Boca siinii bunaa guddicha magaalaa Jimmaatti ijaaramaa jiru

Boca siinii bunaatiin ijaarsi guddaan erga Magaalaa Jimmaatti hojjetame booda waan hunda caalaa ija namaa kan qabatu ta'eera. Namoonnis miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodaa turaniiru.

"Misooma koriidaraa wajjin walqabatee, Jimma biyya bunaa waan ta'eef, naannoo marfata Abbaa Jifaar biratti siinii aadaa bunni ittiin dhugamu" hojjetamuun hidhata Jimmi buna waliin qabdu jabeessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsan Itti gaafatamaan waajira Turizimii magaala Jimmaa Obbo Najiib Raayyaa.

"Biraandiin keenya buna" kan jedhu Najiib, "hojiiwwan guddaa buna wajjin walqabatee hojjetamaa" jiraachuu kaasa.

"Siiniin dhaabachuun mallattoodha. Sammuu keessatti waa uumuu danda'a. Siinii gaafa ilaaltu, buna wajjiin walqabata waan ta'eef. Mallattoo maaliitii? jedhee gaafata namni. Bunni siniidhaan dhugama; aadaa wajjin walqabata. Inni kun mallattoo guddaadha. Miira [gaarii] namatti uuma. Inni kun isa jalqabaati, ganaa itti daballa. Qabatamaanis namni Jimmi biyya bunaa akka taateyyuu akka hubatu," taasisa jechuun ibsa qorataan seenaa kun.

Dhiyeenya lammiilee Xaaliyaanii daawwannaaf magaala Jimmaa akka dhufan kan kaasu Najiib, ijaarsa boca siinii hojjetame sana biratti sirba Jimmaatiin bohaaruun akka dinqisiifatanis dubbata.

"Akka addunyaatti turistoonni barbaadaa kan jiran, turizimii qabeenya uumamaa bu'uureffate- nature based tourism waan ta'eef, Jimmaaf naannawaanshee ammoo qabeeya uumamaan badhaatuu waan taateef filatamaa akka taasises dubbata.

"Bara Abbaa Jifaar lammaffaa namoonni biyyoota Xaaliyaan, Jarman, Faransaay, Giriik fa'ii dhufanii daawwacha turan. Aadaa, duudhaa, safuu fi qabeenya uumamaa qabnu ilaaluudhaaf dhufaa akka turan seenaan ni ibsa," jedha Najiib.

Itti dabalunis, "ji'oottan lamaan dura lammiileen Beeljiyeemii fi Faransaay aadaa buna qalaa keenya daawwachuudhaaf dhufanii, sagantaa asumatti qopheessine. Buna qalaa qofa miti, masaraa, godambaa daawwatanii" akka turan himu itti gaafatamaan kun.

Bara bulchiinsa Xaaliyaanii Jimmi magaalota Finfinnee fi Asmaraa waliin magaalota dorgommii saayikiliitiin beekaman sadan keessaa tokko akka taate kan kaasu Najiib, dorgommiin saayikilii fi saayikiliidhaan buna daawwachuu Komishiniin Turizimii Oromiyaa taasisaa jirus seenaa sanaan akka walqabatu ibsa.

Sagantaan torbee tokkoof ture kunnaan buna, hambaalee fi aadaa Oromoo naannawaa Jimmaa, Bunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Booraa beeksisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus dubbata.

"Torban lama dura Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo kan oomishaa bunaatiin beekamu irraa kaasnee Sidaama keessa deemnee Aanolee Gujii buna oomishan hedduu daawwannee deebine" kan jedhu darektarichi amma ammoo Godinaalee Jimmaa, Bunnoo Beddellee fi Iluu Abbaaboor akka daawwatan BBC'f ibseera.

Seektaroota dhiheeya kana akka biyyaatti xiyyeeffannoo argatan keessaa turizimiin isa tokko yoo ta'u, bunni ammoo oomishaalee biyyaaf sharafa alaa argamsiisan keessaa isa hangafaati.

'Jimma argama Bunaa'

"Akka biyyaatti naannawaan Jimmaa [madda bunaa] jedhamee yaadama. Gaafa siinii argu namni buna yaadata. Seenaa san gaggaafachuu danda'a. Bunaan walqabatee Jimma akka yaadatan [miira gaarii] ni uuma jedhee yaada" jechuun ijaarsi boca sinii bunaa magaala Jimmaatti hojjetamaa jiru seenaa Jimmi buna waliin qabu agarsiisuuf akka gumaachu ibsa Abduun.

"Akka Komishinii Turizimii Oromiyaatti bara darberraa kaasee damee waajiraa magaalaa Jimmaatti hundeessinee jirra. Kenna tajaajilaa fooyyessuuf, kanaan dura giddugalli dhandhama bunaa hin turre. [Amma] giddugala dhandhama bunaa gara 21 ijaarree jirra" kan jedhu darektarichi "gara fuulduraatti wantoota oomisha bunaa waliin walqabatan jabaannee hojjenna" jechuun akeeka.

Itti gaafatamaan waajira Turizimii magaala Jimmaa, Najiib Raayyaa gama isaatiin, "waa'ee Jimmaa gaafa kaastu waa'ee Abbaa Jifaartu dhufa. Abbaa Jifaaritti aanee ammoo waa'ee bunaatu dhufa. [Bunni] aadaaf seenaa Oromoo Jimmaa wajjin hidhata guddaa qaba," jechuun ibsa.

"Akkuma beekmau Jimma bakka argama bunaati. Coocee Kattaa Mudhugaa [bakka jalqaba bunni itti argame jedhamu] magaala Jimmaarraa Kiiloomeetira 58 fagaatee argama. Hambaawwan qabatamaa ta'aniyyuu naannoo sanaa argachuu kan dandeenyu, buna waggoota dheeraa lakkoofsisan, buna baggajjaafaa argachuu dandeenya" jechuunis seenaa Jimmaaf bunaa ibsa Najiib.

"Bara Abbaa Jifaar lammaffaa bunni baay'inaan akka dhaabbatu ajajaa akka dhaabbatu ajajaa akka turan" Aleeksaandar Giraatooviich lammiin Raashiyaa kan waggaa 120 dura Jimma daawwate barreessee akka ture hima qorataan seenaa Najiib. Godaa hambaa magaala Jimmaa keessas seenaan hariiroo Jimmaa fi bunaa ibsu jiraachuu dabaluun dubbata.

Dawwannaa Bunaa saayikiliidhaan

Bara bulchiinsa Xaaliyaanii magaalota dorgommii saayikiliitiin beekaman sadan keessaa tokko Jimma akka turtetu himama. Daawwannaa Bunaa Komishinii Turizimii Oromiyaatiin torban tokkoof qophaa'e irratti Jimma, Bunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Boor daawwachuu eegalan.

Dorgommiin saayikilii Mudde 29 Jimmaa hanga Aggaarootti taasifames qaama sagantaa kanaa ture. Kunis seenaa duraan Jimmi dorgommii saayikilii waliin qabduun walqabata.

Sagantaan daawwannaa bunaa kanaan dura godinaalee Arsii Lixaa fi Gujiittis taasifamee kan ture yoo ta'u, kaayyoo bunaa fi aadaaf seenaa buna waliin walqabatu beeksisuu akka qabu himame.

Bunni jecha tokko ta'us waan baay'eef oola jedhu qaamoolee sagantaa kana qindeessan. Bunni fayidaa dinagdeerra darbuun qaama aadaa fi hawaasummaa ummataa ta'ee dhimmi itti bahama.

Hariiroo bunni aadaa fi hawaas-dinagdee keessatti qabu sirnaan agarsiisuufi beeksisuuf, hojiilee Komishiniin Turizimii Oromiyaa dalagu keessaa tokko dawwannaa bunaati.

Dawwannaan buna akka qaama turizimiitti yaadamee hojii kan eegale waggaa afur ta'us yeroodhaa yerootti gabbataa akka dhufeedha Komishinii Turizimii Oromiyaatti, Darektarri Gabaa fi Beeksisaa, Abduu Galgaloo BBC'tti kan himan.

Daawwannaan bunaa kunis barana waggaa afraffaa ta'uu dubbata Abduun. Kan baranaa kan adda taasisu garuu sagantichi qophiilee akka dorgommi saayikilii, saayikiliidhaan buna daawwachuu fi dhaabbileen idil-addunyaa akka Laa Maarzookoo (La Marzocco) jedhamu kan maashinoota bunaa oomishuun beekamuu fi kaan waliin walta'uun saganticha qopheeffamu saati jedhu.

"Jimmaaf guyyaa lama qabne. Tokko naannoo Jimmaatii buna daawwachuudha. Gaafa Dilbataa [Mudde 29] Jimmarraa kaasee hanga Aggaaroo waldorgommii biskileetii Kiiloomeetira 42 qopheessine" jechuun ibsa Abduun.

"Jimmaa hanga Aggaaroo saayikiliidhaan deemna. Naannoo Beddellee illee saayikilii oofuun waan Bunnoo Beddellee jiru ilaallee, [Iluu Abbaaboor] Mattuuttis wantota dhiyeerra jiran saayikiliin daawwanna.

Fakkeenyaaf [oyiruun] qonna Gumaroo jira, bosonni Yaayyoo [Yooyyoo Coffee biosphere-kan UNESCO'tti galmaa'e] jira. Kanneen sayikiliidhaan daawwanna" jechuun dabalee hima darektarri kun.

'Biyyoonni buna turizimiifis fayyadamu'

"Biyyoonni gara garaa buna gurgurtaaf qofa hin fayyadamani; turizimiifis ni fayyadamu" kan jedhu Abduun, "biyyi keenya oomisha bunaatiin"beekamtus fayidaa bunarraa argamu danuun garuu xiyyeeffannoon ala waan tureef gara hojii kanaatti akka seenan dubbata.

''Kaayyoon daawwannaa bunaas "turizimiin bunaa biyya kanaaf galii akka maddisiisuuf" akkasumas qabeenya uumamaa buna waliin jiran, aadaa fi seenaa hawaasni buna waliin qabu mul'isuu fi beeksisuu akka ta'es hima.

Daawwannaan bunaa kunis turizimii hawaasa bu'uureffate-Community based tourism yoo ta'u haawasa naannoo sanatti argamu hirmaachisuun adeemsa ittiin buna oomishan, aadaa fi seenaa hawaasni buna waliin qabu turistootatti agarsiisuun buna gurgurtaaf qofa otoo hin taane beekumsaa fi ogummaa hawaasichaa addunyaatti agarsiisuuf kaayyeffate.

"Turistoonni biyya alaatii yeroo dhufan aadaa bunni hawaasa waliin qabu ilaaluudhaaf gaafatu" kan jedhu Abduun, wanti kun sirriitti baramaa babal'ataa yeroo dhufu hawaasaafis ta'ee biyyaaf galii akka uumu ibsa.