Iraanitti maaltu tahaa jira, Interneetiinoo?

Guutuu Iraan keessatti hookkarri ka'uun interneetiin uggurame

Madda suuraa, Getty Images

Aktivistootni Iraan tajaajilli interneetii cufamuu fi hawwaasni odeeffannoo argachuuf rakkachuu himaa jiru.

Dubartiin warra Kurdi irraa taate tokko erga buufata poolisiitti ajjeefamtee hookkarri ka’uun torbee guutaa jira.

Gareen tajaajila interneetii hordofu Netblocks miidiyaaleen hawwaasaa Iraan eeyyamtu Inistaagiraamii fi WaatsiAappiin uggurameera jedhe.

Lammiileen Iraan miidiyaalee kanneen irra caalaa fayyadamu. WaatsiAappi tajaajilicha deebsiuuf akka hojjechaa jiru ibseera.

Lammiileen Iraan miliyoonotaan lakkaa’aman tajaajila Meta lameen kanneen fayyadamu.

Mootummaan Iraan dhiyeenya kana miidiyaalee kaan akka Feesbuukii fi Tiwiiterii ugguraniiru.

TikTook,Telegiraamii fi You Tube fa’aas yeroo hedduu cufamu.

Hookkarri biyyattii guutuutti ka’e ajjeechaa shamarree ganna 22 Mahisaa Amiinii hordofeeti.

Shamarreen kun danbii hijaabaa cabsite ykn rifeensa ishee hin haguugganne jedhamuun hidhamtee ture.

NetBlocks gaafa kamisaa halkan intrneetiin gariin deebi’ee ture. Garuu Jimaata guutummaan uggurame jedhe.

Uummanni Iraan tajaajiloota oonlaayinii fi aappii irraa adda citaniiru,’’ jedhe hogganaan Inistaagiraam Adam Mooshirii.

Mirgi isaan tajaajila oonlaayinii argachuu ariitiin deebi’aaf jennee abdanna’’ jedhe.

Kaan ammoo Metatu tajaajilicha adda kutaa jira jechuun himatu.

Yoo maxxansi tokko sadarkaa hawwaasaa Metaadhaan taa’e cabse teeknoloojiin adda baafamee ykn namni biraa gabaasa gochuun kan kaafamu taha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namootni kaan ammoo VPN fayyadamaniis WaatisAappii isaanii argachuu akka hin dandeenyes himu

Marsariitii banuun mootummaadhaan haalaan kan to’atamu yoo tahu, namootni VPN fayyadaman qabiyyee to’annoo mootummaan ala tahan kan biyya alaa argachuu danda’u.

Dhorkaan kun garuu adda fakkaata.

Uggurri interneetii kan dhufe sababa dhaabbatni tajaajila bilbilaa guddichi Iraan tajaajila oonlaayiniin ala [Offline] taheeefidha.

Kaampaaniin komunikeshinii bilbilaa Iraan maamiloota miliyoona 60 ol qaba. Torban darbe ministeri komunikeeshinii tajaajilichi kan adda cite sababa jeequmsa ka’een tahuu hime.

Garuu Isik Mater kaampaanii NetBlocks irraa ‚‘meeshaa guddaa mootummaan Iraan harkaa qabu interneetiidha,’’ jette.

Miidiyaaleen dhuunfaa tokkollee biyyicha keessa waan hin jirreef uummanni odeeffannoo kan waliif qoodu karaa tajaajila interneetii Kanaan qofa ture jette.

Iraanitti ajjeechaan buufata poolisiitti Amiinii irratti raawwate mormii guddaa kaasuun biyyattiin jeequmsa keessa galteeti.