Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma waraana Itoophiyaarratti Manni Maree Nageenyaa UN murtoo irra hin gahin hafe
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) dhimma waraana Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruu irratti Onkoloolessa 21, 2022 balbala cufachuun kora gaggeeffatee ture.
Haa ta’u garuu walgahicha irratti yaada furmaataa dhiyaate irratti osoo walii hin galamiin hafuutu himame.
Gama biraan har'a magaalota Itoophiyaa garaagaraa keessatti hiriirri dhiibbaa fi gidduugalummaa biyyoota Lixaa balaaleffatu gaggeeffameera.
UNtti Ambsaaddara US kan ta’an Ambaasaaddar Liindaa Toomas ibsa kaleessa gaazexeessitootaf kennaniin waraana Itoophiyaatti gaggeeffama jiru dhaabsisuuf yaada furmaataa dhiyaate irratti manni maree nageenyaa osoo walii hin galin hafuu dubbatan.
“Manni Maree Nageenyaa yaada furmaataa baasuu irratti walii galuu dhabuun isaa nama gaddisiisa,” jedhan Ambasaaddar Liindan.
Waraana Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru irratti akka mariyatamuuf ajandaa fi yaada furmaataa kan dhiyeessan biyyoota Afrikaa sadii fi Norway yoo ta'an yaada dhiyaate irratti miseensonni mana maree UN walii hin galle jedhame.
Ambasaaddar Ibsa miidiyaaf laatan kanaan haalli Itoophiyaa keessa jiru toa’nnoon ala ta’uu, walitti dhufeenyi hawaasaa gargar caccabuu fi lammiilen nagaan rakkoo hamaa keessa jiraachuu isaanii dubbii Barreessaa Olaanan UN Antooniyoo Guteerez kana dura jedhan irraa fudhachuun dubbatan.
Hanga ammaatti hojjattoonni namoomaa 26 sababa waraana Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun du’uu isaanii kan dubbatan qondaalli US kun, loltoonni Itoophihyaa, Ertiraa fi TPLF kumaatamaan lakkaa’aman waraana hamaatti jiru jedhan.
“Waggoota lamaan darban keessatti namoonni walakkaa miliyeenaa ta’an du’aniiru. Rakkoon hamaan kana caalu akka hin mudanneef kuni US baay’ee yaaddessa, hunda keenya yaaddessuu qaba,” jedhan Ambasaaddar Liindan.
Itti dabaluunis, “waggoota lamaan darban keessatti hojjattoonni deeggarsa namoomaa 26 du’uu isaanii har’a dhageenyee jirra. Kana jechuun ji’atti [hojjattoota namoomaa] lamatu du’a,” jedhan.
Gama biraan ammoo Gamtaa Afrikaa jalatti mariin Nagaa Afrikaa Kibbaatti Onkoloolessa 24 akka itti fufu godhamuu isaatti akka gamadan himan.
Mootummaan Itoophiyaa fi aanga’oonni Tigraay marii Afrikaa Kibbbaatti akka gaggeeffamuuf Gamtaan Afrikaa affeere irratti akka hirmaatan beeksisanii jiru.
Marii kana irratti hirmaachuf qaamoleen lachuu fedhii agarsiisuun isaanii waan dansaa ta’uu kan himan Ambasaaddar Liindan mootummaan Itoophiyaa fi aanga’oonni Tigraay waraana dhaabanii carraa kanatti fayyadamuun marii akka gaggeessan gaafatan.
Kanaaf ammoo US karaa dippilomaasii tattaaffii Gamtaan Afrikaa taasisu deeggaraa akka jiruu bu’aa marii nagaa qaamoleen lamaan irratti walii galan kan cabsu kamuu irratti tarkaanfii akka fudhattu dubbatan.