Deeggartoonni Arsenaal Maan Yunaayitid mo'amuutti gammachuu ibsannaan hidhaman gadi dhiifaman

Madda suuraa, TWITTER / NBS TELEVISION
Gaafa Wiixataa Yugaadatti deeggartoonni Arsenaal saddeet ta'an kilabichi Maanchistar Yunaayitid mo'achuu isaatin daanditti bahanii gammachuu osoo ibsatanuu hidhamanii turan gadi lakkifaman.
Deeggartoonni kilaba Arsenaal kan hidhamanii turan Yugaandaa magaala Jiinjaa jedhamtu keessatti.
Deeggartoonni kilabichaa uffata taphattoota Arsenaal uffachuun waan waancaa fakkaatuus harkarratti qabatanii turan.
Poolisin sababa qabeef akka ibsetti dargaggoonni kunneen daanditti bahanii toora galanii gammachuu isaanii ibsuuf eeyyama hin qaban. Kuni seera cabsuudha jedhe.
Haa ta'u garuu har'a deeggartoonni kun akeekkachiisni kennameefii akka gadi lakkifaman odu himaan poolisii naannichaa Jeemsi Muubii dubbatan.
Deeggartoonni kun duudhaa kilaba Arsenaal dabalatee waan gochuu qabaniifi hin qabne sirriitti hubannoo akka hin qabne hime Jeemsi Muubii.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Arsenaal tapha Dilbata galgala dirree isaarratti Maanchistar Yunaayitid morkatee 3fi 2’n injifate.
Injifannoon kuni Arsenaal garaagartee qabxii shaniin liigicha dursuu akka itti fufu taase.
Dheebuu waancaa waggaa 19 xumura itti tolchuu mala jechuun deeggartoonni akka abdataniis taasise.
Deeggartoonni Arsenaal osoo konkolaataa shaniin toora galanii osoo gaafa Wiixataa daandirra deemaniiti poolisiin kan isaan dhaabsise.
Shanan keessaa tokko waancaa pirimiyeer liigichaa kan fakkaatu suuqiidhaa kan bitan qabateera.
‘’Waan balleessine hin beeku. Nuyi injifannoo Maanchistar Yunaayitid irratti galmeessineen gammachuu ibsaa turre,‘‘ jechuun deeggaraan Baaker Kasulee jedhamu dubbatee akka ture gaazexaan biyya keessaa Daily Monitor gabaasee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajajaan poolisii naannichaa Jeemis Mubi jedhaman kan ofiifuu Arsenaal akka deeggaran himan dhimma namoota hidhamanii akka ilaaluuf deeman BBC’f himan.
Garuu barri dorgommii walakkaarra osoo jiruu maalitti gammachuu ibsachuu jarjaran jechuun gaafatani.
‘’Deeggartoota morkattoota biraa waliin osoo falmiin mudate maaltu uumama ture? Tumsa nageenyaa akka isaaniif taasisu poolisii hin beeksisne,’’ jechuun himan.
Yugaandaa keessa namoota uffata diimaa uffatan maqaa deeggartoota paartii mormituun walqabsiisanii hidhuun baratamaadha. Hidhaan deeggartoota kanaa kanaan wal hin qabatu jedhan.
Gareeleen mirga namoomaaf falman ajaji Public Order Management Act jedhamu poolisin humna hin daangofne akka fayyadamu eeyyama kennaaf, kunis mirga lammiilee hacuucuuf oola jechuun qeeqan.
Agaater Atuhaayiree, ogeettii seeraafi rogeettii, eega manni murtii aangoo olaanaa poolisii Yugaandaaf kenne hambise boodas ‘’hacuuccaa’’ ittuma fufeera jedhan.
Yugaandaa akkasumas biyyoota Afrikaa kaan keessatti Arsenaaliifi Maanchistar Yunaayitid deeggarsa bal’aa qabu.
Yugaandaa keessa yeroo kilaboonni kuni taphatan manneen tapha agarsiisan namootaan guutamu.












