Kirkirri lafaa har'a Tarkii mudateen namoonni jijjigaa jalatti danqaman

Kirkirri lafaa maginiitiyuudiinsaa 6.4 ta'e Kibba Tarkii mudate

Madda suuraa, Reuters

Tarkiitti kirkirri lafaa maginiitiyuud 6.4 ta'e Kibba har'a kibba biyyatiitti mudate. Kutaan Tarkii kirkirri lafaa itti mudate bakka torbanoota dura sababiidhuma kirkirri lafaa hamaa mudateetiin namoonni kumaatami hedduun lubbusaanii itti dhabanii tureedha.

Ejansiin Balaa yeroo tasaa fi qophaa'inaa Tarkii- Afad balaan kirkira lafaa kun Wiixata (Guraandhala 20, 2023) galgala mudachuu ibse.

Kantiibaan Magaala Haataay kan kibba Tarkiitti argamtu, namoonni jijjigaa gamoo jalatti danqamuu himan.

Kanneen ijaan argan Rooyitarsitti akka himanitti bakka kirkira lafaa dhiheenya mudateen daran miidhamte Antakya keessatti gamoowwan hafan hedduun balaa alanaa kanaan guddoo miidhamaniiru.

Kirkira lafaa hamaa maginiitiyuudii 7.8 ta'e kan Guraandhala 6, 2023 daangaa Tarkii fi Siiriyaatti mudateen namoonni kuma 44 caalan du'aniiru.

Kirkira lafaa hamaa kana booda sochii fi raafamuun iddoowwan 6,000 caalanitti mudachuu aanga'oonni Tarkii ibsaniiru.

Sochiin lafaa kan ammaa kun garuu baayyee hamaa fi akkaan kan sodaachisu ta'uu gareen gaazexeessitoota BBC achi jiran mirkaneeffataniiru.

Kanneen naannawa kirkirri lafaa kun itti mudatee jiran fi ijaan argan, miidhaan balaa kanaa Tarkiirra darbee Siiriyaa, Masirii fi Lebaanan keessattillee mul'ateera jedhan.

Balaa har'a qaqabee kanaan yoo xinnaate namoonni saddeeti miidhaa qaamaaf saaxilamu Ittaanaan Pirezidantii Tarkii himan.

Gareen BBC naannoo kirkiri lafaa kun har'a mudateetti argaman garuu kirkirri lafaa har'aa kan duraanii caalaa cimee akka namatti dhagamu himan.

Sodaafi naasuun torbaniin dura sababii kirkira lafaa naannichatti umamee tureetiin umame ammas deebii'e ummata mudataa jira.

Gareewwan lubbuu baraartoonniifi ambulaansiiwwanis bakkeewwan keenyaawwan jijjiguun gamoowwan kufaniitti qaqabuuf yaalii taasisaa jiraachutu gabaafame.

Riqichawwan dabalatee caasaawwan kirkira lafaa Guraandhala 6 mudatee ture irraa dhaabbatanii hafanii turan amma jijjigaa jiru.

Keessattuu baqaqaawwan daandiiwwan irratti mudatan gurguddaan ammoo tajaajilliiwwan yeroo balaa tasaa barbaachisan akka ummata hin qaqabneef caalaa rakkiisaa taasisaa jiru.

Namoota kirkira lafaa baqatanii imalaa turan

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Muna Al Omar, jiraattuun naannichaa Rooyitarsiitti akka himteetti, yeroo taateen kirkira lafaa kun mudatuutti isheen jidduugala Antaakyaatti paarkii keessatti dubkaana keessa turte.

''Dacheen waan miilakoo jalatti addaan saaqamtuun se'ee ture'' jechuun mucaashee kan waggaa torbaa hammattee bo'aa turte.

"Ammas naasuu biraatu umamuuf jiraa?'' jechuun gaafatti.

Gaazexessaan AFP bakka naasuun itti mudatee ANtaakyaa irraa gabaasaa ture. Magaalaa kutaa biyyaa Hatay kan taate Antakyan balaa kirkira lafaa Guraandhala 6 mudateen baayyee miidhamte.

Balaa amma qaqabeen ammoo magaalattii keessatti urkaan akka urriitti samiitti ol ka'e mul'ata.

Keenyaawwan duraan miidhamanii turan amma jijjiganiiru jedhan gabaazaan AFP. Namoonni hedduun miidhaman ammoo gargaarsaaf bilbilataa jiraachus himeera.

Alii Maazlum wayita kirkirri lafaa ammaa kun Tarkii keessatti mudateetti, reeffa miseensa maatiisaa kan sababii kirkira lafaa duraatiin du'ee barbaadaa akka ture dubbata.

''Maal gochuu akka qabdu hin beektu... walitti rarraanee osoo jirruu fulleedhuma keenyatti gamoowwan jijjiguu eegalan. Akka waan lafti nu liqimsuuf banamte fakkaata ture,'' jedhan.

Antaakyaa magaalaan guddoonni bulchiinsa Haataay bakkeewwan balaa Guraandhala 6n hedduu miidhaman keessaa tokko.

Gareen lubbuu baraartoota kooffiyaa Adii, Siiriyaa keessatti sababii gamoo jijjigeetiin namoonni hedduun miidhamusaanii himaniiru.