Waancaa Addunyaa: Morookoon Ispeen injifachuun gara nuusa xumuraatti dabarte

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa Kataaritti adeemsifamaa jiruun Morookoon Ispeen penaalitiidhaan injifachuun gara nuusa xumuraatti dabarte.
Biyyoonni lamaan yeroo idileefi yeroo dabalataatti galchii malee erga xumuran booda ture rukuttaa adabbiii xumuraan kan adda bahan.
Taphicha dura leenjisaan Ispeen Luwiis Henirikuwee penaalitiif sirriitti qophaa'u isaanii ibsaniis gareen isaanii 3fi 0'n penaalitiin mo'ameera.
Karri eegaa Morookoo, Yaasin Boonoo, galchiiwwan lama deebise. Taphataan Fireench Liig Ashraaf Hakimii galchii biyyi Afrikaa kuni itti injifatte lakkoofsiseera.
Injifannoon kuni biyya Afrikaa Kaabaaf injifannoo guddaadha. Gara nuusa xumuraatti yoo darban seenaa keessa yeroo jalqabaafi.
Leenjisaan Morookoo Walid Regragui leenjisaa kubbaa miilaa Afrikaa jalqabaa garee isaanii gara nuusa xumuraa Waancaa Addunyaatti dabarsan ta'aniiru.
Leenjisaan kuni Hagayya darbe ture garee kana leenjisuu kan eegalan.
Biyyoota Afrikaa Waancaa Addunyaa Kaataar irratti hirmaatan keessaa biyyi hirboo maayii [nuusa xumuraatti] dabarte Morookoo qofadha.
Tapha itti aanu Morookoon abbaa Porchugaaliifi Siwizarlaand keessaa injifate morkatti.
Waancaan Addunyaa yeroo jalqabaaf giddugala Bahaatti qophaa'e taateewwan ajaa'iboo keessummeessuu itti fufeera.
Dirreen Education City jedhamuufi deeggartoota Morookoon guutame yeroo taphi xumuramu gammachuu guddoo ibsan.












