Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree Afgaanistaan osoo qorattuu hawaa ta'uuf ifaajjuu galaanatti duute
Maa'idaa Huseen qorattuu hawaa ta'uun mul'atashee ganamaa ture, garuu milkiirra turte- Maqaansheeyyuu NASA keessatti galmaa'eera.
Shamarree umrii waggaa 17 lammii Afgaanistaan kanaaf bakki kun waan hin qaqqabamne fakkaachuu mala, garuu kan ishee daangessuu samii qofa.
Maa'idaan wayita bara 2021 Taalibaan aangoo mootummaa qabatu, ennaa maatiinshee gara Iraan baqatanillee harka hin kennine, mul'atashee dhugoomsuurraa duubatti hin jenne.
Gara Awurooppaa imaltee barnootashee galmaan ga'uu ture karoorri ishee.
Lukaan gara Tarkii imaltee achirraa karaa galaanarraa gara yaadde imaluuf turte. Haatishee murtoo Maa'idaa kanaan baayyee dhiphatte, ittis hin amanne, Maa'idaan garuu yaadaan mo'atte.
''Ittan hime. 'Deemi dhala koo, Waaqi gaachana siif haata'u','' jette Mahtab Forough.
''Dandeettiisa qabdi. An haadhasheeti, natu guddise waan ta'eef waa'eeshee bareecheen beeka,'' jette haatishee kun.
Maa'idaan namoota 200 Tarkii irraa ka'anii osoo imalanii jiranii gaafa Guraandhala 22, 2023 bidiruu ittiin garagale keessaa tokkodha.
''Yooyyaa haadhakoo, Nagaa akka taate abdiin qaba. Ani nagaa kooti, akka mishaan jira. Daqiiqaa 30 booda ni geenya.''
Ergaa sagalee isa dhumaa Mahtab intalasheerraa argatte ture.
Isa booda ergaa barreeffamaa, ''Jaallatamtuu haadha koo, Italii qaqqabuuf haguma xiqqootu na hafe. Yeroo muraasa keessatti dooniirraa buuna. Fayyaa, nagaa kooti. Hin yaadda'in,'' kan jedhu ergiteef.
Yeroo baayyee shamarran akka Maa'idaa kophaasaanii imala akkasii imaluun waan baratame miti, haati ishee garuu intalli ishee hangafaa ofitti amanamummaa fi kutannoo waan qabduuf itti amantee gadhiiste.
Maa'idaan ji'a torba dura wayita Iraan qaxxaamurtee gara Tarkii seentu miillasheerra rasaasaan rukutamtee turte.
Rasaasi guyyoota 10f luka ishee keessa ture kaayyoosheerraa duubatti hin deebisne.
Shamarreen kun erga Tarkii seentee gara Awurooppaa ce'uuf yaalii hedduu taasifte jedhan maatiin.
''Waa'eenshee guddoo na dhiphisa ture. Gara bakkan jiru- Iraan akka deebitun barbaadaa ture,'' jette haati ishee Mahtab.
Balaa mudate sanaan yoo xiqqaate namoonni 70 ta'an du'aniiru, reeffi Maa'idaa ammallee hin argamin jira.
Imala balaafamaa...
Tarkiin lammiilee Afgaanistaan gara biyyoota imalaniif ulaa ijoodha. Bara 2022 baqattoota biyyoota Awurooppaa 27 koolugaltummaa gaafatan keessaa dhibbeentaa 13 lammiilee Afgaanistaan.
Lammiin Iraan battala dhumaarratti yaadasaa jijjiiree imala kanarraa hafe akkas jedhe.
''Namoonni 60 hanga 70 altakkaan akka fe'aman nutti himame. Galgala imallu sana lammiileen Afgaanistaan imalaaf qophaa'an 117 ta'u,'' jedhe.
Namni kun guyyaa sana gonkumaa yaadachuu hin fedhu, isa dhiphisa.
''Akka abjuu badaati. Ammallee amanuu hin dandeenye. An ergasii homaayyuu hin amanu, jireenyi dhala namaa akkanumaani, hiika homaa hin qabu,'' jedha.
Namoonni balaa kanarraa lubbuun hafan lama bidiruun kun akkuma Tarkii irraa ka'een cabuu himan.
Duuba kanneen namoota deddeebisan bidiruu biraa jijjiiruun garasitti namoota dabarsan.
Aanga'oonni Xaaliyaan namoota bidiruu kana oofaa turan sadii to'annoo jala oolsuu ibsani, lammii Tarkii fi lammiilee Paakistaan lama.
Maatiin Maa'idaa amma Iraan jiran ammallee waa'ee intalasaanii oduu dansaa dhagahuuf abdatu.
Baqatanii Iraan waan jiraniif carraa Visa argatanii gara Italii imaluun daa'imasaanii barbaaddatan hin qaban.
''Ammallee abdiidhaanin eeggachaa jira,'' jette haati ishee Mahtab.
''Namni kamuu akka isheef gadda taa'u hin eeyyamne. Namni akka ergaa gaddaa naaf dabarsus hin fedhu, hin eeyyamu,'' jetti.
Taalibaan erga aangoo qabatee shamarran Afgaanistaan hedduun mirgoota bu'uuraa kanneen akka mirga barnootaa sarbamanii jiru.
Maa'idaan erga Awurooppaa seentee booda maatiishee ofitti fudhattee waliin bakka tokko jiraachuuf kaayyeffattee turte.
Osoo umriinshee waggaa 18 hin guutin maatiishee waliin Awurooppaatti walarguu feeti ture.
''Yeroo hunda akkas jetti: 'Haadhakoo! adaraa akka kee ijoollummaa kootti na hin heerumsiisin','' jette Mahtab.
''Mul'ata guddaan qaba. Abbaan kiyya hojjetaa guyyaati. Hojii ittiin jireenya keenya jijjiiru hin qabu. Kanaafuu an gara biyyoota Awurooppaa ce'ee hojjechuun qaba, milkaa'uun qaba,'' jechaa turte.