaahamu garaan keessan waan bala'ateef osoo hin taane soorata baayyee nyaachuutti garaan keessana waan bareef(madaqeef) ibsa jedhus kennu.
Ibsi biraan kennamu ammoo galgala akka malee quuftanitti hangi sukkaaraa qaama keessa jiru baayyee ol ka'ee yeroo murtaahe booda dafee gadi bu'uudha. Miirri beelaa guddaan namatti dhagaahamu sun wayita hangi sukkaaraa qaamaa tasa akkaan gadi bu'u mudata kan jedhuudha.
Ofii maaliif beelofna?
Ogeeyyiin damee fayya gaffii bu'uuraa garuu ammoo deebiin isaa walxaxaadha jedhu.
Yunivarsitii Liidsitti barsiistuu appitaayitiifi furdina hangaa olii kan ta'an Dr. Kiristiin Biyoolee ''damee qorannoo kootti beelli fedha baayolojikaalaaf deebii kennuuf waa soorachuuf wanta dhiibbaa uumu jedhamee ibsama'' jedhu.
Yaada kana bifa salphaa ta'een yoo ibsan ammoo beela'uu jechuun qaamni keenya kuusaa anniisaa keenya guuttachuuf ykn hojiin qaamni keenya dalagu akka itti fufu gochuuf nyaachuu qabdu jedhee ergaa nuuf dhaamuudha jedhu.
Ogeettiin kun qorannoon waayee miira beela'uu yunivarsiitiin Liids gaggeesse kan agarsiisu, miirri beelaa kan dhufu fedha nyaachuuf jiru irraa akka ta'e agarsiisa jedhu.
Sadarkaa xiqqaa jedhamuttis fedhiin waa soorachuu miira beela'uu uumuu danda'u sochii qaamaan walqabatee akka dhufu Dr. Kiristiin ni dubbatu.
''Mallattooleen akka garaan keenya duwwaa ta'uu, gulukoosiin dhiigaa xiqqaachuufi hormooniiwwan appitaayitiin walqabataniis akka beelofnu ykn miira beelaa uumuu danda'u.''