Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaan Al-shabaab loltuu Yugaandaa rifachiise-Pireezidant Yuweerii Museeveenii
Pireezidantiin Yugaandaa Yoweerii Museeveenii buufatni loltuu isaanii Somaaliyaa jiru gaafa Jimaataa milishoota al-shabaabiin weeraramuu himan.
Ibsa Tiwiitara irratti barreessaniin, loltuu isaanii Somaaliyaa buufatee jiru qeeqani.
Loltoonni al-shabaab loltoota Ergama Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa buufatee jiru irra bahan.
Akka pireezidantichi jedhanitti loltoonni rom'anii, dhiisanii deeman.
''Kuni barbaachisaa hin turre, humni ittisaa isaanii iddoosaa turuuf gahumsa qabaachuu qaba ture,'' jedhan.
Gaafa Jimaataa, Al-shabaab loltoota Yugaandaa ajjeesuu himus, Museevaniin namoonni ajjeefamuu amanan illee odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Boodarra Ameerikaan meeshaalee booji'aman fudhachuuf halellaa qilleensarraa raawwatteetti.
Dhimma kanarrtti qorannoon adeemsifamuutti jira.