Kittaannaa ilaalchisee murtee falmisiisaa Ulamaa Itoophiyaa

Manni-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa, Kora Ulamaa kora waliigalaa idilee 2ffaa ilaalchisuun ibsi tibba kana bahe ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta’eera.

Manni-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa fuula Feesbuukiisaarratti A L I Amajji 22, 2016 ibsa baaseerratti dubartoota kittaanuu ilaalchisuun murtee inni lakkoofsa 12 fi 13 irratti kaa’e mirga dubartootaa, akkasumas Heera Mootummaa Itoophiyaa waliin wanta wal faallessu akka qabu “Addis Paawor Hawus” fi Artiikil 35 kan jedhaman sochiiwwan mirga dubartiirratti hojjetan miidiyaalee hawaasaasaaniirratti sagalee dhageessisaa jiru.

Ibsicharratti murteewwaan lakkoofsa 12 fi 13 irra jiran akka itti aanu kanatti kaa’amaniiru. Isaan kanaafi kanneen biroo ibsicha keessatti hammataman “murteewwaniifi Fatiwaawwan Manni-maree Waliigalaa Islaamaa akka nuuf raawwachiisuuf sagalee tokkoon murteessineerra,” jechuun Korri Ulamootaa kun xumurasaarratti gaafateera.

  • 12. Biyya keenya keessa bakka tokko tokkotti maqaa kittaannaatiin bifa Shari’aa faallessuun dubartoota obboleewwan keenarratti farra namoomaa kan ta’e kittaannaan Farahoon(qama saalaa ijoollee durbaa mummuruun) Shari’aatiin gocha abaarame ta’uu beeksifna.
  • 13.Kittaanaan Shari’aa Waajiib ykn Sunnaadha kan jedhu garaagarummaan yaadaa jiraatus kittaannaan raawwatamnaan hakiima ogeessa ta’een qofa taasifamuu akka qabu waliigalleerra.

Ijoollee durbaa kittaanuun seeraan ala ta’ee osoo jiruu, “raawwatamnaan hakiima ogeessa ta’een qofa taasifamuu akka qabu waliigalleerra” murteen jedhu ija seeraatiin akkamiin ilaalama?

Ijoollee durbaa kittaanuun (dhaqna qabuun) yakkaan kan nama adabsiisu ta’ee osoo jiruu, kana kan raawwatu “hakiimni ogeessa ta’e” jedhamee taa’uun isaa wal hin faallessuu?

Sochii ijoollee durbaa kittaanuu dhabamsiisuuf taasifamu keessatti gahee dhaabbileen amantaa qabaachuu qaban waliin wal hin faallessuu? Kanneen jedhaniifi qabxileen kana waliin walqabatan gabaasa kanaan dhiyaataniiru.

Seerri biyyattii Fatiwaa Ulamootaatiin’ cabuu danda’aa?

Seera Yakkaa Itoophiyaatiin, Heera Mootummaatiin, akkasumas waliigalteewwan ardiifi idil-addunyaa Itoophiyaan mallatteessitee raggaasifteen ijoollee durbaa kittaanuun yakka ta’uusaa, mirga namoomaa kan cabsu, rakkoo fayyaa hamaa akka geessisus kaa’ameera.

Yunivarsiitii Wallootti barsiistuu Seera Islaamaa kan taate Haliifat Hayemahaammad Yusuuf akka dubbattutti, Kora Ulamootaa hordofee ibsi ejjennoo bahe seera biyyattii olaanaa kan ta’e Heera Mootummaa, seera yakkaa, akkasumas sanadoota mirgoota namoomaa biyyattiin itti waliigalte kan cabsudha.

Fakkeenyaaf, Itoophiyaan waliigaltee mirga daa’immanii Biyyoota Gamtoomanii (CRC), akkasumas waliigaltee loogii dubartootarra gahu kamiyyu hambisuudhaaf mallatteeffame (Convention on the Elimination of All Forms of Discrimination Against Women ykn CEDAW) mallatteesisteetti.

Gamtaa Afrikaatiin kan qophaa’eefi ardicha keessatti mirga dubartootaa kabachiisuudhaaf waliigalte mallattaa’e (Maputo Protocol) jedhamus kan mallatteessitedha.

CRC keewwata 24 irratti kittaannaa dabalatee haleellaawwan kamiyyu daa’imman irratti raawwataman ni dhorka.

CDC Keewwata 2 irratti ammoo mirga fayyaa dhowwachuu dabalatee loogii dubartootarratti raawwatamu ni dhorka.

Akka Maputo Protocol Keewwata 5 jedhutti ammoo kittaanaan ijoollee durbaa dhowwaadha.

Heera Mootummaa Itoophiyaafi Seera Yakkaatiin ammoo kanneen tumaman kanneen itti aanan kanadha.

  • Seerra Yakkaa Itoophiyaa Keewwanni 565- kittaannaa akka yakkaatti kaa’eera.
  • Seerri Yakkaa Itoophiyaa Keewwanni 561-570- gochawwan barmaatilee boodatti hafootiin jireenya dubartootaafi daa’imman irra miidhaa geessisuun, dubartii kittaanuun, qama saalaa dubartootaa hodhuun, labsiiwwan gochawwan barmaatilee boodatti hafoo akka hin raawwatamne dhorkan akka hojiirra hin oolleef kakaasuun, lubbuu namaa balaatiif saaxiluun akka yakkaatti kaa’ameera.
  • Heera Mootummaa Itoophiyaa Keewwati 16-namni kamiyyu qama isaarra miidhaan akka hin geenya eegamuuf mirga akka qabu ibsa.
  • Heera Mootummaa Itoophiyaa Keewwati 35 (4)-mootummaan dubartoota mirga barbaatilee boodatti hafoo miidhaa geessisan keessaa bahu kabachisiisuuf akka qabuufi ilaalchawwaniifi barbaatileen dubartoota hacuucan, seeronni qaamaafi qalbiirra miidhaa geessisan kan dhorkaman ta’uu tumameera.
  • Heera Mootummaa Itoophiyaa Keewwata 9(1)- seerri kamiyyu, hojmaanni barmaatilee, murteen qaama mootummaa ykn aanga’aa Heera Mootummaa kan faallessu taanaan hojiirra akka hin oolle ibsa.
  • Heera Mootummaa Itoophiyaa 9(4)-waliigalteewwan idil-addunyaa Itoophiyaan raggaasifte qama seera biyyattii akka ta’e tumeera.

Hundeesstoota Horn Horaayizan keessaa tokko kan taateefi itti-aantuu itti-gaafatamtuu kan taate Su’aad Ahimad akka jettutti, ijoollee durbaa kittaanuu yakka godhee adabbii hidhaa ji’a sadiifi birria 500 seera kaa’e, adabbicha ol akka ka’u gochuuf fooyyaa’uu qaba kan jedhurratti mariyachuun yeroo barbaachisutti murteen Ulamootaan darbe carraaqqii kittaanaa dhaabsisuudhaaf taasifame kan fallessudha.

Mirga walqixxummaa Heerri Mootummaa Keewwati 25 kenne, mirga dubartootaa keewwati 35, akkasums mirga daa’immanii keewwati 36 kenne kan sarbudha jechuun ibsiti.

Sochiin walqixxummaa Saalaa ‘Artiikil 35’ jedhamu, eeruu dubartoota Muslimaarraa kennameen duula miidiyaa hawaasaa taaisaa jira.

Hundeessituu ‘Artikil 35’ kan taate Kiyyaa Alii, „Kittaanaan taasifamullee hakiima ogeessa ta’een” jechuun akka taa’e eeruun, “ogeessa fayyaa sababa jedhuun yakka kan jajjabeessudha,” jetti.

Dhaabbanni Fayyaa Addnyaa bara 2017 gabaasa baaseeen, akkasumas akka serkulaara ministeera fayyaa Itoophiyaatti ogeessonni fayyaa ijoollee durbaa kittaanii akka hin dandeenyeefi raawwatanii yoo argamanis seeraan gaafatamoo akka ta’an eeramuusaa raga dhiyeessuun ibsiti.

Manni-maree Ulamootaa maal jedhe?

Seera biyyattiitiin kittaannaan dhorkamee osoo jiruu ibsi kittaannaa hayyamu maaliif bahe? Jechuun itti-gaafatamaa waajira Ulamoota Itoophiyaa, akkasumas miseensa Koree ijoo Fatiwaa kan ta’an Sheek Muhaammad Zayiin Zehireddiin gaafanneerra.

Akka isaan jedhanitti, murteen kun osoo hin darbiin duraUlamoota kittaannaa deeggaraniifi morman gidduutti garaagarummaan yaadaa kan ture ta’us, dhumarratti garuu ibsichi akka bahu murtoon darbe.

“Seerri Itoophiyaa waan dhorkeef amanitin hin hafu. Seera Itoophiyaa mitiitii, seera addunyaa, seerri lafaa ka’ee dhorkaadha yoo jedhe wanti amanitin hayyame dhorkaa ta’a jechuu miti,” jechuun kan kaafneef gaaffii seera faallessuuf deebii kennitteetti.

Ibsa baherratti yaadasaanii kan gaafanne ministeerri dhimma dubartootaafi hawaasummaa, “Mariirra jira” jechuun alatti ibsa nuuf kennuuf hayyamamoo miti.

Kutaaleen sabaa-himaalee ministeera fayyaa, ministeera haqaafi ministeera nagaas gaaffii BBC irraa dhiyaateef deebii hin kennine.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) yaada ibsicharratti qabu BBCn gaafatee, “ammatti dhaabbatichi waayyu jechuu hin danda’u” deebii jedhu kenneera.

Manni-maree Ulamootaa maaliif of faallessa?

Kittaannaa Ijoollee dubartootaa irratti sochii kan gaggeessu ‘Pirojektiin Orkiid’ A L I bara 2010 qorannoo akka baasetti, dubartoota umuriin isaanii wagga 15-49 ta’an keessaa dubartoonni %65.2 kan ta’an kittaannaa ijoollee durbaatiif kan saaxilamanidha.

“Kittaannaa ijoollee durbaatiif baayyinaan bakkeewwan saaxiilamoo ta’an baayyinaan kan argaman kutaa biyyattii gara bahaa” akka ta’e eeruun, Ijoollee durbaa umurii 15-40 jiraniifi haadhotii kittaanamanirraa dhalatan keessaa %64 umuriin isaanii wagga afur osoo hin guutiin kittaanamuu isaanii ibsa.

Baayyinaan kittaannaan ijoollee durbaa warra aadaatiin kittaananiin akka raawwatamuufi qama saalaa ijoollee durbaa “foon hanga tokko maqsuufi muruun” kittaannaa ijoollee durbaa baratamaa akka ta’e qorannichaan kaawwameera.

Ogeessonni dubbisne, murtee Ulamootaa irratti kittaannaan “gocha farra namoomaa” jedhamee erga ibsamee booda “raawwatamuu qaba taanaan hakiima ogeessa ta’een” ibsi jedhu walii waliisaa kan faallessudha jedhu.

Kittaannaa ‘Ogeessa fayyaatiin’ raawwachuu kan jedhu ilaalchisuun qorannoon pirojektii Orkiid akka jedhutti, kittaannaan ogeessota fayyaatiin godhamu seera yakkaarratti haala adda ta’een eeramuu baatus, Keewwata 561-570tti sadarkaa idil-addunyaatti haala jiruun qaamoleen gochawwan boodatti hafoo miidhaa geessisan raawwatan waan abaaruuf ogeessota fayyaas hammachuun isaa hin oolu.

“Seerichi kittaannaa dubartootaa wallaansa fayyaan deeggarame hiika ifa ta’e kennuudhaan, ogeessi fayyaa kamiyyu bakka kamittiyyu gocha kana raawwannaan, raawwachuuf yaallaan ykn gargaarraan adabbii cimaa hordofsiisuu qaba,” jechuun yaada furmaataa kenna.

“Kittaannaa ijoollee durbaa ogeessa fayyaatiin deeggarame” ilaalchisuun odeeffannoo jiruun, dubartoota umuriin isaanii 15-49 ta’e keessaa %1, akkasumas umuriin isaanii 0-14 ijoollee durbaa ta’an keessaa %1.9 kan ta’an qofatu gara dhaabbilee fayyaa geeffamuusaanii eera.

Kittaannaan gosa kamiyyu fudhatama akka hin qabne cimistee kan ibsitu Su’aadaan, ibsi murtee Ulamootaa “ogeessa hakiima ta’e” kan jedhu fayyadamuun isaa dhaabbileen fayyaa ykn ogeessonni fayyaa karaa sirrii hin taaneen akka raawwatan mijeessa jetti.

“Dhaabbileen fayyaa gocha kana hin raawwannu yeroo jedhan ammoo gara hawaasichi beekuufi gara barate kittaannaa karaa barmaatiitiin namoota raawwatanii deema. Dubartootaafi daa’imman rakkoo fayyaatiif saaxila.

Qorannoon ummataafi fayyaa bara 2016 qoratee baasetti, dubartoonni %25 ta’an kittaannaa gosa akkamiitu akka isaanirratti raawwatame hin beekan.

Su’aad kana ilaalcha keessa galchuudhaan, “odeeffannoowwan haala akkamiitiin, eenyuun, akkamiin kittaannaan raawwatame jedhan hiika dhabu. Qaama saalaa ijoollee durbaa muruufi hodhuun hakiimaanis ta’e karaa barbaatiin, dhukkubbii dubartootarra gahu hin jijjiiru,” jechuun ibsiti.

“Kittaannaan gosti kamiyyu fudhatama hin qabu. Qabaachuus hin qabu,” kan jettu Haliifaat, dhiigni baayyee dhangala’uu, infekshinii, rakkoo dahumsa waliin walqabataniif saaxilamuufi lubbuu dhabuu kan geessisu ta’uusaa dubbatti.

“Kittaannaan seera-qabeessa” jedhamu jiraa?

Murteen mana-maree Ulamootaa gocha yakka ta’e sossobuufi gariin seera qabeessa akka fakkaatu kan yaale ta’uu ogeessonni dubbisne ni ibsu.

Kiyyaan akka jettutti, Ulamoota kittaannaa ijoollee durbaa deeggaraniifi morman gidduutti garaa garummaa yaadaa ka’erraa ka’uun tarii “karaa walakkaarra jiru fiduudhaaf” kan jedhuun “ogeessa fayyaatiin” haa ta’u kan jedhu ka’ee ta’uu danda’a.

Ta’us garuu, kittaannaan ijoollee durbaa, “miidhaa waaraa qaqqabsiisu dhaabsisuun hin danda’amu” jetti.

Itti dabaluun, “gochi kun kann raawwatamu daa’imman irratti ta’uun isaa hamaa taasisa. Miidhaa ijoollee durbaa umuriishee guutuu ishee faana turudha. Eenyuunillee raawwatam sarbama mirga namaati,” jechuun ibsiti.

Gama biraan ammoo, ogeessota fayyaa, “kittaannaa ijoollee durbaa keessatti akka hirmaatan kan taasisuufi bifa seerummaa kan kennuufidha” waan ta’eef seeraafi qajeelfama baaseen ministeerri fayyaa deebii kennuun akka irra jiraatu Kiyyaan ni hubachiifti.

Kittaannaa ijoollee durbaa abaaruu

Sadarkaa idil-addunyaatti kittaannaa dhabamsiisuudhaaf sochiiwwan taasifamu keessatti qaamoleen ilaalcha keessa galan keessaa dhaabbileen amantaa kan eeramanidha.

Dhaabbileen amantaa hawaasa keessatti dhageettiifi fudhatama qabaniin ergaa yoo dabarsan hawaasichi gochicha raawwachuun “barbaachisaadha” jedhee akka fudhatu Kiyyaan ni dubbatti.

Gocha akkasii raawwachuu dhabuuniyyu "waan akka fokkuufi cubbuutti akka lakkaa'amu" Su'aad ni ibsiti.

Halifetis, "gochawwan miidhaa geessisan amantaadhaan deegaramanii akka itti fufan" taasisa jechuun ibsiti.

Ulamoota gidduutti garaa garummaan yaadaa osoo jiruu ibsi kittaannaa ijoollee durbaa abaaru maaliif hin baane? jechuun kan gaafataman Sheek Muhaammad Zayiin Zehireddiin gamasaaniitiin, "ergaa kittaannaan haa hafu jedhu dabarsuu hin dandeenye.

Hin dandeenyullee. Barsiisaan guddichi haa hafu hin jenne. Raawwatamnaan of eeggannootiin haa raawwatamu jedhan. Nutis isuma irra deebine," jechuun falmii karaa amantaatiin jiru dhiyeessan.

Karaa amantaatiin falmii jiru kana barsiistuun Seera Islaamik taate Haliifet hin fudhattu. "Ijoollee durbaa kittaanuun Islaama biratti dirqama miti. Qur'aanaafi Sunnaa irratti ragaa kamiyyu hin qabu," jetti.

Faallaa kanaatiin falmiin amantaa ka'umsa godhate "dadhabaa ykn laafaa (afaan Arabaan Dahiif) Haddisiin eeruudhaan" jechuun itti dabaluun ibsiti.

Kanas, "buu'uura cimaa kan hin qabne, mirga dubartiifi mirga Islaamummaa kan cabsu, Qur'aanaafi SUnnaa waliinis kan wal falleessudha" jechuun ibsiti.

Ejjennoon sirrii mana-maree Ulamootaa kamidha?

Itti-gaafatamaan waajira Ulamootaa Itoophiyaafi miseensi Koree Ijoo Fatiwaa Sheek Muhaammad Zayiin Zahiraddiin, "Odeeffannoon ijoolleen durbaa maaliif kittaanamti jedhee abaaru hin jiru. Yoo kittaanamte Uumaa biraa miindaa guddaa qabdi odeeffannoon jedhus hin jiru," jechuun ibsu.

Akka ibsa isaanii kanatti, ijoollee durbaa "kittaanamuu baannaan yakkamtuudha. Uumaa biratti Jannatarraa dhorkamti. Gara Gaannamaatti darbatamti kan jedhu Qur'aanarras ta'e Hadiisarra hin jiru" garuu "odeeffannoon kittaannaa abaarus" hin jiru jedhu.

Kittaannaa ijoollee durbaa "dirqamadha" Ulamoonni jedhan "ragaan isaanii cimaa hin turre" jedhanis, Nabiyyuu Mohaammad naanoosaaniitti dubartii ijoollee durbaa kittaantu, hojiinshee kana yoo ta'e waamaa jedhanii, kittaani jedhanii ajaja hin kennine. Yoo kittaante maaloo gara jalaatti siqee osoo hin taane xiqqoodhuma fiixeerraa qofa tuqi (afaan Arabaatiin Ashiimiihaa) ittiin jedhan" jechuun falmii amantaa dhiyeessu.

Kana ka'umsa godhatanii, "kittaanuun yoo irra jiraate of eeggannoo barbaachisa" jechuun falmu.

Haliifet faallaa kanaatiin akka ragaatti kan eerame Hadiisni, "dadhabaa ykn laafaa" kan jedhamu akka ta'e eeruun, " mirgi dubartii gammachuu saal-qunnamtii argachuu Qur'aanaafi Sunnaarra kan kaa'amedha.

Kana kan faallessudha. Qur'aanaafi Hadiisarra dhala namaarratti waan tokkoyyu raawwachuu dhiisuun, dhaabbii qaama namaa Allaah namaaf kenne jijjiiruu akka hin qabne kaa'ameera. Ijoollee durbaa kittaanuun ammoo isaan kana ni cabsa," jetti.

Sua'aadis Haliifet waliin walii galti. "Ulaamonni addunyaarra jiran kittaannaan ijoollee durbaa bu'uura amantaa Islaamummaa kan hin qabne ta'uu irra deddeebiin ibsaniiru," jetti.

Akka ragaatti kan dhiyeessitu ammoo, bara 2006 falmaa mirga namoomaa Taargeet jedhamuufi Pro Islamic Affairs Against FGM jedhamuun konfaransii idil-addunyaa Yunivarsiitii Al-Azihaaritti qophaaedha.

"Itoophiyaarraa Sheek Mohaammed Dheeressaa argamaniiru. Yaadni darbe ijoollee durbaa kittaanuu kan dhorkudha," jechuun ibsiti.

Addunyaarratti yunivarsiitiiwwan durii keessaa tokko kan ta'e Yunivarsiitiin Al Azihaar warra Masirii, akkasumas biyyoota miseensa ta'an 57 kan qabu Organization of Islamic Cooperation kittaanaan fudhatama kan hin qabne akka ta'e murteessaniiru.

Haliifet akka jettutti, "ragaa cimaa ykn amansiisaa kan hin qabneefi Haddiisa irratti hundaa'uun amantaan amantaa bira qabuun kan hiikamedha."

Itti dabaluun kittaanaa ijoollee durbaa ilaalchisuun, "waliigaltee addunyaa ifa ta'e Sunnaan ykn Hadiisni qabu dhibuun isaa rakkoo qaba jedhamee akka dhorkamu taasiseera," jechuun isbiti.

Ibsa Kora Ulamootaarratti lakoofsa 12 irratti "gocha farra namootaati jedhamee kan kaa'ameefis kanaafidha," jetti.

Sheek Muhaammed Zayiin Zehireddiin yaada kanarraa adda ta'e hin qaban.

Murteen darbe, "yeroo jalqabaatiif ija jabinaan kan bahe, kittaannaan ijoollee durbaa dirqama kan jedhurraa gara raawwatames raawwatamuu baates rakkoo hin qabu gara jechuutti kan fide; Fatiwaa ejjennoo cimaa qabudha jennee yadna," jechuun ibsan.

"Hawaasni garri caalu kittaannaa dhiisaa dhufeera," kan jedhan Sheek Muhaammed Zayiin Zehireddiin, "nutis gara dhiibuuttidha kan deemne. Suuta suutaan ni hafa jennee yaadna," jechuun dubbatan.

Yeroo ammaa kana kittaannaa ijoollee durbaa kan hayyamu murtee dabarsuufi murtee kana keessatti ammoo ilaalcha dubartootaa hirmaachisuu ilaalchisee gaaffii isaanii dhiyeessineen, "Fatiwaan asirra gahuun isaa waan gaariidha. Kanaan booda yoo dhiisan maaliif dhiistan? jedhaa kan isaan abaaru hin jiru," deebii jedhu kennan.

"Qaama dubartootaa to'achuu"

Haliifet, Su'aad fi Kiyyaan garuu ibsi bahe yaaddoo kan uume akka ta'e irratti waliif galu. Mirga namoomaafi seera kan cabsu, akkasumas kittaannaa ijoollee durbaa "beekamtii amantaa ykn dhaabbataa" kan kennudha jechuun jala sararanii dubbatu.

Hanga ammaatti gama dhaabbilee mootummaatiin ifatti wanti jedhamu jiraachuu baatus; gama qaamoleen mootummaatiin, hawaasa sivikiitiifi dhaabbileen biroo kittaannaa dhabamsiisuuf hojjetaniin deebiin akka itti kennamu gaafatu.

"Qaama dubartootaa to'achuuf yaaluudha. Kan nama gaddisiisu barmaatilee boodatti hafoo itti fufsiisuudhaaf sirna abbaa [Patriarch]f jedhamee hanga eessatti akka deemamu kan agarsiisudha," jechuun qeeqxi Haliifet.

Ministeerri haqaafi ministeerri dubartootaafi hawaasummaa, akkasumas hawaasni Musliimaa murtee kana ifatti balaaleffachuu qaba," kan jetti Haliifet, ibsi bahe "akka idileetti ilaalamee yoo callifame waan kana caalu hordofsiisa," jechuun akeekkachiifti.

Kiyyaan akka jettutti, mirgaafi walqixxummaa dubartootaa irraa mulquutiin alatti, "qaama isaaniifi fedhii isaanii to'achufi mataa ofii bakka bu'anii ofirratti murteessuu namarraa butachuudha".

"Dubartiin qaama uumamaashee eenyuyyu irratti ajajuu hin dandeenyerratti ofiishee akka hin ajajne adeemsa gochuu, sirna abbaa [Patriarch] itti fufedha" jechuun dubbatti.

Su'aad gamasheetiin, kun "qaama dubartootaa to'achuudhaaf yaaluudha. Sirna abbaa [Patriarch] itti fufsiisuudhaaf hangam fagaatamee akka deemamu kan agarsiisudha," jetti.

Murtee kanaan kan dhaga'amu, "dirqama amantaa raawwachiisuu" osoo hin taane "qaama dubartootaa to'achuu" qofadha jechuun murticha ifatti qeeqxe.