Biyyoota humna waraanaa hin qabne kunneen beektuu?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Humni waraanaa biyya walabaa tokko keessatti qaama lolaa akkaan hidhateefi qindaa'e mootummaa irraa beekamtii qabu, maallaqni itti bahuufi tikfamudha.

Humni waraanaa biyya kunis hojiinsaa ijoo waraana irratti hirmaachuu tahus hojiiwwan namoomaa kanneen akka nyaata, bishaaniifi tajaajila fayyaa fa'i warreen rakkoo keessa jiraniif dhiyeessa.

Biyyoota ammayyaa keessatti humni waraanaa yoo haleellaan biyya tokkotti dhufe qofa of irraa ittisuuf ooluu qaba kan jedhu qajeelfamni jira sababiinsaas biyyi tokko biyya walabaa biraa haleeluun seera idil-addunyaa waan cabsuuf.

Akka marsariitiin haala uummata biyyootaa ilaalu World Population Review jedhutti, biyyooti yeroo Waraana Addunyaa 1ffaa, Waraana Aduunyaa 2ffaa fi dhihoo immoo weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte biyyooti seera kana sarbuun haleellaa kallatti akka raawwatan agarsiisa jedha.

Biyyi tokko humna waraanaa jabaafi guddaa qabaaachuun akka mallattoo aangoo qabaachuutti kan ilaalamu yoo tahu lammiileeef ammoo miira wabii nageenyaa kennaafi.

Sababa kanaan biyyooti tajaajila waraanaa biyyaalessaa dirqama taasisan jiru.

Haa tahu malee biyyooti humna waraanaa dhaabbataa walabummaa biyyaa tiksu hin qabnes jiru.

Dhaabbanni Ameerikaa Odeeffannoo biyyoota biroo funaanu CIA'n biyyooti addunyaa 39 humna waraanaa dhaabbataa hin qaban jedha.

Biyyoota kunneen iddoo humna waraanaa poolisii nageenya irratti hojjetu ni qabaatu ykn ammoo waraana biyyoota biroo irratti hirkatu.

Biyyoota muraasa humna waraanaa hin qabne haa ilaallu.

Dhiyaadhaa!

Koostaa Rikaa

Koostaa Rikaan biyya Gidduugala Ameerikaatti argamtu yoo tahu uummata miiliyoona shan tahu qabdi.

Giddugala Ameerikaa keessatti biyya akkaan tasgabbii qabduufi qabeenyi uumamaa miidhagaa qabdurraan kan ka'e galiin hawwata tuurizimii irraa argamu galii olaanaa biyyattiidha.

Biyyi kuni naannicha keessatti sadarkaa jireenyaa fooyya'aa qabaattus uummanni lakkoofsa murteessaa jedhamu tahe sarara hiyyummaa gadi jiraata.

Biyyoota Gidduugala Ameeerikaatti argaman keessaa Koostaa Rikaa qofa humna waraanaa dhaabbataa tahe kan hin qabne.

Biyyattiin bara 1948 ture akka biyyaatti humna waraanaa qabaachuu kan hambiste, humna poolisii nageenya biyyattii tiksan Kolombiyaa fi Ameerikaa irraa leenjii fudhatu.

Bara 1948 pireezidantii yeroosii Raafaa'el Anjeel Kaalderoon garaagarummaa xiqqoon mo'amuun bu'aa filannoo fudhachuu didnaan waraanni waliinii guyyoota 44 tureefi lubbuu namoota 2,000 galaafate geggeefame.

Taatee kanaan booda bara 1948-49 keessa heera haaraa baheen biyyattiin humna waraanaa akka hin qabaanne labsame.

Paanaamaa

Qixxalamaan ardii Kaabaa fi Kibba Ameerikaatti kan argamtu Paanaamaan garba Atilaantikii fi Paasfikiinis kan daangefamtu yoo tahu biyyattiin faayidaa tarsimaawaa murteessaa qabdi.

Sababa kanaan Ameerikaan ija irraa hin libsattu. Karaan bishaanii Panama Canal galaana Kaarabiyaanii fi garba Paasifikii wal-quunnamsiisu bara 1914 hanga 1999tti to'annoo Ameerikaa jala ture.

Bara 1989 Ameerikaan Paanaamaa weeraruun hogganaa biyyattii yeroosii Maanu'el Nooriyeegaa biyyattii abbaa irrummaan bulchaafi wiirtuu daddabarsa qoricha sammuu hadoochu godhee ture buqqiiste.

Paanaamaan uummata miiliyoona afur kan qabdu yoo tahu dachee bosona roobaa guddaa qabaachuunis kan badhaatedha.

Bara 1991 paarlaamaan biyyattii haaromsa heeraa garagaraa gochuun biyyattiin humna waraanaa qabaachuu seeraan hambise.

Kanaan booda biyyattiin bara 1999tti Panama Canal guutummaan to'achuu jalqabuun dabalataan eegumsa Ameerikaa irra of bilisoomsite.

Dhihoo garuu Tiraamp erga filannoo 2025 mo'atanii booda Panama Canal dabarsanii kennuun ''dogoggora guddaa ture,'' jedhaniiru.

Biyyattiin humna waraanaa dhaabbataa qabaachuu baattus humna nageenyaa biyyaalessaa eegsisu qabdi.

Giriinland

Giriinlaand odola guddoo addunyaa kanaa yoo taatu biyya walabaa paarlaamaa ofii qabdu garummoo mootummaa Deenmaarkiin deeggaramtudha.

Baay'inni uummata biyya kanaa 57,000 dha.

Qaamni odola kanaa gariin daangaa Ameerikaa keessatti haa argamuyyuu malee aadaafi siyaasaan biyyoota Awurooppaa Noorweeyiifi Deenmaarkitti dhiyaatti.

Baajatni Giriinlaand lama sadaffaan Deenmaark irraa argama, inni hafe daldala qurxummii irraa argama.

Biyyattiin waggaa keessatti baatii lamaaf ifa aduu sa'atii 24 mul'atu argatti. Lafti biyyattii harki 80 cabbii km4 yabbatuufi hin baqneen kan uffifameedha.

Biyyattiin humna waraanaa kan hin qabne yoo tahu Humna Ittisaa Deenmaark magaalaa guddoo biyyattii Nuuk keessa jirutu tajaajila kana kennaaf.

Ameerikaanis to'annoo naannoo Arkitiik to'achuuf jecha buufata waraanaa biyyattii keessaa qabdi.

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyya kana fudhachuu akka barbaadan ibsanii ture.

Moorishiyees

Moorishiyees biyya tuuta odolawwanii baha Afrikaa, garba Hindii irratti argamtudha.

Biyyattiin uummata miiliyoona 1.2 kan qabdu yoo tahu tasgabbooftuufi dureettiidha.

Al-ergii sukkaaraa fi indaastirii tuurizimiin galii argattuun yeroo ammaa biyyoota Afrikaa kaanirra lammiin biyyattii tokko galiin guddaa argatuun boonti.

Biyya kana keessatti namni dhibbeentaa 90 tahu barreessuufi dubbisuu danda'a.

Moorshiyeesis biyya Afrikaa humna waraanaa dhaabbata hin qabneefi seera eegisuufi nageenya biyyaalessaaf humna poolisii biyyatti fayyadamtudha.

Xiinxaltoonni gariin akka jedhanitti biyyi kuni yoo weeraramte eenyu akka ittisaaf bobba'u beekamuu baatus hidhata siyaasaa fi diinagdee biyyoota naannoo wajjin qabdurraan kan ka'e waan ishee yaaddessu hin jiru

Hariiroo gaarii biyyoota ollaa wajjin qabduun dabalataan Gamtaa Awurooppaa wajjinis hidhata gaarii qabdi.

Afrikaa keessaa biyyi humna waraanaa dhaabbataa hin qabne Moorishiyees kana qofa.

Andoorraa

Bulchiinsi biyya xiqqoo Andooraa gaara Paareeniis irra daangaa Faransaayiifi Ispeen gidduutti argamti. Baay'inni uummata biyya kanaa 77,500 dha.

Biyyi xiqqoo dureettii taate kuni galiinshee harka 80 tahu kan argamu tuurizimii irraati. Waggaatti tuuristoonni miiliyoona 10 tahan biyyattii daawwatu.

Sirni baankii biyyattii investaroota alaas tahe biyya keessaaf qarshii baankii keewwataniif gibira xiqqoo ykn 0 jedhamu irraa kuta.

Biyyattiin waggaa 700 pireezidantii Faransaayiifi abuuna Ispeen naannoo Argeel jedhamuun bulaa turte.

Heerri Andooraa inni jalqabaa bara 1993tti kan ragga'e yoo tahu kanaanisa paarlaamaa hundeessuu dandeesseetti. Mana Maree Awurooppaafi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniittis makamteetti.

Ammallee pireezidantiin Faransaayiifi abuunni Argeella hoganoota kabajaa biyya kanaati.

Biyyattiin miseensa Gamtaa Awurooppaa miti garuu hariiroo addaa gamticha waliin qabduun qarshiif yuroo fayyadamti.

Biyyattiin humna waraanaa kan hin qabne yoo tahu poolisiin Ministeera Haqaafi Dhimma Biyyaa Keessaa jala bulu nageenya biyyattii eegsisa.

Andooraan waliigaltee Ispeeniifi Faransaayi waliin bara 1913tti mallatteessiteen humna ittisaaf biyyoota kanaan deeggaramti.

Vaatikaan Siitii

Vaatikaan biyya walabaa ishee xiqqoo addunyaa kanaa yoo taatu bakka jireenyaa hogganoota amantii Bataskaan Kaatolikii Roomaati.

Biyyi magaalaa kuni, daangaanshee magaalaa guddoo Xaaliyaanii Roomiin kan marfamt dha.

Uummati biyyattii 453 yoo tahu baayyeen isaaanii lubootaafi monokseewwan biyyoota garaagaraa sababa amantiif achi jiraataniidha.

Vaatikaan Siitiin baayyee xiqqoo yoo taatu(iskuuweer kiloomeetira 0.49) gamoowwan gurguddoon marfamteetti. Kunis gamoo Seen Piitar Baasiliikaa dabalata.

Biyyi walabaa Vatikaan Siitii kuni humna waraanaa qabaachuu baattus qaamni magaalattii bulchu Holy See jedhamu humna hidhataa magaalattiifi phaaphaasii eegu ramada.

Ayislaand

Biyya odola Kaaba Atilaantiik irratti argamtu dha. Biyyattiin bishaan ho'ituu lafaa burqituufi volkaanoodhaan beekamti.

Biyyattiin bara 1944 rippaabliika kan taate yoo tahu, kana booda badhaadhummaa diinagdee biyyoota dursan keessa galte.

Bara 2008tti garuu diinagdeen ishee kufuun moodeela diinagdee balaa qaburra akka ijaarame agarsiise.

Bara 2008'n dura lammiileen biyyattii indaastirii qurxummii kiyyeessuurratti qofa xiyyeefatu ture, seektarrii kuni dadhabaa dhufuun biyyattiin diinagdeeshee dameewwan haaraa dabalataa irratti akka ijaartu ishee taasiseera.

Biyya kana kaanirra adda kan godhu humna waraanaa ofii otoo hin qabaatiin miseensa NATO tahuusheeti.

Akkuma biyyoota odolaa kaani baayyee Ayiislaand illee humna ittisaaf biyyoota ollaa irratti hirkatti.

Deenmaarkiifi Noorweeyi akkasumas miseensota NATO kaan waliin waliigaltee eegumsa nageenya qabdi.

Biyyi kuni humna waraanaa ofii hin qabaatiiniyyuu malee nageenyi biyyaalessaa ishee yaaddoo keessa buunaan humnoota ishee deeggaran qabdi jechuu dha.

Ayislaand Ameerikaa waliin illee waliigaltee qabduun humna ittisaa kan argattu yoo tahu Ameerikaan gamasheen odola kana buufata waraanaa galaanaaf itti fayyadamti.

Ayiislaand humna waraanaa qabaachuu baattus eegdota galaanaa hidhataniifi humnoota farra shororkeessummaa qabdi.

Seenaawwan akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.