Biyoonseen badhaasa Giraamii 32 mo'achuun rekardii cabsite

Biyoonsee wayita badhaasa fudhattu

Madda suuraa, Getty Images

Biyoonseen waltajjii badhaasa Giraamii baranaa irratti badhaasicha 32 fudhachuun rekardii cabsiteetti.

Weellistuun kuni shubbisa filtamaa/albamii elektiroonikiin walleeshee addaa Renaissance jedhamuun mo'atteeti seenaa kan dalagde.

Haala kanaan reekardii ogeessa muuziqaa lammummaa Biriitiishfi Haangaarii qabu Goorji Soolti badhaasa kana al 31 fudhateefi reekardii qabatee waggaa 20f ture dha cabsite

''Miira koo to'achuuf yaalaan jira,'' jette artistiin collee kuni wayita badhaasicha fudhattu.

''Halkan har'aa kana akkasumaan keessummeessuun yaala,'' jette.

Otoo isheen beekamtuu hin tahiin dura eessuma ishee lubbuun darbe, uffata wal-tajjiitti baatu qopheessuufi ture galateeffatte, maatiishees galateeffatteetti.

Biyoonseen kana dura eessumnishee dhukkuba HIV wajjin jiraachaa ture fedhii shubbisaaf qabdu irratti akka dhiibbaa taasise himtee turte. Sirba ishee isa Renaissance jedhu irratti immoo hidhati inni jaalattoota saal-walfakkaataa wajjin qabu dhiibbaa godheera jette.

Sagantaa badhaasa Giraamii ammallee adeemsifamaa jiruun olaantummaa qabachuunshee itti fufuu mala

Badhaasa mummee galgala kanaan, badhaasa albamii bara kanaa, akkasumas wallee fi rekardii qabachuun sirbashee qeenxee Break My Soul qophaa'aa jirti.

Loos Anjeelasitti tiraafiikiirra danqamtee badhaasotashee jalqabarra kennaman otoo ofiin hin fudhatiin hafteetti.

Komeediyaaniin lammii Afrikaa Kibbaa,''tiraafikiin si dhaabsisuun na ajaa'ibsiiseera,'' jechuun qooseera ergasheen bakka sirna badhaasichaa geessee.

''Yeroo fi bakkaan waan daangeeffamtu hin se'un ture,'' jedhe.

Badhaasni Giraamii indaastirii muuziqaa keessa iddoo guddaan kan kennamuufi dha, sagantaan badhaasichaas 'halkan muuziqaa guddicha,'' jedhama.

Kan miilanaa Dilbatarra qophaa'e irratti weellistoonni beekamoo kanneen akka Adeel, Teeyilar Iswiift fi kaanis argamaniiru.