'Qofummaan guyyaatti tamboo 15 xuuxuu caala rakkoo fayyaaf nama saaxila'

Lammiilen Ameerikaa hedduun qofummaarraa kan ka'e rakkoo fayyaa cimaa keessa jiraachuu qondaalli mootummaa olaanan ibsan.

Inumaayyuu bifa weerara jedhamuu danda'uun US keessatti bal'inaan mul'ataa jiraachuu ibsan qondaalli kun.

Qondaalli fayyaa Ameerikaa Viived Murtii akka akeekkachiisanitti, qofummaan akka guyyaatti sijaaraa 15 xuuxuu balaa cimaa geessisa jedhan.

Namoonni ofiisaanii hawaasarraa adda of-baasuun qofummaa filatan, akka nama gar-malee furdatee ykn akka qoricha sammuu namaa adoochutti ilaalamuu qaba jedhan aanga'aan Ameerikaa kun.

Akeekkachiisa rakkoon qofummaa geessisu kennaniin lammiileen Ameerikaa sadarkaa jireenyaa garaa garaarra jiran hunda keessaa walakkaa kan ta'an rakkoon qofummaa isaan mudata.

Rakkoo kana furuu kan dandeessisu sagantaa biyyaalessaa hawaasa gidduutti walitti dhufeenya cimsuu danda'u ifa godhan Viived Murti.

Qofummaan rakkoolee sukkaaraa, dhibee onneefi rakkoo fayyaa sammuu yeroon booda nama mudatuuf nama saaxila.

Akkasumas rakkoolee biroof nama saaxiluun du'a umurii maleetif dhibbeentaa 30 gumaacha jedhama.

Dabalataanis qophummaafi hawaasarraa adda cituun bu'aabakka hojiifi baruumsarratti argamu akka xiqqaatu gochuu danda'a.

Rakkoon qofummaa kun ammoo weerrara Kovidii waggota muraasa mudatee tureen hammaatera.

Sababa weerara kanaan namoonni dur walitti dhufanii qaaman wal-argaa turan akka wal-hin agarre gochuun manatti qofummaaf isaan saaxileera.

Qorannoo gaggeeffameen waliti dhufeenyi namootaa dhibbeentaa 16n hir'ateera.

Rakkoo qofummaa hidda gadi fageeffate kana bifa aadafi tarsiimoo baasun furuuf "walitti dhufeenyi biyya keenya keessa jiru deebi'ee akka jabaatu gochuuf tattaaffii waloo barbaachisa" jedhan Viived Murti.