Biyoonseen qaala'iinsa Siwiidinitti uumameef maaliif komatamte?

Biyoonsee Siwiidin, Istookoolm keessatti

Madda suuraa, SIAN BLACKHAM/PA WIRE/Gettyimages

Kanaan dura waraana Yukireen, gatiin boba'aa addunyaa dabaluufi omishni dhiyaatu hir'achuun qaala'insa gatiif sababoota akka ta'an beektu ta'a.

Amma garuu namni dhuunfaa qaala'insa gatiif sababa ta'uu yoo dhageessan maal jettu?

Weellistuun beekamtuu Ameerikaa qaala'insa gatii biyya Siwiidin keessatti uumameef sababa jedhamuun komiin yeroo isheerratti dhiyaatu dhageessan maal jettu?

Ji'a darbe keessa Biyoonseen konsartii sirbootashee itti agarsiistu qopheessuuf biyyoota Awurooppaa waliin gahaa turteetti.

Biyyoota Awurooppaa Biyoonseen daawwii sirbaa itti qopheessite keessaa tokko ammoo Siwiidin ture.

Sababa keessummoota weellistuu beekamtuu kana arguudhaaf bakka gara garaatii dhufaniif hoteelonniifi manneen-nyaataa guutanii bakka iddiin bu'ullee hin turre.

Biyya Awurooppaa dureettii Siwiidin keessatti qaala'insi jireenyaa ji'a Caamsaa keessa hanga tilmaameen ol ta'uun % 9.7 galmaa'uun gaaffii kaase.

Biyyattiinis maaltu sababa ta'e jettee dinagdee ishee gaafa ilaaltu Biyoonseen sababa tokko taatee argamte.

Qaala'insa uumameefi ammoo gatiin hoteelaafi nyaataa dabaluu akka ta'e mirkanaa'eera.

Ogeessa Baankii Daansikee kan ta'e Mikaa'el Giraan Biyoonseen industirii hoteelaa dadammaqsiti jedhee eegee ture.

Haata'u malee, gatiin hoteelaa, nyaataafi bakkawwan bashannanaatti gatiin akka dabaluuf sababiin Biyoonsee ta'uu hin oolle jechuun tilmaameeera ogeessi dinagdee kun.

"Ani qaala'insa gatiif Biyoonsee hin komadhu. Haata'u malee, yeroo isheen hojii muuziqaashee agarsiisuudhaaf Siwiidin dhuftetti qaala'insi gatii dabaleera," jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyoonseen waggaa torbaa booda hojii muuziqaashee biyyoota gara garaatti agarsiisuu jalqabdeetti.

Sagantaan weellistuu kanaa gaaga'ama dinagdee fida jechuun rakkisaa ta'us daawwannaa sirbashee kanarraa hanga ji'a Fulbaanaatti Paawondii Biliyoona 2 ni sassaabama jedhamee tilmaamama.

Neetwoorkiin hoteelotaa Airbnb jedhamu akka gabaasetti, bakkawwan Biyoonseen hojii muuziqaashee itti agarsiiftutti fedhiin fayyadamtootaa baayyee dabaleera.

Tikeetiin guyyaa beeksifame keessatti dhumatee, gabaa maddee irratti gatii qaala'aa ta'een gurgurama.

Fakkeenyaaf, qophii muuziqaashee UK magaalaa Kaardiif keessatti qophaa'eerratti namoonni kuma 60 Biyoonsee daawwachuuf argamaniiru.

Keessummoota Libaanos, Awustiraaliyaafi Ameerikaa irraa osoo hin hafiin dhufaniin magaalaa Landan keessatti hoteela argachuuniyyu rakkisaa ta'ee ture.

Hoteelli dhibuu isaarraa kan ka'een namoonni mana hinqabne baasii mootummaatiin hoteela tokko keessa buufatanii turan ari'amuun isaanii ijoo dubbii ta'eeyyu ture.

Dowwii muuziqaa Biyoonseen Siwiidin, magaalaa Istookoolm keessatti qopheessite irratti namoonni kuma 45 kan argaman yoo ta'u, Amerikaanonnillee baayyeetu ture.

Qophii Siwiidin tureef tikeetiin kan gurguramaa ture Kiroonaa Siwiidiniin osoo hin taane dolaara Ameerikaatiin ture.

Dhaabbanni Visit Stockholm [Istookoolmiin Daawwadhaa] jedhamu galiin turiizimii ji'a darbe akkaan dabaluu isaatiif dhiibbaan Biyoonsee keessaa jira jedhe.

Qaala'insi gabaa Siwiidin %9.4 ta'a jedhamee eegamus lakkoofsi kun dablaee %9.7 qaqqaeera.