'Waancaa addunyaa injifachuun dura kan Afrikaa irratti mootii tahuu qabna' - Leenjisaa Morookoo

Garee Morokoo fi Biraaziil

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan garee kubbaa miilaa Morookoo Waaliid Reegraaguyi waancaa addunyaa injifachuun dura kan Afrikaa yeroo lammataaf injifachuu akka qaban gareesaatti hime.

Waancaa Addunyaa 2022tti gareen biyyaalessaa Morokoo walakkaa xumuraaf kan qaqqabe yoo tahu Sanbata darbe immoo garee akka addunyaatti kubbaa miilaan adda-duree jedhamu Biraaziliin mo'ataniiru.

Tahus gareen Atlas Lion(Leencota Atlaas) jedhamuun beekamu erga bara 1976 as Waancaa Afrikaa argatee hin beeku.

''Taphattoota kootti ardii keenyarratti mootii otoo hin tahiin, addunyaarratti mootii tahuu hin dandeenyu jedhee itti himeera,'' jedhan Reegraaguyi.

Leencoti Atilaas Waancaa Addunyaa afran darban qaqqabuun biyya Afrikaa jalqabaa yoo tahan, Biraaziil Waancaa Addunyaa al afur mo'atte, tapha michoomaa Sanbata darbe taasisaniin 2-1' n mo'ataniiru.

Leenjisaan kuni kana kan dubbatan Morokoon kubbaa otoo hin dhiitiin dorgommii Afcon 2023f iddoo argachuu isheen booda dha.

Afrikaa Kibbaa fi Laayibeeriyaan 2-2 qixxee bahuun lameen isaaniiyyuu garee Morokoo Garee K keessa jiru akka hin qaqqabne isaan taasiseera.

''Unuuf Biraaziil injifachuun waan guddaa dha, garee akka FIFA'n kaa'utti sadarkaa olaanaa keessa jiru dha, ammoo Biraaziil biyya kubbaa miilaati,'' jedhan Reegraaguyi

''Kuni ji'a Ramadaanaati, salaata Taraawwii taasisuun booda dhugaa tahuufi dhiisuusaa mirkaneessina,'' jedhan.

''Mo'icha keenya ni kabajna garuu karaa baayyeetu nu hafa. Akka malee tahuu hin qabnu,'' jedhan.

Soofiyaan Boofaal fi Abduulhaamiid Saabiriituu mo'icha Morokoo mirkaneessee. Taphataan Maanchastar Yuunaayitiid Kaasimeeroon immoo kubbaa Seelaakaawoof dabarsetu goolii tahe.

Leenjisaa garee Morokoofi taphattoota

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Afcon miilanaa irratti iddoo argachuu mirkaneessuun booda dha leenjisaan kuni taphattootatti addunyaa injifachuun dura Waancaa Afrikaa mo'achuu akka qaban kan itti hime.

''Waancaa Afrikaa dirqama mo'achuu qabna jedhee yoon itti himu, akkan ukukkubsaetti yaadu,'' jedhe.

''Of eeggchuun qaba, mo'achuuf otoo hin taan kan taphannu, gammachuu keenyaaf taphanna.''

Leencoti Atilaas Layibeeriyaan goolii lama qabaachuurraa Afrikaa Kibbaa biyya taphicha qopheessitu wajjin qixxee b'uun gadi buunaan, Leencoti Atilaas qabxii ja'aan Garee K keessaa dorgommichaaf darbuu mirkaneessan.

Kanaan dura lama waan mo'ataniifi garee Zimbaabween gidduugaltummaa mootummaan tapharraa waan arii'ameef Morokoon garee gadi bu'uun sadiitti qoodame keessaa taphaaf darbiteetti.