Xiyyaarri sarara xiyyaara pirezidantii UStti dhihaate maaliif akeekkachiifame, maaltu mudate?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Listen: Air traffic controllers urge Spirit pilots to avoid Air Force One

Xiyyaarri kan Daandii Qilleensaa Ispirit (Spirit Airlines) ta'e wayita Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp daawwannaa UK'f qilleensarra osoo jiruu akeekkachiifame.

Xiyyaara Tiraamp ittiin imalaa turanitti dhihaachuusaa kan hubatan to'attoonni imala qilleensaa ''xiyyeeffannoo kenni'', ''of duuba deebi'i'' jechuun akeekkachiisaa turan.

Xiyyaarri kun wayita xiyyaara Pirezidantii US, Air Force One jedhamutti kiilomeetira 12.8 dhihaatee qilleensa Niw Yoork irrra balali'aa turetti ergaan akeekkachiisa jabaa of keessaa qabu deddeebi'ee qaqqabaa ture.

''Xiyyeeffannoo kenni. Xiyyaara Doonaald Tiraampitti dhihaachuurraa of qusadhu. Of duuba deebi'i,'' ergaan jedhu baayyinaan ergamaa ture.

Akka Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaatti (FAA) fageenyi xiyyaarota kunneen gidduu ture kan balaaf sodaachisu hin turre.

Garuu walitti dhihaachaa deemuun isaanii qondaalonni akka akeekkachiisa kennan dirqamsiiseera.

Dubbi himaan Spirit ''nageenya mirkaneessuun hojii keenya isa ijoodha,'' jechuun miidiyaa US kan michuu BBC ta'e CBS'tti hime.

Xiyyaarri Spirit Flight 1300 jedhamtu kun ''qajeeltoo sirna balalii fi ajajoota To'annoo Tiraafika Balalii Qilleensaa (Air Traffic Control) hunda kabajuun akkuma duraatti wanti addaa tokko osoo hin mudatin,'' akkaataama sagantaan Bostan qubatteetti jedhe daandiin qilleensichaa.

Xiyyaarri Spirit kun Filooriidaa irraa gara Masaachuseetis imalaa turte.

Imala qilleensaa kan hordofu Flightradar24 xiyyaaronni lameen qilleensa keessatti kiilomeetira 12.8 walirraa fagaachuun walfaana balali'aa turan jedhe.

Sarara kanarratti kiilomeetira 17.7 walirraa fagaachuutu irra ture.

Qorannoon jalqabaa Dhaabbata Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) ''xiyyaarri kun fageenya eegamuu qabu eegeera,'' jedha.

Sagaleen to'attoota tiraafikaa BBCn argate wayita to'attoonni irra deddeebiin xiyyaara Spirit Airbus A321 akka fageenyasaa eeggatuuf akeekkachiisan mul'isa.

''Spirit 1300 digirii 20 gara mirgaatti gori,'' jedha sagaleen LiveATC irraa ba'e tokko.

''Xiyyeeffannoo kenni, Spirit 1300 digirii 20 gara mirgaatti gori. Spirit 1300 digirii 20 gara mirgaa gori, amma. Hatattamaan koochoo Spirit 1300 gara mirgaatti digirii 20 gori amma kana,'' jedha sagalechi.

Balaliistonni xiyyaara kanaa ergaa darbaa ture hubataniiru, fudhataniirus. garuu sababa jeequmsi meeshaa sagalee waraabu irratti mudataa tureef deebiinsaanii sirriitti dhagahamaa hin turre.

To'attoonni ammoo akkas jechuun itti deebisu: ''Xiyyeeffannoo guddaa kenni, of eeggadhu. Spirit 1300 koochoo gara bitaa maayilii ja'a ykn saddeet achi fageessi, 787. Eenyu akka ta'e ni argita abdii jedhun qaba. Xiyyeeffannaa addaa itti kenni. Halluu aduu fi cuquliisa, sirriitti ilaali,'' kan jedhu irra deddeebiin dhagahama.

Halluun qaama gara alaa xiyyaara pirezidantii adii fi cuquliisa.

Pirezidant Tiraamp fi giifti duree Melaaniyaa Tiraamp Kibxata gara UK imalanii turan.