Iccitiin dhagaa anniisaa elektirikii maddisiisuu DRC'tti argamee maali?

Viidiyoon yeroo dhagaan walitti bu'u elektirikii uume miiliyoonotaan daawwatame

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa/Twitter

Viidiyoon wayita dhagaan walitti bu'ee elektirikii uumu agarsiisu Afrikaarra darbee biyyoota addunyaa hedduu keessatti namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniin battalumatti daawwatameera.

Viidiyoon tokko akka mul'isutti dhagaan kun lameen wayita walitti bu'an anniisaan elektirikii xaaxa'uun gidduudhaa ba'a.

Namni viidiyoo kana tiwiitarii irratti maxxanse akkas jechuun barreese: ''Dhagaan anniisaa elektirikii uumu Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti argameer.''

Namni kun dabaluun akkas jedhe, ''Amma Afrikaan dabalataan dhiiguu eegalti. UN nagaa eegdota jedhee saamtota isaa erguuf jira. Akka waan waaqi albuuda gati jabeeyyii Afrikaa keessatti isaaniif uumee. Afrikaa dammaqi.''

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Viidiyoon kun akkaan kan qoodame wayita tujaarri Afrikaa Kibbaa Daniel Marven hordoftoota isaa kuma 800 caalaniif maxxanseedha.

''Egaan amma ammoo hookkarri biraan Afrikaa keessatti dhalachuuf jira. Booyichaafi gadadoo biraa,'' jechuun barreesse.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Fayyadamaan tiwiitaraa kan biraan viidiyoo Daani'eel jalatti viidiyoo kan biraa maxxanse.

Viidiyoon kun wayita namni tokko dhagaa kanarraa kan cabetti shiboo kara lamaan maxxansuun waan akka ampuulii xiqqaa itti gochuun ifaa uumu agarsiisa.

Daani'eelis viidiyoo kana daqiiqaa muraasa booda tiwiitarii isaarratti maxxansuun yeroo gabaabaa keessatti namoota miiliyoona 1 caalaniin daawwatame.

Viidiyoowwan kunneen lameen fuula tiwiitaraa Africa Archives jedhamuun maxxanfamee yeroo miiliyoona 33 caalaa daawwatame.

Maxxansa X irra dabri, 3
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 3

Garuu dhagaawwan viidiyoorratti agarsiifaman kunneen akkaataa itti mul'atan kana miti.

Viidiyoon kun wayita dhugummaan isaa mirkanaa'u, kanaan dura fuula feesbuukii Yuuniversitii biyya Morookoo, Mohammed First University jedhamu irratti maxxanfamee ture.

Barreeffamni yuuniversitichi viidiyoo kana waliin maxxanse gabaabduu wayiiti: ''Lithium!!?'' qofa jedha.

BBC'n yuuniversiticha quunnamuuf yaaleera, garuu deebii hin arganne.

Sanas ta'e kana garuu, dhagaan viidiyoorratti mul'ate dhugumatti elektirikii uumaa yookiin olkaa'uu danda'aa?

Yuuniversitii Naayijeeriyaatti Geology kan barsiisan Dr Ikenna Oknkwo, lakki kun gonkumaa dhara jedhan.

''Dhagichi Zinkii yookiin Lead ore fakkaata. Isaan ammoo amala akkasii hin qaban. Viidiyochi waan akka mala maltee gowwoomsaa wayiiti,'' jedhan.