Jireenyi hawaasummaa Itoophiyaa tatamsa'ina dhibee Maaree jaldeessaaf 'yaaddoodha'

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Social Media

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhukkuba Maaree Jaldeessaa (Mpox) qabamanii 8 ga'eera. Kamisa kaleessaa namootni 3 dabalataan qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, isa dura namootni 5 dhibichaan qabamuun mirkanaa'ee ture.

Jalqaba namootni lama (haadhaaf daa'imni) naannawa daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaa Hospitaalaa Mooyyalee keessatti kan galmaa'an yoo ta'u, daa'imni kun lubbuun darbuu Ministeerri Fayyaa Caamsaa 31, 2025 beeksiisee ture.

Ergasii namoota achuma Mooyyaalee keessatti dhibichaan qabaman dabalataan kaleessa naannawa Jimmaatti namoota xuxxuqqaa fi imala hin qabne lama biroo irratti vaayirasichi argamuu fi qorannoon dabalataa taasifamaa jiraachuu hogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaafi qindeessaa damee balaa fayyaa hawaasaa, Dr Tasfaaye Kibabaw BBC'tti himaniiru.

Akka Dr. Tasfaayeen jedhanitti qorannoo hanga yoonaa jiruun namootni kunneen dseenaa imalaa kan hin qabnee fi namoota dhibee kanaan qabaman waliin xuxxuqqiillee hin qabne akka ta'an dubbataniiru.

Kana malees namni seenaa imalaa qabu tokko kan dhibee kanaan qabame Wallagga Bahaarraa argamuu fi walumaa galatti lakkoofsi namoota dhibee Maaree Jaldeessaa kanaan qabamanii 8 gahuu himan.

Hanga ammatti haalli tata'imsa'ina isaa haala yaaddeessa ta'uu baatus hariiroon hawaasa keenyaa, meeshalee waloo fayyadamuu fi akkaataa daldalaa hawaasa keenyaa yoo ilaalle hatattamaan faffaca'uuf yaaddoo guddaa ta'uu akka danda'u Dr. Tasfaayeen kan himan.

Haa ta'uu malee hawaasni karaa ittiin daddarbu baree of eegannoo barbaachisaa kan taasisu yoo ta'e, waan guddaa yaaddessaadha jennee yaadnu mitis jedhan.

Fakkeenyaaf, daldala yoo ilaallee huccuu moofaa Keeniyaa irraa ka'ee hanga giddu gala Finfinnetti dhufu, namoota baayeetu bitaa, qaqqabatee ilaala. Kun salphaatti dhibichi akka tamsa'u fakkeenya ta'a.

Kana malees haala hawaasni meeshaalee waloo waliin fayyadamuu fi walitti dhiyeenyi hawaasichaa tatamsa'ina kana hammeessuu waan maluuf hawaasni of eeggannoo akka taasisu akeekkachiisan.

Nama maaree Jaldeessan qabamee mallattoon irratti mul'ate

Madda suuraa, EAC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyya Iswiidin irraa ogeessa fayyaa hawaasaa kan ta'an Dr. Bantii Galataa dhibeen Maaree Jaldeessaa akka VaayiraSii Koronaa utuu hin taane mallattooleen dhibichaa qaama irratti waan mul'atuuf hawaasni of eeggannoo gochuuf carraa guddaa akka ta'e dubbatan.

Kana malees miidhaan inni lubbuu namaa dhabamsiisuu irratti qabu xiqqaa ta'uufi sadarkaan faffaca'ina isaas salphatti to'atamuu danda'urra akka jiru himan.

''Ta'us garuu biyyota Afrikaa uwwisa bosonaa qaban keessatti hedduumminaan faca'uu isaatiin naannawa daangatti of eeggannoo taasisuun waanuma barbaachisuudha'' jedhan.

Akka Dr. Bantiin jedhanitti dandeettiin lubbuu namaa galaafachuu dhibichaa xiqqaa ta'us dandeetti dhibee ofirraa ittisuu qaamaa miidhuun dhukkuboota nama ajjeesan biroof nama saaxiluu akka danda'u eeran.

''Nama ajjeesuun isaa guddaa yaaddessa miti garuu madaan xixiqooon qaama irratti uumamtu baakteeriyaa adda addaa horachuun du'aaf nama saaxiluu danda'a''

Keessumaa daa'immaniif dubartootni ulfaa akkasumas dhukkubsattootni dandeettin ittisuu qaamaa isaanii dadhabee caalatti miidhaaf saaxilamoodha.

Haa ta'uu malee qulqullina dhabuun mataan isaa caalatti saaxilamummaa kana kan dabalu waan ta'eef namootni qulqullina isaaniif xiyyeeffannoo akka kennaan gorsu ogeessii kun.

ho'iinsa qaamaa, mata dhukkubbii dhukkubbii maashalee, guyyaa muraasa booda qaama irratti waan xixiqqoon ba'uu, fi malaa godhachuu,dadhabbii,dhaamochiisuu

Namootni mallattoon dhibee Maaree Jaldeessaa kana akka ho'iinsa qaamaa, mata dhukkubbii,dadhabbii,dhaamochiisuu, dhukkubbii maashalee, guyyaa muraasa boodammoo qaama irratti waan xixiqqoon ba'uu, fi malaa godhachuu,irratti mul'ate ykn namoota kanneen waliiin xuxxuqqii qaban mana isaanii keessa akka turanifi of daangessan hubachiisuun mala to'annoo dhibichaa keessaa ta'uu himu Dr. Bantiin

Maareen Jaldeessaa maali?

Dhibee Maaree Jaldeessaa Labaraatoorii keessatti

Madda suuraa, Science Photo Library

Dhukkubni kun naannawa Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessaa, biyyoota akka Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, waggoota dheeraaf mul'achaa ture.

Akka Dr. Bantiin jedhanitti naannawa bara 1970 keessa naannoo Rippaabilika Demokiraatawa Koongottii mul'ate.

Jalqaba bineensarraa gara namaatti kan daddarbu yoo ta'u, amma garuu dhukkubichi baay'inaan DRC fi biyyoota ollaa keessatti babal'achuun gara biyyoota Eeshiyaa fi Awurooppaattillee ce'aa jira

Dhukkubni kun vaayirasii baay'ee hin argamne 'monkeypox' jedhamuun kan darbu yoo ta'u, gosa vaayirasii dhukkuba busaa waliin kan wallitti akka dhiyaatu qorannoowwan kan eeran

Dhukkubni kun yeroo baay'ee ofuma isaatin guyyoota 14 hanga 21 gidduutti nama irraa bada. Qorichi hanga yoonaa dhukkuba kanaaf argame kan Tecovirimat (TPOXX) jedhamu akka mallattoleen dhukkubichaa namatti hin cimne kan ittisu qofa.

Talalliin vaayirisichaa hanga yoonaa bu'a qabeessa ta'e kan Jeyneyos jedhamu yoo ta'u, kunis saaxilamummaa yeroo dhiyoottis ta'ee gara fuulduraaa kan ittisuu danda'uudha.

Ta'us garuu talaalliichi namoota gargaarsa barbaadan hunda bira yeroo gabaabatti ga'uun isaa yaaddoodha.

Dhabbannoi Fayyaa Addunyaa oomishtoonni qoricha talaallii Maaree Jaldeessaa kan biroollee hatattamaa akka dhiyeessan gaafateera.