Argamni bunaa eessa, hayyoonni seenaafi antirooppoloojii maal jedhu?

Itoophiyaatti argama bunaa ilaalchisee yaadota gara garaatu jira. Kaan Jimmatti argame yoo jedhan kaan biraa ammoo Kibba Lixa Itoophiyaatti jedhu. Haata'u malee qorattoonni seenaa dhimma kanarratti waan himan qabu.

Argama bunaa irratti BBC'n yaada hayyoota seenaa fi antirooppoolojii haasofsiisuun akka asiin gadiitti qixxeessera.

Dhimma kanaafis ka'umsa kan ta'e kitaabni mata duree 'Seenaa Bunaa fi Siyaas-Dinagdee Shanan Gibee" jedhu baraa'uun baatii Amajjii keessa eebbifameedha.

Barreessaan kitaabichaa Saalim Amiinii jedhama. Saalim gaazexeessaa raadiyoo hawaasa Jimmaa kan ture yoo ta'u, yeroo sana qophii 'Sona Shanan Gibee' jedhuufi kan aadaa, seenaafi hawaas-dinagdee hawaasa Jimmaa (Shanaan Gibee) irratti xiyyeeffatu dhiyeessaa ture.

Iddoon argama bunaa "hayyoota wal falmisiisaa ture" kan jedhu Saalim, ragaalee gara garaa kaasuun argamni bunaa Jimma Aanaa Gommaa Coocee Kattaa Mudugaa ta'uu kaasa.

"Jila Oromoo bunni keessaa dhabame hin jiru. Bunni dhalootaa kaasee, fuudhaa hanga du'aatti Oromoo Shanan Gibee waliin walitti hidhaminsa guddaa qabu. Dinagdeesaati, jiruufi jireenya isaati" jechuun haariiroo bunaafi hawaasichaa ibsa.

Itti dabaluni, "argama bunaarratti yaadota gara garaatu hayyoota biraa ka'a. Kibba Lixa Itoophiyaatti akka argame qorannooleen ni mul'isu; haata'u malee Coocee fi Mankiraadha [Kafaa] iddoon jedhamu jira. Akka qorannoo kootitti garuu iddoon argama bunaa Coocee [Jimma] ta'uu kan agarsiisudha" jechuun ibsa.

Kitaabichi qorannoo irratti hundaa'uun akka barreefame kan kaasu Saalim, Gadaa Odaa Hullee fi Seenaa Mootota Shanan Gibees akka hammate dubbata.

Dr. Dheeressaa Dheebuu, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa seenaa yoo ta'an, Gddugala Qorannoo Oromootti ammoo darektaradha.

"Aadaa Oromoo keessatti bunni jalqaba akka dhugaatiitti osoo hin ta'iin, akka nyaataatti buna qalaatiin jalqabe" jechuun qorannoo Jeems Biruus caqasa.

"Yoo xinnaate gara waggoota kuma lamaatti kan siquuf Oromoon irra caala yeroo karaa deemu akka galaatti kan fayyadamu buna qalaa ture. Garuu gara dhugaatiitti jijjiiree kan jalqabe [irratti] haala adda addaatu jira. Coocee Kattaa Mudugaa kan jedhu ragaan jira,'' jedhu.

Kan biraa ammoo ''Kafaa irraa Mankiraa bakki jedhamu jira. Warri Yaman ammoo sirumayyuu nutu jalqabe dheedhiinsaa asii [Itoophiyaadhaa] haa dhufu malee, akka dhugaatiitti jijjiiree kan jalqabe nuyi kan jedhu jira" jechuun ragaaleen gara garaa jiraachuu dubbatu Dr. Dheeressaan.

Ragaalee aadaa hawaasaa bu'uureffachuun nyaataaf dhugaatiin walqabsiisuun, "naannoo Gibeen alayyuu bakka Oromoon jiru hundatti bunni iddoo guddaa qaba. Waa hundaaf buna jedha Oromoon. Buna biras hin darbu'' jechuun bunni aadaa Oromoo keessatti beekamtii qabu dubbatu.

Buna immoo qofaasaa [duwwaa] hin dhugamu; aannan wajjin dhugama. Keessumattuu bakkeewwan aadaan [ganamaa] jirutti, bunni gurraachi duwwaa hin dhugamu. Bunni qalaas dhadhaadhaan hojjetama. Inni dhugamus, inni nyaataamus waan looniitiin walqabateet Oromoo biratti beekama.

Kana malees, "Aadaa Oromoo keessatti ennaa durba kadhatan margaafi bunatu ergama. Bunaafi marga sana yoo deebisanii fidan, hin kennine jechuudha. Yoo achumaan hambifatan ammoo ni kennine jechuudha. Isaan booda immoo jili adda addaa kan akka gaa'ila keessatti buna dhaabbachuu, marga raggasifachuu, buna raggaasifachuu kan jedhamu wajjin bunatu deema. Enna wayila kadhatu buna geesseetu'' jechuunnibsan.

Gama hawaasummaatinis bunni ummata walitti fiduu fi walitti hidhuu keessatti gahee guddaa qaba. Akka haphee ummata kan walitti hidhudha. Bunaafi nagaa hin dhabinaa jechuun waa'ee nagaas ennaa haasa'u, buna wajjin nagaan bu'a jedhee yaada.

Araara ennaa adeemsisu, jila adda addaa ennaa geggeessu, Oromoon bunaan waa hunda jalqaba, bunaan waa hunda galcha" jechuun hariiroo bunni hawaasummaafi dinagdee Oromoo waliin qabu ibsu Dr. Dheeressaan.

Pirofeesar Tasammaa Taa'aa, Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa seenaati. Kitaabni kun "falmii iddootti waan galche natti fakkaata'' jedhan.

Warri argamni bunaa iddoo biraati jedhanii falman jiru. ''Isaaniinis achi dhaqee gaafatee, qolaa baasee bunni iddoo kamitti akka argame akeekkateetu barreesse'' jedha.

Seenaa keessatti [falmisiisaa] kan jedhu jira mitii, walitti falmaa gatii jiraniif, falmii kana keessatti baay'ee ragaa funaannatee jabinaan bunni iddoo kamitti akka argame, ''Shanan Gibee waliin ammoo walqabatee jira. Garaa gara akka hin bane bunni aadaa Oromoo keessa gatii jiruuf, keessattimmoo Shanan Gibee" waliin hariiroo cimaa qabaachuu akeeke jechuun ibsu.

"Bunni jiruuf jireenya Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. 'Koottaa buna dhugnaa' jedha Oromoon waa afeeruu yoo barbaadu. Buna dhugna jedhee waan biraa sii fiduu danda'a. Bunni maqaafi kabaja guddaa qaba Oromoo biratti.

Buna qalaa dhadhaan yeroo keessa galu dhaadateetu warra qopheessu wajjin waliin haasa'u. Aarrikee Waaq gahi, tollikee nu gahi. Biyya biyya nagaa godhi. Sa'a mucha arfaniin nu elemfachiisi. Karra keenya nuu bal'isi jedheetu Oromoon buna wajjin walitti jira.

Bunaafi nagaa hin dhabinaa jedha yeroo hundumaa. Nagaa fi bunni walduukaa deema Oromoodhaaf" gahee bunni aadaa Oromoo keessatti qabu dubbata Prof. Tasammaan.

Dr. Gammachuu Magarsaa, hayyuu Antirooppoolojiiti. "Oromoo biratti fudhaa heerumni buna malee hin ta'u. Dhawaa dhibaayyuun buna malee hin ta'u. Tarrabbaa dhukkisuun, Aadaa-Gadaan, Hamaa-hariin iakkasumas Soqaa-safaqiin isa malee hin ta'u'' jechuun barbaachisummaa bunni aadaa keessatti qabu tarreessu.

Bunni waanni inni keessa hin jirre hin jiru. Aadaa Oromoo [keessatti] wanni buna qalaa malee ta'u hin jiru" jechuun gahee ijoo bunni jiruuf jireenya Oromoo keessatti qabu ibsu. "Waanni [kun] waan Gadaa keessa jiru, waan aadaa keessa jirudha; waan Qaalluu itti buludha" jechuunis dabaluun ibsu.

Maanguddoo Jimmaa Abbaabiyyaa Abbaajoobir, fira aantee mootii AbbaaJifaar lammaffaati.

Argamani bunaa "Itoophiyaa ta'uu irratti waliigaleera namni. Kanuma ijoon dubbii. [Itoophiyaa] keessaa eessa [kan jedhurratti] Gomma keessa Cooceedha kan jedhu jira; jarri Kafaammoo lakki nu bira Kafaadha kan jedhan jiru; Sidaamnis Sidaama keessa kan jedhu jiru. Achi ta'us as ta'us Itoophiyaa keessatti kan jalqabame. Asirraa ka'eetu egaa Arabooni dur biyya isaanii geessanii 'Koffii Arabikaa' kan jedhu maqaa itti baasuun.

Fayidaansaa tokkoffaan dinagdeedha. Wantumti Itoophiyaan ittiin beekamtu tokko al-ergii bunaati. Jireenyuma ummataa keessatti, waa baay'ee laaffisa. Ganama ennaa ka'an walgahanii, ollaan wal waamee taa'ee buna dhuguun walitti dhufuu namaa fida. Walitti dhufuu kana keessammoo hiika rakkoo haasa'u. Waaqayyos ni kadhatama. Urgaadhumtisaa baay'ee nama geeddara. Ni laaffisa" jechuun ibsu Abbaan Biyyaa.

Dr. Jiraa Mokonnin, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataa Antirooppoolojii yoo ta'u waraqaa PhD isaa bunaa fi hariiroo inni ummata Oromoo waliin qabu irratti qorannoo taasise.

"Argama bunaa ilaalchisee yaada adda addaatu jira. Bunni eessatti argame, gaaffiin jedhu gaaffii jabaa, ulfaataafi ragaa saayinsiitiin, ragaa arkiwoolojiitiin mirkanaa'uu qabu natti fakkaata. Bunni muka, muka daggala keessa jiru waan ta'eef, naannoo qilleensaa walfakkaatu keessatti daangaa ce'ee, faffaca'ee biqiluu danda'a. Kanaaf bunni gama sanatti, gama kanatti, garanatti, muka sana jalatti, laga akkasiitti argame jedhanii dubbachuun akka nama waa'eesaa dubbisee, qorateetti na rakkisa" kan jedhan Dr. Jiraan.

Itti dabalunis "Bunni naannawaa Kibba Lixa Itoophiyaa keessumatti Godina Jimmaa, naannoo Gommaa fi naannoowwan isa fakkaatan hanga Bunnoo Beddelleetti gadi bu'ee ijji bunaa faffaca'ee jiraataa akka ture ragaan tokko tokko ni mul'isa," jedhu.

"Anaan kan natti fakkaatu mukti bunaa eessatti argame jedhanii gaafachuurra, osoo eenyutu jalqaba bunatti fayyadame, ummata isa kamtu sirriitti waa'ee bunaa aadaa isaa waliin walitti hidhee itti fayyadamaa jira inni jedhu sirrii natti fakkaata" jechuun haala kanaan irra caalmaa hubatamuu akka danda'u dubbatu, Dr. Jiraan.

"Bunni naannoodhuma kana keessatti argame jechuu dandeenya. Naannoo Coocee, Kattaa Mudugaa gara aggaaroo kana gaafa deemnu, namoonni ragaa adda addaa sitti agarsiisanii asitti argama namaan jedhu. Sun ta'uu danda'a'' jedhan.

''Naannoon biraa, godinni biraallee akkasuma na biratti argama jedhee kan falmu jira. Kana hunda sirriitti mirkaneessuuf, qorannoon bal'inaan geggeeffamee. Ragaan arkiwoolojii osoo jiraatee sirrii natti fakkaata" jedhu hayyuun antirooppoolojii kun.

Keessumatti Oromoon naannoo Gibee keessa jiraatu buna haala jiruufi jireenyasaa keessatti haala gadi fageenya qabuun akka itti fayyadamanidha. Aadaan kamiyyuu, jiruuf jireenyi hawaasa kanaa kamiyyuu waan bunaa malee, osoo buna hin oomishiin, osoo buna hin dhugiin, itti hin fayyadamiin wanti geggeeffamu tokko akka hin jirre hubachuu danda'eera."

Gaafa dubartiin ciniinsifattu, buna akaawuun akka kadhataniif, akka itti urgeessan kan kaasu Dr. Jiraan, "foolii aara bunaatu Waaqa bira gaha. Warri Booranaas haala kanaan hubatu" kan jedhu.

Bunni dhugaatii qofa otoo hin taane waltajjii araaraa, kadhannaa, nageenyaafi marii ta'uu ibsa.

Oromoon Shanan Gibee waan sadiin keessummaa simatu jedhu. ''Gaafa ati manasaanii dhaqxu barcuma sii kennu. Itti aansanii buna danfisu, sadaffaa irratti Jimaa cabsanii si fiduu'' jechuun ibsan.

Gaafa karaa deeman akka galaattillee buna baattatanii deemu jechuun, ''namni tokko qabeenya qaba kan jedhamu yoo buna qabaatedha. Buna qabaatee maasiisaa qotatee, maatiisaa yoo gorfatedha. Buna malee jiruufi jireenyi akka hin jirrett hubatu'' jechuun ibsu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.