Ijoolleen balaa xiyyaaraarraa oolan akkamiin guyya 40 booda Amaazon keessaatti lubbuun argaman?

Ijoollee bosona Amaazon keessaa guyyaa 40 booda lubbuun oolan

Madda suuraa, Reuters

Ijoolleen xixiqqoo kunneen balaa xiyaaraa irraa hafuun ajaa'iba tokko. Bosona guddaa addunyaa keessaa daa'imman umurii waggaa tokkoo hanga waggaa 13 ta'an kunneen akkamiin turan?

Bineensi akkamiin isaan hin nyaatiin hafe? Maal nyaatanii turan?

Akkamiin ammoo argaman?

Waxabajji 9, 2023 halkan waarii dukkana limixii keessa bosona Amaazoon biyya Kolombiyaatti argamu keessaa sagalee tokkotu dhaga'ame.

Sagalee misiraachoo, humni waraanaa bosona walakkaatii raadiyootiin dabarsedha.

Biyyattiin yaa Rabbi waan 'dinqii, raajii, dinqii tokko godhii ijoolleen lubbuun haa argamtuu laata jechuun guyyoota 40f kadhataa turaniiru. 'Sagaleen misiraachoo kun deebii kadhannaa jaraati.'

Ergaan sagalee raadiyoo humna waraanaa dhaga'ame 'ijoolleen balaa xiyyaara kufee caccabeerraa hafanii bosona Amaazoon keessa badan guyyaa 40 booda lubbuun argaman' jedha.

Ijoolleen kunneen turtii isaanii torban shanii ol bosona biyya Kolombiyaa kana keessatti yeroo dabarsan waan isaanitti dhufe ofirraa ittisuun of baraaruullee danda'aniiru.

Daa'imman balaa dachaa kanarraa oolanii lubbuun argaman obbolaan yoo ta'an, umuriin isaanii waggaa 13, sagal, afuriifi tokkodha.

Pirezidantiin Kolombiyaa lubbuun ijoollee kanaa baraaramuun "guutummaa biyyattiif boqonnaadha" jedhe.

Haati ijoollee kanaafi paayileetonni xiyyaara salphaa kana lamaan Caamsaa 1 guyyaa balaan kun qaqqabe ture kan du'an.

Ijoolleen yeroo sana bakki bu'an dhabame ammoo loltootaafi uummata naannoo sanaa dabalatee hojii lubbuu baraaruu xiyyeeffannaan guddaan kan kennameef ta'ee ture.

Pirezidant Gustaavoo Petroo gartuu ijoollee kana argachuun "guyyaa maajikiidha" jedhe.

"[Ijoolleen] kun qofaa isaanii turan. Ofuma isaaniin [balaa sanaa booda bosona sana keessa lubbuun turuun] of oolchanii lubbuun argamuun isaanii seenaa addaa ta'ee irraa dubbatamaa jira."

Xiyyaara kufee caccabe

Madda suuraa, Reuters

'Ijoollee bosonaa'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Addunyaa kanarratti ijoolleen xixiqqoon dachee bineensotaafi bosona keessi isaa guyyaan dukkana ta'e Amaazoon keessa guyyaa 40 turanii lubbuun argamuun yoo kan danda'amu ta'e, ijoollee warra Mucutuy jedhaman kanadha.

Maatiin kun gosa uummata ganamaa Huitoto jedhaman keessati. Gosti kun umurii xiqqummaa irraa kaasanii adamsuu, qurxummii qabuufi dhala-mukaa funaannachuu baratu.

Akkaayyaan ijoollee kanaa Fidensiyoo Vaalenshiyaa rippoortarootatti akka himtetti, ijoollee afran keessaa warri angafti, Leslee fi Sooleniin bosanatti baraniiru.

Adaadaan ijoollee kanaa Damarys Mucutuy miidiyaa Kolombiyaatti akkas jechuun dubbatte: "Maatiin yeroo baayyee 'tapha balaarraa ooluu' waliin taphataa guddatu."

"Yeroo taphannutti, kaampii xiqqoo ijaarranna," jecuun waan yaadattu ibsiti.

Umuriin ishee waggaa 13 kan taate Lesleen dhala mukaa isa kam nyaattee, isa kam akka dhiitu ni beekti. Sababiin isaa bosona keessa dhalli mukaa summii ta'an ni jiru. Akkasumas, akkamitti akka daa'ima itti kunuunsituufi qabattullee ni beekt," jechuun waa'ee ijoollee ajaa'ibaa kana ibsiti adaadaan isaanii kun.

Keessumaa isheen angafti umuriin ishee waggaa 13 hawaasa ganamaa kessatti waan guddatteef ogummaa bakka rakkisaa akka bosona sanaa keessatti akkamitti akka of baraaran gargaaru horatteetti.

Ijoolleen kun garee hawaasaa ganamaa Huitoto jedhaman irraati.

Pirezidantiin biyyattii Gustaavoo Petroon suura miseensota loltuu ijoollee obbolaa guyyaa 40 booda lubbuun argaman kana yeroo kunuunsan agarsiisu baayyee qoodeera.

Namoota warra lubbuu baraaraan keessaa tokko daa'ima ishee xiqqootti osoo qaruuraan waa afaanitti qabuu mul'ata. Miseensa kaan ammoo daa'ima biraa osoo fallaanaan waa nyaachisuu mul'ata.

Viidiyoon ministeera ittisaa Kolombyaatiin qoodame tokko akka agarsiisutti, ijoolleen kunneen dukkana keessa helekooptaraan mukoota dhedheeroo bosonichaa keessaa baafamaa turan.

Ijoolleen obbolaa kun gara magaalaa guddoo biyyattii Bogotaa geeffamanii booda wallaansaaf ambulaansii gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

Akkayyaa ijoollee kanaa kan taate Faaximaa Valeenshiyaan erga isaan lubbuu oolanii booda dubbii dubbatteen, "nagaan baraaramuu isaaniittigammadeera, galanni isaa hin badiin," jette.

Ijoollee afran keessaa isheen angafaa duraaniyyu yeroo haati isaanii hojii deemtutti ijoollee warra kaan sadan kunuunsuufi eeguun tajaajilti ture. Kun ammoo bosona keessattillee akka of tursiisanii of oolchaniif gargaareera jette akkayyaan isaanii kun.

"Daabboofi kasaavaa , akkasumas dhala mukaa bosonicha keessaa argatte kamiyyu kennaafif turte. Isaanis lubbuun turuudhaaf nyaachuu akka qaban ni beeku turan," jechuun viidiyoo EVN irratti mul'atte tokkoon ibsite.

Daa'imman xiyyaara caccabe keessaa hafan

Madda suuraa, Reuters

Xiyyaarri Cessna 206 ta'e ijoolleen kunneeniifi haati isaanii ittiin imalaa turan osoo kufee hin caccabiin dura Araaraakuraa bakka jedhamu onaa Amaazonaas keessa jirurraa ka'ee gara San José del Guaviare'tti deemaa ture.

Yeroo balaan mudate sanattis xiyyaarri kun rakkoon motura isaa akka mudate gabaaafamee ture.

Reeffi namoota sadii lubbuun isaanii darbee loltoota biyyattiittiin bakkuma xiyyaarri itti kufee argame.

Daa'imman kunneen garuu bakka caccabaa xiyyaaraa sana irraa fagaataanii gargaarsa barbaaddachuuf yaalaa waan turan fakkaata.

Caamsaa keessa ijoollee kana barbaaduuf duula guddaatu jalqabame. Namoonni lubbuu baraaruuf isaan barbaadaa turan meeshaa ijoolleen kun gatanii deeman kan akka qaruuraa bishaan ittiin dhugan, maqasii, qabsiistuu mataafi dunkaana argan.

Faanno xiqqoon argamtes ijoolleen kun bosonicha lubbuun akka jiran abdii namatti horuun barbaachi cimee akka itti fufe taasiseera. Bosonni guddaa addunyaa kun bineensota hamoo akka jaaguwaar, akaakuu bofa gara garaafi bineensota nama nyaata biroo hedduu qaba.

Miseensonni hawaasa ijoolleen kun keessaa dhalatanii ammoo beekumsa dhala mukaa isaan qaban carraa bal'aa akka isaani lubbuun hafan isaan gargaara jedhanii amanaa turan.

Barbaacha kana namoonni naannoo sanaa akka itti makaman kan himame yoo ta'u, sagaleen akkayyaa isaanii afaan isaanii kan ta'e Huitoto'tiin waraabamee helekooptaraan maramee dhageessifamaa ture. Ergaan sagaleee kanaas 'bakkuma jirtan turaa'warra isin barbaadu jalaa fagaachaa akka hin deemnetti' jedha ture.

Yoo bakkuma jirtan turtan, warra barbaadaan jiran isin arguu danda'u jechuun ergaa labsaa turan helekooptaraan bosona irra keessarraan.

Namoota hojii lubbuu baraaruuf bobba'an yeroo daa'imman argtanitti

Madda suuraa, Reuters