Mormitoota irratti 'tarkaanfi' ni fudhanna - Pirezdaantii Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Torban tokko oliif hiriirri mootummaa mormuun erga gaggeeffamee booda Pirezdaantiin Iraan, mormiitoota irratti tarkaanfii fudhachuuf dhaadatan.
Pirezdaant Ibraahim Raayisiin mormiitota irratti “ malaan tarkaanfii” fudhachuuf dhaadataniiru, hiriirri mormii kun amma bulchiinsota Iraan 31’tti babal’ateera.
Qondaaltonni akka jedhanitti Mahsaa Aminii to’annoo poolisii jala utuu jirtuu erga lubbuun ishee darbee booda, hiriira mormii ka’e irratti namootni 35 ta’an lubbuu isaani dhabaniiru.
Magaalota hedduutti hokkorri uumameera.
Aminiin seera hijaabaa cabsiteetti jedhamuun to’annoo jala oolfamte ture.
Qondaaltonni poolisii uleedhaan mataashee reebani, dabalataanis mataashee konkolaataa isaanitti rukutanii akka turan himama.
Poolisiin shamarreen kun dararamuu isheef homaa ragaan akka hin jirree fi “tasa onneen ishee akka dhibate” himaniiru.
Pirezdaant Raayisiin du’i ishee akka qoratamu himanis, Ministirri biyya keessa Ahmad Vahiidii garuu Aminiin akka hin reebamne himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Gabaasni qorannoo reeffa ishee irratti gaggeefamee ilaalameera, raga baatonni dubbifamaniiru, viidiyoon ilaalameera, akka qorannoo kanaatti homaa reebichi akka hin jirre argataniiru,” jedhaniiru.
Vidiyooleen miidiyaa hawaasummaa irratti baafaman, hokkora hiriira mormii magaalota adda adda irratti turan ni mul’isu.
Viidiyoon tokko tokko humnootni eegumsa magaalota Piranshaar Mahabaad fi Urmiyaa keessatti rasaasa yemmuu mormitootatti dhukaasan agarsiisu.
Sanbata magaala guddittii Teehran dabalatee magaalota hedduu keessatti hokkorri hedduu akka ka’e mul’isa.
Mormitoonni bakka tokkotti walitti qabamuu dhiisuuf faffaca’anii akka turan gabaafameera.
Paartiin Waldaa Islaamummaa Uummata Iraan seerri uffannaa akka haqamuu fi “hiriirri mormii nagaa qabeessa” akka eeyyamamuuf gaafateera.
Amnesty International ragaan inni sassaabe “ humnootni Iraan beekaa fi seeraan alaan mormitootti rasaasa akka dhukaasan” akka mul’isu akeekkachiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Dabalataanis humnootni mootummaa Roobii qofa ijoolle sadii dabalatee namoota 19 rasaasaan ajjeessuu isaani ibseera.
Odeeffannoo kana BBC’n of danda’ee mirkaneessuu hin dandeenye.
Pirezdaant Raayisiin hiriira mormii kana “hokkora” jechuun fudhatama dhabsiisaniiru. Iraan “ kanneen nageenya fi eegumsa biyyatti jeeqan irratti tarkaanfii fudhachuu qabdi,” jedhaniiru.
Namootni dhibbaan lakka’aman humnoota nageenyan to’annoo jala oolfamaniiru. Sanbata irratti hogganaan poolisii bulchiina Guuyilan dubartoota 60 dabalatee namootni 739 ta’an bulchiinsicha keessatti qofa to’annoo jala oolfamuu isaanii ibsaniiru.
Namoota to’annoo jala oolfamanii turanii fi reebamneerra jedhan tokko tokko BBC’n dubbiseera.
Namichi tokko garmalee akka reebamee fi sana booda namoota hedduu biro waliin kutaa hidha xiqqoo keessatti dhidhamee, nyaata, bishaanii fi mana fincaanii hin argatiin akka turan himeera.
Humnootiin mootummaa miidiyaalee dhuunfaa fi rogeessota irratti tarkaanfii fudhachuu eegaleera.
Gartuun Gazexeessitoota Kunuunsu US’tti argamu, Wiixataa eegalee gazexeessitoonni 11 to’annoo jala oolfamuu isaani ibseera.












