Waancaa Addunyaa irratti dogongorri Senegaal gatii kaffalchiise - Leenjisaa

Karra eegaa Senegaal Mendii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Karri eegaa Senegaal Mendiin wagaa afur booda cimnee dhufna jechuun dubbate

Leenjisaan garee biyyaalessaa Senegaal Aliyuu Siisee dogoggorri ittisuufi kaan Ingilaandiin 3fi 0’n mo’amanii Waancaa Addunyaa keessaa bahuuf sababa ta’uu himan.

Guyyaa Dilbataa tapha gara hirboo maayii [nuusa xumuraatti] darbuuf taasifameen ture biyyi Afrikaa Senegaal seenaa ishee waggaa 20 dura osoo irra hin deebi’in kan hafte.

Maqaa masoo ‘Leencota Teraangaa’ jedhamuun kan beekaman gareen Senegaal boqonnaa dura galchiin lama itti gale.

‘’Taphi daqiiqaa 90 fudhata, boqonnaa dura bareeda taphannee carraa uumne, garuu haala nama gaddisiisuun galchuu dhabne,’’ jedhan leenjisaan tapha dura isaan dhukkubee ture kuni.

‘’Afrikaa irraa garee cimaa ta’uf waggootaaf dalagne, garuu garee cimaa addunyaa shan keessaa tokko ta’e waliin walitti dhufnee garaagarummaa jiru hubanne,’’ jedhan.

‘’Hamma cimuu qabnu hin cimne ture,’’ jedhan.

Ingilaand galchii sadaffaa boqonnaa booda itti dabaluun hirboo maayii irratti Faransaay waliin akka taphattu mirkaneeffatteetti.

Gareen Faransaayis ga’umsa cimaan garee Polaand gaafa Dilbataa 3fi 1’n injifateera.

Akaatuma kanaan Senegaal biyya Afrikaa afraffaa Waancaa Addunyaa Kataar hirmaatan keessaa qe’eetti deebi’u mirkaneeffatte taateetti.

‘’Waancaa Addunyaa dura ciminni Senegaal ittisuu ture,’’ jedhu leenjisaan kuni.

‘’Waltajjii kana irratti galchiin hedduu akka nutti seenu eeyyamuun keenya ibsuun nama rakkisa. Irra deebinee ilaaluu qabna.

‘’Waancaa Addunyaarratti dogongora raawwattuuf gatii kanfalta,’’ jechuun ibsan.

Waggaa afur dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti Senegaal ramaddii ishee keessaa darbuu hin dandeenye ture.

Biyyi Afrikaa shanaffaa Waancaa Addunyaa kana irratti hirmaatte Morokoon guyyaa Kibxataa Ispeen morkatti.

Leenjisaan Senegaal gareen isaanii milkaa’uu dhabus biyyoonni Afrikaa ni fooyya’u abdii jedhu qabu.

Leenjisaa Senegaal taphataa Ingilaand Haari Keen waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Senegaal taphataa Ingilaand Haari Keen waliin

‘’Shaampiyoonaa addunyaa ta’un salphaa miti, Afrikaa keessatti garuu bu’uraaleen misoomaa fooyya’aa jiru,’’ jechuun dubbatan.

‘’Daarektaroota teknikaa dabalataa barbaanna, abbaa seerummaa irrattis dalaguu qabna.

‘’Kana dura dogongoroota raawwanneerra. Halkan tokkoon sirreessuun hin danda’amu. Biyyoota Afrikaa hunduu keessatti imaammati ispoortii jira.

‘’Dorgommiiwwan akkanaa mo’achuu yoo barbaanne kanneen cimsuu qabna,’’ jechuun himan.

Karri eegaa Senegaal Eduwaard Mendii gama isaan‚’’Taphattoota ciccimoo qabna, ammas barachaa jirra. Bara 2026’tti cimnee deebina.

‘’Akkan yaadutti gareen kuni [Senegaal] cimaa jira. Kana waggaa guutuu agarsiisneerra,’’ jechuun karra eegaa Chelsii ta’uunis kan tajaajilu kuni dubbate.

‘’Garuu garee cimaa [Ingilaand] morkanne,’’ jechuun mo’amuu isaaniin mufachuu ibsee garee Ingilaandiif waan gaarii akka hawwu dubbate.