Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Luba Itoophiyaa jalqabaa Qes Bakuree Dhaabaa (PhD)
Kora guddaa Fooramii Diinagdee Addunyaa bara 2020 qopheesserratti dubartoota gara hoggantummaatti fiduun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa akka ta’e ka’ee ture.
Kora sana irratti hirmaannaan durbartootaa sadarkaa hoggantummaa irratti eessaa ka’ee eessa akka gahe muuxannoo biyyoota gara garaas dhiyaatee galteen barbaachisu fudhatame.
Korri kuni dhaabbilee maallaqaafi daldalaa gurguddoo keessatti lakkoofsi dubartootaa gara hoggantummaatti dhufan jajjabeessaa ta’us, gama siyaasaafi dhimmoota akka hawaasaafi amantaatiin ammallee karaa fagoo deemuu akka gaafatu ifa taasiseera.
Guutummaan baatii Bitootessaa addatti ammoo Bitootessa 8 (March 8) Guyyaa Dubartootaa Addunyaati.
Ji’a kana keessa namoonni guutummaa addunyaa irratti mirgoonni dubartootaa akka kabajamu gochuuf qophii gara garaatiin dabarsu.
Dubartoonni gaggeessitoota mana amantaa ta’uun kan kanaan dura aadaa biyyootaafi hawaasa hedduu keessatti hin baratamiin, amma baayyee dabalaa dhufeera.
Itoophiyaatti Waldaan Warra Wangeelaa Makkaane Yesuus gama kanaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu ishee ragaan ni mul’isa.
Waldattiin kun dubartoota barnootaan gahoomsuu, gaggeessummaatti fiduurra darbitee hanga lubummaatiin muuduutti qaqqababniiru.
Luba jalqabaa Itoophiyaa, Bakuree Dhaabaa (PhD)
Itoophiyaatti luba jalqabaa kan taate Lubi Bakuree Dhaabaa (PhD) bara 2000, jechuun waggaa 23 dura muuudamuun seenaa haaraa qabataniiru.
Lubummaan muudamuudhaaf Lubi Dr. Bakureen bu’aa ba’ii hedduu keessa darban.
Ilaalcha dubartootarra jiru aadaafi amantaa keessatti hundee gadi fageeffatan akka hin baranne, akka gola keessatti malee addabaabayiitti baatee gaggeessituu hin taane godhu wal xaxaa ta’e hedduu cabsanii darbaniiru.
Hiree barumsaa ganamaa obbolaa dhiiraaf qofa kennamee ishee hanqate mo’achuun Lubi Dr. Bakureen hanga biyya Awurooppaa, UK deemanii Yunivarsiitii Liiverpuul keessatti digirii sadaffaa hojjetanitti qaqqabaniiru.
“Bara 1980 barnoota Tiyooloojii dippiloomaa barannee xumuraa wayita jirrutti qorataan tokko dubartiin maaliif [Qeesii] hin taatu kan jedhu gaaffii kaase. ……
''Baruma 1980'oota keessa Sinoodosiin Dhihaa kan Wallagga jiru dhiirota 10 lubummaan muudee 11ffaa anaan keessaa hambise.
''Sababiin isaa ammoo Waldaan Makkaane Yesuus waa’eedhuma kanaa hin kaafne waan ta’eef,” jechuun waan yaadatan BBCtti himan.
Bara sana dhiirota biraa hambisanillee gaaffiin dubartii luba gochuun muuduu Waldaa Makkaane Yesuus keessatti akka hin dhaabbanne himu.
Dubbii kana deeddeebisee yaaduun Sinoodosiin Dhihaa Luba Dr. Bakuree lubummaadhaan muuduuf ofiin murteeffatee gaaffii gara waajira muummee Waldaa Warra Wangeelaa Makkaane Yeesusiitti dhiyeessuu kaasan.
“Murteessuudhaaf waggaa baayyee gaafate; lafarra tureera. Sinoodosiin Dhihaa irra deddeebiin waan gaafateef marii dhimma amantii (Theological consultation) irratti dhiyaate.
''Erga dhiyaateen booda ammoo woorkishooppiin yeroo dheeraa irratti gaggeeffame. Yaada gamaafi gamanaan jiru ykn mormiifi deeggarsa jiru adiinis, gur’aachis barreesseera,'' jedhan.
Murteessuuf waggaa 20 qoratame
''Waggoota 20'f gama aadaan, hawaasaafi Tiyooloojiitiin maaltu jira jedhamee gadi fageenyaan qoratame dubartiin yoo luba taate wanti dhorku akka hin jirre mirknaa’e,” jechuun adeemsa dheeraa ture yaadatu Luba Dr. Bakureen.
Waldaan Makkaane Yesusii Itoophiyaa lubummaan muuduu dabalatee dubartoota gara hoggantummaatti fiduudhaan fakkeenya gaarii ta’uu kan himan Luba Dr. Bakureen.
Manneen amantaa warri akka warra wangeelaa (Evangelicals) fakkeenya kana fudhachaa akka jiranis ibsu.
Dubartoota paasterii godhachaa waldaaleen jiran kaasuun fooyya’insi mul’ataa jiraachuu dubbatan.
Kanarraa ka’uudhaan dubartiin luba ta‘uun ykn paasterii ta’uunis hawaasa keessatti fudhatama argataa akka jiru eeraniiru Lubi Dr. Bakureen.
Manneen Kiristaanaa Ortodoksiifi Kaatolikii biratti dubartoonni luba ta'un waan hin baramne.
“Dubartoonni kennaa bulchiinsaa qabu”
Qorannoo dubartiin Tirasii Birawar (PhD) tolchite barruu Forbis irratti Onokoloolessa 2021 barreeffame akka agarsiisetti seenaan jallaa dubartoonni gaggeessummaaf hin ta’an jedhu ture dhara taasiseera.
Dubartoonni gaggeessitoota milkaa’uu akka ta’an qarannoon kun mul’iseera.
Keessumaa gaggeessummaa bu’a-qabeessa, walqixxummaafi si’oomina qabuuf dubartoonni ni filatamu jedha.
“Dubartoonni kennaa bulchiinsaa qabu ani ofii koo akkan argetti. …Guyyaa guutuu namni isaan mana keessatti bulchaa oolan kennaa isaan gaggeessummaa irratti qaban agarsiisa.
''Miseensota maatii hunda akka umurii isaafi fedhii isaatti ganama ciree, guyyaa laaqana, galgala hirbaata qopheessanii kennu.
''Hunduu argateeramoo hin arganne jedhanii hordofuufi oolmaafi bultiin isaanii akkam akka ta’e, nageenyi isaanii maal akka fakkaatu kan hordofan dubartoota.
''Eenyu argatee, eenyu dhabe jedhanii hordofu. Eessatti hafee, eessatti miidhame jedhanii ilalau. Kun bulchiisadha,” jechuun jiruu qabatamaa keessatti dubartoonni gaggeessitoota dhugaa akka ta’an ibsu Lubi Dr. Bakureen ammoo.
Waldaa keessatti ammoo tiksoota kan jedhan Lubi Dr. Bakureen, dubartoonni gaaggeessummaa keessatti gahee qabu osoo hin taane kennaa addaafi barbaachisaa ta’e qabu jedhan.
Dubartoonni osoo carraa argatanii bulchiinsaafiyyuu gosti bulchiinsa isaanii hin jiru kan jedhan Lubi dubartii jalqabaa Itoophiyaa kun, jechoota har’ayyu dubartoota duubatti harkisan akka hin dhageenyetti bira darbuun hawaasaafis biyyaafis gaggeessitoota bu’aa buusan ta’uu danda’u jedhan.
Dubartii Gaanaa Ambaa Addooyyee jedhamtu kan jette akka fakkeenyaatti kaasuun, dhaabbileen amantaa keessatti dabalatee hangam dubartoonni gaggeessummaa keessatti barbaachisoo akka ta’an agarsiisan Lubi Dr. Bakureen.
‘Tiyooloojiin Afrikaa ammayyu ni hafa, miilla tokkoon deemaa jira. Sababiin isaa ammoo dubarootatu waliin hin jiru; dubartiitu keessaa hin qabu; dubartii keessaa dhiiban,'' jechuun dubbachuu ishee eeru.
Kanaaf, ''yoo dubartii itti dabalatanii hirmaachisan miilla lamaan deemu. Namni miilla lamaan deemu ammoo lafa yaade gaha,'' jechuu ishee kaasuun, ofiinillee yaada dubartii Gaanaa kana akka deeggaran himan.
Lubi Dr. Bakureen dirree kamiyyuu keessa sadarkaa hoggantummaa keessatti hirmaachisuun miilla lamaan deemuu akka ta’e ibsan.
“Dubartoota bulchiinsas ta’e waan kamiyyuu keessa galchuun miilla lamaan deemuu ykn miilla lamaan dhaabachuu jechuudha.
''Ammayyuu dhiironni qofuma deemu taanaan miilla tokkoon deemaa jiru.
Dubartoonni ammoo kana beekanii carraa uumamaan qabanis fayyadamanii, barumsaanis of cimsanii, ofii isaanis osso hin tuffatiin irratti hojjechuu qabu ergaa jechun dubartootaaf dhaama.”
Waa'ee Guyyaa Dubartootaa
Guyyaa kana milkaa’inni dubartootaa siyaasa, dinagdeefi aadaa keessatti argamsiisanis akka kabaja malu argatus ni taasifama.
Gaafa Bitootessa bultii 08 qofa osoo hin taane, guutummaan ji’a Bitootessaa kun kan milkaa’inni dubartootaa damee hunda keessatti galmeessan itti himamudha.
Bara 1975 UN akka waggaa waggaan kabajamu haa murteessu malee, guyyaan dubartootaa kun bara eerame kana dura akka jalqabe seenaan sochii dubartoonni mirgoota isaanii kabachiifachuuf taasisan ni ibsa.
Sochiin Guyyaa Dubartoota Addunyaa hundeessuu taatee magaalaa Niwu Yoork keessatti Guraandhala 1908 ta’e duubatti deebiyee kan yaadatudha.
Guyyaa kanarra dubartoonni warshaa huccuu keessa hojjetan kumaatamaan lakkaa’aman haalli hojii akkuma dhiirotaaf mijataa ta’e nuufis mijataa ta’uu qaba jechuun daandii magaalattiitti bahanii mormii eegalan.
Mormiin dubartootaa Ameerikaa magaalaa Niwu York keessatti bara 1908 jalqabe kun bara 1917 Raashiyaa keessatti ammoo gara Warraaqsaatti guddate.
Kanarraa ka’ee hanga har’aatti gahee dubartoonni bakka hunda keessatti qaban dabalaa dhufeera.