Taphataan Morookoo fi PSG Ashraaf Hakiimiin yakka gudeeddiin shakkame qoratamuu eegale

Taphataa PSG Ashraaf Hakiimii

Madda suuraa, Getty Images

Abbootiin alangaa Faransaay lammii Morookoo kilaba Faransaay PSG'f taphatu Asharaaf Hakiimii yakka gudeeddiin shakkuun qorannoo irratti gaggeessuu jalqabuu maddeen itti dhiyeenya qaban himan.

Dubartiin ganna 25 tokko Ashraaf Hakiimiin Guraandhala 24 mana isaa keessatti na gudeedera jechuun himatte.

Maddeen akka jedhanitti taatee kana Dilbata waajjira poolisiitti gabaasa goote. Garuu himannaa irratti hin banne.

Abbaan alangaa ummataa Lixa paaris naannoo Naanteree jedhamuu dhimma kana qabatanii jiru.

Garuu yaada irratti kennuuf eeyyamamoo hin taane. Shakkii yakka gudeeddii dhiyaate kana garuu qorachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Hakiimiin Ispeen keessatti dhalate. Hiddi dhaloota isaa garuu Morookoodha.

Tapha waancaa adunyaa Kataar irratti biyya isaa morookoof taphataa murteessaa ture.

Kanaanis seenaa haaraa hojjechuun Morookoon biyya Afrikaa jalqabaa walakkaa xumuraaf geesse akka taatu gargaareera.

Taphataan kun gahumsa agarsiiseen sirna badhaasa taphattoota ciccimoo adunyaa Fifa’n Paarisitti qopheesse irratti argamuun beekamtii argateera.

Kanaanis taphattoota Fifa ciccimoo 11 filaman [FIFPro] keessatti filameera.

Waayillan isaa kaan akka Kiliyaan Imbaappee fi Mesii waliin wal tajjiitti bahees badhaasa fudhateera.

Himata amma irratti dhiyaateef Haakiiminis tahe kilabni isaa PSG’n yaada hin kennine.

Kana dura taphattoota kubba miilaa akka taphataa Maanchister Yuunaayitid Mason Giriinwuud, taphataa sarara ittisa cinaa Maan Siitii Beenjaamiin Mendii fa’a irrati himanni yakka gudeedii dhiyaachuun yeroo dheeraaf qoratamaa turan.

Giriinwuud mana hidhaa erga turee himata irratti dhiyaatan gara 10 irraa bilisa jedhamuun dhiyeenya hiikameera.

Kilabni isaa garuu ammayyuu gara taphaatti isa hin deebisne. Mendiin ammoo himata gariin irraa bilisa jedhamuun kaan ammayyuu qorannoo irra jira.